Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Meteor: Taateen Noorweyitti halkan guyyaa fakkeesse lammiilee biyyattii hedduu ajaa'ibsiise
- Barreessaa, Joshua Nevett
- Gahee, BBC News
Taateen samii kibba-baha Noorweyitti halkan guyyaa fakkeesse lammiilee biyyattii akkaan ajaa'ibsiise.
Viidiyoowwan waraabaman ifa fagootti faca'ee mul'atu mul'isaniiru. Ergasii booda dho'iinsa guddaatu dhagahame jedhaniiru kanneen gaafa Dilbataa ijaan argan.
Taateen samii kana godhe 'meteor' akkaan ifudha. Kunneen wantoota dhagaa yookiin sibilarraa tolfamanidha.
'Meteor' dhagaa hawaa keessa jiru yoo ta'u atmosferii dachee saffisa guddaan seenee booda furguggifamaa samiirratti gubata. Kanaanis, ifa guddaa mul'isu.
Poolisiin Noorwey bilbilli hedduu itti bilbilamuu kan hime yoo ta'u, ta'us miidhaan namarra gahe yookiin qabeenyarra badiin dhaqqabuu gabaasni jedhu bira hin geenye.
Erga taateen kuni mudate booda ekispartoonni 'meteor' wanti kubbaa fakkaatee samiirraa ifu magaalaa guddoo Noorway Osloo biratti bu'e jechuun amananiiru. Kanaanis, barbaachatti ka'aniiru.
Akka dhaabbata Neetworkiin Meteor Noorway jedhutti kubbaan samiirraa gubatee mul'atu sakandii shan ta'uuf mul'atee ture.
Sakandii tokkoon 16.3km kan imalu dha. Taateen kuni bakkeewwan kibba biyyoota Iskaandiniviyaan mul'atu netwoorkichi beeksiseera.
Astironomariin Noorway Vegaard Rekaa BBC'tti akka himanitti haati warraa isaanii yeroo kuni akka sa'aati biyyattiitti barii sa'aati torbatti mudate dammaqanii turan.
Wanti ''samii keessa furguggifamu'' mul'atuufi isa booda dhoo'u dhagahuu dubbatan. Akka isaan jedhanitti waanuma mana isaanii bira bu'e itti fakkaate.
Qorannoon duraa tarii dhagaan samiirra baqaa ture bakkee Finnemarka jedhamuufi Lixa magaalaa Osloorraa 60km fagaattee argamtutti lafarra bu'uu hin oolle jedhaniiru.
Kanneen bosona keessa kaampii godhatan ''mataa isaanii gubbaa dho'iinsa guddaa dhagahuu'' Rekaan himaniiru.
Xiinxala amma jiruun meetiyoorri lafa bu'e yoo xiqqaate 10kg ulfaata jedhameera.
Guddaa ta'uu baatus, namoonni hedduu waan arganiif yookiin dhagahaniif 'meteor' waan addaati jedhan astoronomariin Noorwey.
Kanneen isaan waliin Neetworkii Meteor Noorwey keessa dalagan, Morten Bilet, kanneen dho'iinsa kana taajjaban keessaati.
Akka Rooyitarsitti himanitti, 'meteor' Noorway keessa haalaan mul'ate yeroo Maarsiifi Jupitar gidduu imalu saqqii asterooyiid solaariitti bu'uu hin oolle jedhan.
Wanta mudate Obbo Bilet akka waan sodaachisaa ta'eetti ibsani. Balaqqisoon 'meteor' akkanaa hammana kan barame miti.
Garuu, bara 2013 yeroo gaara Raashiyaarra bu'e yoo xiqqaate namoota 1,600 irratti miidhaa yoo dhaqqabsiisu, qabeenyarras miidhaan dhaqqabeera.