Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Kanneen Somaaleen qaama Itoophiyaa ta'uu hin feenetu humnaa addaa erguu keenya morma' Musxafee Muhammad
Pirezidaantiin naannoo Somaalee Musxafee Muhaammad Umar miseensonni humna addaa naannichaa gara Tigraayitti imaluusaanii BBC Afaan Somaaleetti himan.
Obbo Musxafeen turtii BBC Somaalee waliin taasisaniin, gaaffii motummaa federaalaatiin naannichaaf dhiyaate hordofuun duula seera kabachiisuu naannoo Tigrayiitti gaggeeffamu irratti hirmaachuuf humna erguusaanii mirkaneessan.
Itti dabaluunis, TPLF motummaa jidduugalaa ''dhabamsiisuuf'' karoorfatee socho'aa jira jedhan.
''Haaluma gaaffii mootummaa federaalaatiin dhiyaate hordofuun waraanaa garee shororkeessaa TPLF balleessuuf gaggeeffamu irratti hirmaachuuf sochooneera,'' kan jedhan pirezidaantichi, osoo humnootii addaa gara naannichaa hin ergiin dura qaamolee dhimmsaa ilaallatu waliin marii taasisuu ibsaniiru.
"Dhimmi akkasii kan naannooti. Murtees kan kenninu nuyi. Ta'us ammoo qaamolee dhimmisaa ilaalatu hunda waliin mari'achuun murtee kan dabarsine.''
Obbo Musxaffeen dabaluunis, ''qaamolee akka humni addaa waraana kanarratti akka hin hirmaanne jechuun mormii dhageessisan kanneen sirna duraa hawwanii fi kan naannoon Somaalee qaama Itoophiyaa ta'uun isaaniif hin fudhatamnedha,'' jedhaniiru.
Waraanni naannoo Tigraayitti gaggeeffamaa jirus kan naannoo Amaaraafi Tigraay jidduutti gaggeeffamu oso hin taane kan motummaa jiduugalaafi TPLF jidduutti gaggeeffamudha jechuun ibsaniiru.
''Qaamoleen nuti akka gara sannatti hinsochone mormanis, lolli gaggeeffamaa kan jiru naannolee Amaaraa fi Tigraay jiduutti akka ta'e fakkeessuun dhiyeessuu barbaadu. Waraanni kun garuu motummaa Itoophiyaafi TPLF jidduutti kan gaggeeffamaa jiru.''
Akkasumas Obbo Musxafeen, humni addaa Somaalee qaama motummaa jidduugalaa ta'uu kaasuun, bajatas kan argatu motummaa federalaa irraa waan ta'eef biyyasaa eeguu qaba jedhaniiru.
''Humni addaa bajata kan argatu motummaa federaalaa irrayi. Kanaafuu sirna federaalaa eegsiisuuf itti gaafatamummaatu irra jira,'' jedhan.
Kana malees humni addaa naannichaa gara Tigraayitti duuluunsaa caasaa nageenyaa naannichaa irratti qawwa omaa hin uumuu jedhaniiru Pirezidaanti Musxafeen.
''Kan ergine waraana baay'ee muraasa. Kanaafuu nageenya naannichaa irratti qaawwii uumu omtuu hin jiraatu,'' jedhuun dubbatan.
Humni adda naannoo Somaalee gara Tigraayitti kan imalee gaaffii MM Itoophiyaa Abiy Ahimadiin dhiyaate hordofeeti.
Amma dura poolisiin humna addaa Oromiyaa, kan Sidaamaa fi kan naannoo ummattoota Kibbaa kanneen dirree waraanaa gahuun isaanii mirkanaa'edha.
Waraanni motummaa federaalaafi humnootii TPLF jidduutti gaggeeffamu kunis Sadaasa 4, 2020tti humnootiin TPLF buufata waraanaa Izzii kaaba biyyaatti buufatee turerratti haleellaa raawwachu hordofuun kan eegale ture.
Motummaan federaalaa ammo dhuma Waxabajjiitti naannichaa bahu hordofuun humnootiin TPLF deebiisanii Maqalee fi eeddoowwn naannichaa tokko tokko to'achunsaanii ni yaadatama.
Ammalleen daangaalee naannoo Amaaraafi Tigraay irratti waraanni gaggeeffamaa jiraachu ni himama.