Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Miidiyaarraa fagaatanii kan turan Jenaraal Birhaanuu Juulaa 'ajaja eegaa jirra' jedhan
Miidiyaarraa torbanootaaf dhabamanii kan turan ajajaan waliigalaa Humna Waraanaa Itoophiyaa Jenaraal Birhaanuu Juulaa, ''Raayyaan Ittisa Biyyaa yeroo kamuu caalaa humna gaariirratti argama,'' jedhan.
Itaamaajoor shuumiin waraana biyyattii kun mootummaan naannoo Tigraay keessatti qofaatti waraana dhabuu isaa dura guyyootaaf erga labsichi labsamees hanga Wiixata kaleessaatti miidiyaaleef ibsa kennanii hin beekan.
Hidha haaromsaa Itoophiyaatti marroo lammataaf bishaan guutuun xumuramuu hordofee Wiixataa ibsa kennan keessatti, ergaa baga gammaddanii uummata biyyattiif dabarsaniiru.
Waraana Tgraayiin walqabatee ''gareen shororkeessaa aggaammiisaa itti fufa taanaan, ajaja kennamuuf hordofee tarkaanfii barbaachisu fudhachuuf qophiidha,'' jechuunis dubbatan.
Haasaan isaanii kun kan dhagahame Sagantaan Nyaata Addunyaa UN konkolaattonni fee'umsaa qarqaarsa fe'anii gara Tigraay imalaa jiran irratti naannoo Affaaritti haleellaan raawwachuu wayita himetti.
Haleellaa kana eenyu akka raawwate ammallee adda kan hin baane oggaa tahu, garuu taateen kun waraanichi ammallee itti fufee jiraachuu kan agarsiisudha.
Viidiyoo haarayaa bahe kanarratti haala amma duraan adda tahen qondaalli waraanaa kun fuula keessa huuqqatani kan mula'tu oggaa tahu, namoonni fayyaasaanii dhabaniiru taha jechuun yaadasaaniis kennaa turan.
Miidiyaarraa dhabamanii kan turan ajajaan kun, lubbuun darbeera kan jedhuufi fayyaasaaniin walqabatee yaadonni akka akkaa marsaalee hawaasaa gubbaa deddeemaa turan.
Waa'ee fayyaasaanii ilaalchisee tibba nageenya isaaniirratti gaaffiin ka'aa ture BBC'n kan dubbisee qondaalli waraanaa kun ''fayyaa guutuun qaba,'' jedhaniiru.
Jeneraal Birhaanuu maal jedhan?
Waajira Muummee Raayyaa Ittisa Biyyaarraa ibsa viidiyoon deeggarame kan kennan Jeneraal Birhaanuu Juulaa, Hidha Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa ilaalchisuun kan dubbatan oggaa tahu, ''marroo lammeessoof bishaan guutuun xumuramuunsaa lammiilee Itoophiyaaf guyyaa injifannooti,'' jedhan.
Dabaluunis: ''Hidhaan kun sadarkaa amma jirurra akka gahuuf lammiileen Itoophiyaa waltahinsa olaanaan hojjetaniiru,'' jechuun, Itoophiyaan kaayyoo biyya kamuu miidhuu hinqabdu jedhan.
Gama kaaniin ammoo waraana Tigraay ilaalchisee ''Tigraay keessaa kan baane murtee siyaasaa mootummaan murteesseeni. Murteen kunis sirriidha jennee amanna,'' jechuun deebi'uu haala danda'urrattis dubbataniiru.
Waraana ji'a saddeetiin booda waraanni boqqonaa fudhachaa akkasumas irra deebiin gurmaa'aa akka jiru kan akeekan Jeneraalichi, ''qophii keenya haala olaanaa taheen xumuraa jirra. Ergama mootummaan nu kennuuf qophii taanee eeggachaa jirra,'' jedhan.
Dabaluunis humni finciltootaa kun ''giddugaleessa kan godhate uummata yoo tahe, haga har'aa uummata Tigraay kan darare waan gahuuf, labsii waraana dhaabuu mootummaan mijeesse fudhachuu qaba. Innis waraana dhaabee, gaaffiin siyaasaa barbaadu jiraannaan mari'achuu akka qabu gorsina.''
Qondaalli waraanaa olaanaa Itoophiyaa kun haalonni humnaan itti fufu taanaan ''Raayyaan Ittisa Biyyaa sadarkaa wayita waraana jalqabnutti olitti cimaa, muuxannoo kan qabuufi haalaan ka hidhatedha. Ajaja mootummaa eeggataa jira,'' jedhan.
''Haala amma jiruun itti fufu taanaan, akkuma barre gochuun keenya hinoolu... bahi jedhamnaan ni baana, galis jedhamnaan akkasuma,'' jechuunis raayyaan isaanii mootummaa jalatti kan argamu akka tahe eeran.
''Bowwoo mataallee hinqabu'
Waa'ee fayyaasaanii ilaalchisee BBCtti kan dubbatan Itaamaajoor shuumii waliigalaan Jeneraal Birhaanuu Juulaa, hojiin itti baay'atee akka turee fi gama fayyaatinis wanti isaan mudate akka hinjirres himan. ''Dhibbaan dhibbatti faayyaa dansaa keessan jira.''
Fayyaasaanii ilaalchisee dhimmoota haasawamaa turan irrattis: ''Namni wayita yaadaan gargar qoodamuufi diinummaan wayita wal ilaalutti, qaama diinakooti jedheef waan gaarii hin yaadu,'' jedhan.
''Kuni hawwii humnoota nu waliin falmachaa jiraniifi muchuuwwan isaaniiti. Waa'ee fayyaa kootii 'raagduun' ana caalaa beeku waan jiru hin sehu. Mataa bowwoollee hinqabu'' jedhan.