Itoophiyaan gabaasa miidiyaalee Masrii dhimma guutinsa hidha haaromsaa kufaa goote

Miidiyaaleen biyya Masrii tokko tokko "Itoophiyaan hamma bishaanii kuusuuf karoorfatte hin guunne" jechuun tibbana gabaasa baasan Itoophiyaan kufaa goote.

Guutinsi bishaanii marsaa lammataa milkiin xumurame jechuun ibsi ministeerri Bishaan, Jallisii fi Inarjii baase 'soba' jechuun marsariitiin 'egyptindependent' jedhamu ogeessa waabeffachuun gabaaseera.

Oduun 'Itoophiyaan bishaan hanga karoorfatte hin guunne' jedhu "faarfannaa hin milkoofne, kufeera kan jedhu eegaluufi," jedhan dubbi himaan ministeera haajaa alaa Itoophiyaa ambaasaaddar Diinaa Muuftii.

"Kuni garuu waan hojjetu miti," jedhan ibsa idilee ministeerri haajaa alaa miidiyaaleef kennu irratti.

Ambaasaaddarichi wayita Itoophiyaan ijaarsa hidhichaa eegaltettillee qaamoleen tokko tokko soba ta'uu dubbataa akka turan himan.

Hidhichi bishaan hagamii akka kuuse gaazexeessitootaan kan gaafataman ambaasaddar Diinaa Mufti "ani quba hin qabu. Dhimmichi dhimma namoota waa'ee bishaanii beekan /hydrologist/ dha.

"Namootni hidhicha ijaaran kan nutti himan garuu marsaa lammaffaan guutamuu fi tarbaayinootni lama dhiyootti hojii akka eegalanidha" jedhan.

Dabalataan Itoophiyaan ijaarsa hidhichaa itti fufuun marii gama Gamtaa Afriikaatin taasifamuuf qophii ta'uu himaniiru.

Lammilee Saa'udiirraa deebi'an

Mootummaan Itoophiyaa lammiilee isaa biyya Saa'udi Arabiyaatti rakkoo garaagaraa keessa turan Kuma 41 ol gara biyyaatti deebisuu ambaasaaddar Diinaa Muuftii himaniiru.

Itoophiyaan torbee sadi dura ture lammiilee biyya Saa'udiitti rakkoo keessa jiran yeroo gabaabaa keessatti deebisuuf karoorfachuushee kan himte.

Hanga ammaatti lammiilee 41,000 ol gara biyyaatti fiduuf balalliiwwan xayyaaraa 130 ol taasifamuu dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaddar Diinaa Mufti ibsa midiyaalef laataniin himaniiru.

Itoophiyaan lammiilee Kuma 40 biyyatti deebisuuf karoorfattee akka turte kan himan ambaasaaddarichi lammiilee Itoophiyaa buqqisuufi gara biyyaatti dhiibun waan itti fufeef lakkoofsichi guddachuu himan.

"Mootummaan Saa'udii dararaa lammiileera gahaa jiru sirreessuu akka qabu gama diplomaasiitin hojjetamaa jira" jedhan.

Gama biraatin hookkara Afriikaa Kibbaatti ummameen walqabatee lammiileen Itoophiyaa miidhaan qaamaa irra gahee fi qabeenyi isaanii saamame akka jiran kan himan Ambaasaaddar Diinaan, kan miidhaman yaala argachaa akka jiran himan.

Haata'u malee lammiin Itoophiyaa sababa hookkara biyyattiitti uummameen lubbuun darbe akka hin jirre dubbatan.

Imbaasin Itoophiyaa biyyattiitti argamus dhimma lammiilee Afriikaa Kibbaatti argamanii dhiyeenyaan hordofaa akka jiru himaniiru.