Shawaa Bahaa, Oromiyaa: Helikooptarri kufee caccabuun lubbuu namoota 18 galaafate

Helikooptarri waraanaa har'a ganama Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Bahaatti kufee caccabuun lubbuun namoota 18 darbe.

Helikooptarri Humna Qilleensa Itoophiyaa loltuu 15 fi namoota siviilii 3 walumaa galatti namoota 18 fe'ekun Dirree Dhawaa irraa gara Bishooftuutti imalaa ture.

Helikooptarichi Godina Shawaa Bahaa Aanaa Lumee Ganda Ejeree jedhamtutti wayita gahu kufee caccabuun, imaltoonni 18 hunduu lubbuunsaanii darbuu, Obbo Addisuu Araggaa fuula Facebook isaaniirratti maxxansaniiru.

Ka'umsi balaa kanaa qoratamaa jiraachuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaa jiru.