Hawaansi Sikhs attamiin oolmaa gaarii hojjachuu aadaasaanii taasifatan?

Amantaan Sikhism kan biyya Inidyaa naannoo Punjaab keessatti waggoota 500 dura hundeeffame amma addunyaarratti amantaa isa guddaa shanaffaadha.

Hordoftoonni amantaa kanaa hojii tola oltummaan beekamu.

Ofii maaltu akka hojii tola-ooltummaa raawwatan taasisaa?

Barreessaan kitaabaa Jaasreen Maayaal Khaanaa waa'ee aadaa tajaajila tola oltummaa kennuu hawaasicha keessatti hundee fageeffate kana barreesseera.

Taateen balaa tokko bakka mudatetti hunda, tola-oltoonni Sikh bakkichaa hindhabaman.

Godaantotaaf laachuun, miidhamtoota hokkoraa gargaaruun fi manneen kirkira lafaatiin jigan deebiisan ijaaruun ni beekamu.

Rakkina Rohingyaa kan Miyaanmaar kaasee hanga haleellaa shororkeessitota Paariisiitti, akkasumas balaaleeffannaa ajjeechaa Joorji Filooyiidiif qonnaan bultoonni Indiyaa hiriiran bahuun dabalatee, miseensoonni hawaasa kanaa miliyoona 30 ta'an addunyaa guutuutti rakkataa gargaaruuf aadaa godhataniiru.

Tibba weerara Covidittis sadarkaa haaraa irra gahan.

Bara darbetti lixa Indiyaa keessatti hordoftoonni Sikh bakkeewwan amantaatti torbanoota 10 keessatti namoota miiliyoona lamaaf nyaata dhiyeessan.

Dhaabbanni miti motummaa Sikh tibba weerara koronaavaayirasii marsaa lammaffaatti oksijiinii bilisaan ummataa dhiyeessaa ture.

Ofii attamiin hawaasni kun hojii gaariin addunyaarratti beekamuu danda'an?

Dureewwan amantaa hedduun hordoftoonni isaanii hojii gaarii akka hojjataniif ni barsiisu. Garuu kan warra Sikh kun attamiin kan hojiin mul'atu ta'ee?

Gochaan kunis barsiisaa hundeessaa amantichaa kan ta'an Guuruu Naanaak hawaasni akka of qabiinsa tokko malee tajaajila kennuufi cimanii hojjachuun akkuma kadhannaatti barbaachisaa ta'u barsiisaniin hidhata qaba jedhu.

Hordoftoonni Sikh yoo lafa amantaa dhaqan, sa'aatii muraasaaf Kitaaba qulqulluu fulduratti dabarsuun kadhannaa fi galata galchu.

Akkasumas nyaata bilcheessuu fi nyaata namootaaf hiruu akkasumas kophee amantootaa fi dallaa qulleessuufis sa'aatiidhuma wal fakkaatu dabarsu.

Kanaafuu bakkeewwan sagadaa Sikh kan itti waaqeeffatamu qofaa miti.

Lafa nyaanni itti bilchaatu, kan mana hinqabne itti dahoo argatuufi jidduugala hawaasaa akka manaatti ilaalamuudha.

Dureen amantichaa Guuruu Naanaak tajaajila tola ooltummaa akka qaccee sanyiitti hodoftoota keessa kaa'e.

Kanaaf eegaa daldalaan kuduraa Baaljindar Singh waggoota 40 darbaniif guyyaa Jimaataa waaree booda kophee muslimoota kadhannaaf gara masjiidaa dhaqan haxaa'uun kan dabarsan.

''Anaaf namummaan amantaadhaan ol,'' jedhu.

Qorannoowwan yoo rakkoolee keenya irratti xiyyeeffachuu dhiisuun warra kaan gargaaruuf hojjannee, fayyaa sammuu keenyaarratti gumaata olaanaa qaba jedhan.

Kennuunis bu'aalee akka dhiibbaa dhiigaa gadaanaa, du'a xiqqeessuufi miira gaarii qabaachuu akkasumas gammachuu guddaa qaba jedhu.

Maanguddoo ganna 97 Nishaaraat Kaa'ur Maataaruu tibba weeraraatti namoota mana maleeyyii ta'aniif Landan Saawuzhool keessatti nyaata tolchaa turan.

Aaddee Maataaruun umurii kanaan hanga harkiifi miilli kee hojjateetti warra kaan ittiin gargaaruuf hojjachuu qabda jechuun amanu.

Hojii isaaniif qaama sammuun kee akka hojii gaarii irratti xiyyeeffatu taasisuuti jedhu.

Namaaf gaarii ta'uun amalaa fi ilaalcha uumamaan namaaf kennamuudha.

Hordoftoonni amantaa Sikhism guyyaa guyyaan waan lamaaf kadhannaa taasisu.

Inni jalqabaa ''sarbat da bhalla'' ykn nageenya namoota hundaatiif kadhatu.

Ilmaan namaa hundi nagaa argachuu qabaatu jedhanii amanus.

Sababii kanaaf hojii tola ooltummaa kan hojjataniifi bakkeewwan amantaa isaaniif namoota hundaaf banaa kan ta'eef.

Dhimmi lammataa kadhannaa taasisaniif ammoo ''chardi kala'' ykn qajeelummaa bara baraatiif.

Warri Sikhs taateewwan jireenya isaanii hundatti (bakka cidhaatti ta'ee wayita lafa waaqeeffanana dhaqan hunda) jechoota kanneen lamaan irra deddeebiin kaasu.

Kanaafuu hojii gaarii warra kaaniif hojjachuun isaaniif jireenya keessatti gammachuu hiikaa qabu argachuufiidha.

Qorattoonni saayikooloojii mataansaanii jireenya guutuu jiraachuuf gammachuu gosa lamaa qabaachuu akka qabnu irratti walii galu.

Gammachuun jireenyaa taateewwan alaa kan akka imala taasisuu ykn waan jaalatan bitachuu, galatteeffachuu fa'i irratti hundaa'a jedhu.

Akkasumas ogummaa haaraa barachuu, maatii waliin yeroo dabarsuu ykn tajaajila hawaasaa raawwachuunis madda gammachuuti jedhu.

Warri Sikhs kana lamaanuu jireenya isaanii keessatti hojiirra oolchu.

Kana jechuunis Sikhs hundi gammadoo fi kan kennaniidhaa?

Lakkii miti. Hawaasa Sikhs keessaa akkuma hojjii gaariin kaafaman rakkooleen akka yakkaa kan akka qoricha sammuu hadochoo ta'an fudhachuu, bulchiinsota Indiyaa hunda caalaa Punjaab keessatti heddummaata.

Haalli kunis qorannoo bara 2015 dhaabbata 'Punjab Opioid Dependence' jedhamuun gaggeeffameen ifa ta'eera.

Sikhs akkuma warra kaanii ilmaan namaa waan ta'aniif, warra kaan caalaa kan fooyya'an jedhee hin mormu jedha barreessaan kun.

Ta'uu hindanda'an. Haata'u malee garuu, duudhaan amantaa isaanii warra kaan caalaa akka hojii gaarii hojjataniif isaan kakaaseera.

Hawaasa Sikhism biratti waan gaarii hojjachuu sirna malee akka hojiitti hinilaalamu. Hicciitiin isaa kanadha.

Kanaafiidha miseensonni hawaasichaa kan hojiiwwan tola ooltummaa fi hojii gargaarsaa adda addaa keessatti hirmaataa kan jiran.

Hojiiwwan tola ooltummaa kunneenis alaa yoo ilaalaman, tarii waan gochaa ofi kennaa guddaa fakkaata.

Garuu wayita namni tokko gochaawwan kanneen hojiirra oolchuutti muxannoowwan nageenyaa fi gammachuu hiikaa qabu argata.

Gammachuufi nageenyi argamu kunis waan salphaa garuu furmaata addaati jedhu Jaasreen Maayal Khanaa barressaan Seva: 'Sikh Secrets on How to Be Good in the Real World'