Hokkora Afrikaa Kibbaan lammiileen Itoophiyaa miidhaman jiru

Madda suuraa, Getty Images
Afrikaa Kibbaatti hiriira mormiifi hokkoraa uumameen lammiileen Itoophiyaa lubbuun isaanii darbe akka hin jirre Afrikaa Kibbaatti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Shifarraaw Taklamaariyaam BBC'tti himan.
Lammiileen Itoophiyaa lubbuun isaanii darbe jiraachuu baatulleen kan miidhaman jiraachuu dubbatan.
Lammiileen Itoophiyaa muurasni miidhaan irra gahe jiraachu ibsuun, kaan isaanii wal’aansan argachuufi kun ammoo ammalleen wal’aansa argachaa akka jiran dubbatan.
“Qabeenyaan saanuu guutummaatti barbadaa’eera”
Jiraataa Magaalaa Darbaan kan ta'e Kosmoos Gabramikaa’eel waggota 15 oliif jireenya baqattuummaa akka jiraate hima.
Hokkorrifi jeequmsi Afrikaa Kibbaatti ka’e inni guddaan Darbaani fi naannawa isaatti ta’uu hima.
Hokkora kanaanis balaa guddaan qaqqabuufi haata'u malee miidhaa kanaan dura lammiilee Itoophiyaa irra gahuun wal bira yoo ilaalamu kan ammaa gadaanaa ta'u hima.
Hokkora hanga ammaa kanaanis, “dhuunfaakootti odeeffannoo lammileen Itoophiyaa lubbuun dhabuu ilaalchise na ga’e hin jiru.
''Waanan akka rogeessaatti tajaajiluuf odeeffannoo hedduutu na ga’a. Ta’us garuu dhimma kanaratti odeeffannoon na ga’e hin jiru,” jechuun ibsa.
Lammiileen Itoophiyaa Afrikaa Kibbaa keessa jiraatan hedduun isaanii hojii daldalaa irratti kan bobba'an ta'u kan ibsu Kosmoos, isaanis bakka sadiitti ramadamuu akka danda’an ibsa.
Ramaddiin jalqabaa kanneen naannawa ‘lokeeshiin’ jedhamanitti kanneen hojjatanidha. “Lokeeshiin’ naannoo hawaasni galii gadaanaa qaban keessa jiraatanidha.
Naannolee kanattis lammileen Itoophiyaa suuqii xixiqqaa hojjatan kan jiraatan yoo ta'u, kunis irra jireessa lammiilee Itoophiyaa Afriikaa Kibbaa keessatti argaman kan hammatudha.
Haata'u malee lammiileen Itoophiyaa naannawa kana jiraatan qabeenyaasaanii gutummaatti jalaa barbadaa'eera jedha Kosmoos.
Kaan ammoo daldaltoota warreen Lokeeshinii keessa jiraniif mi’a dhiyeessuu fi raabsuun hojjatan lammiilee Itoophiyaa ramaddii lammaffaa ta'u hima.
Kunis kanneen warri hojiiwwan hoteelota, suuqii uffata aadaa fi maneen dhugaatii of keessatti kan qabatudha jedha.
Warri kunis kanaan dura jibba baqattootaa (Xenophobia)n haleellaa irra erga ga’e booda hedduun isaanii of eeguuf jecha gurmaa’anii waan socho’aniif miidhaan irra ga’e gadi aanaadha jedha.

Madda suuraa, Getty Images
Lammiileen Itoophiyaa kanneen humna qabanii fi kan ramaddii sadaffaa keessatti jiran ammoo daldalli isaanii wiirtuulee daldala gurguddaa (mooliiwwan) keessatti kan argamu yoo ta’u, “jarri kunis qabeenya isaanii guutummaa guututti haalli isaan itti dhaban jiru” jedha Kosmoos.
Dabaluunis “xiyyeeffannoon kan godhamee wiirtuu daldalaa akkanaarratti waan ta’eef wiirtuun jalaa oole hin jiru. Aarri ture mataansaa kan volkaanoon dhohe fakkaatee ture. Ammayyuu aarri kun hin badne. Guyyaa lama boodas gamooleen hedduu gubataniiru,” jedha.
Imbaasiin Itoophiyaa Afriikaa Kibbaatti argamu “xalayaa barreessuu fi ergaa dabarsuu irraa kan hafe’ gargaarsi godhe hin jiru kan jedhu Kosmoos “kan bade badeera. Hawaasni kaan mana jireenya isaatii hanga daldaalaatti kan oolchuu danda’u oolchateera,” jechuun ibseera.
“Lubbuun lammilee darbe hin jiru”
Afrikaa Kibbaatti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Shifarraaw Taklamaariyaam akka jedhanitti, hokkarii yeroo kana uumame lammiilee biyya biraa irratti akka durii kan xiyyeeffate miti.
“Dhaabbilee daldalaa fi diinagdee gurguddoo irratti kan xiyyeefatedha. Dhabbilee kunneen barbadeessuu, saamuu fi gubuudha” jedha.
Namootni 72 ta'an lubbuun isaanii akka darbe himuun “hanga ammaatti odeeffannoo qabnuun lammiileen keenya lubbuun isaanii darbe hin jiru.
''Lammileen muraasni miidhaan gadaanaan irra ga’eera. Kunneenis wal’aansa argataniiru. Kaan ammoo wal’aansa argachaa jiru,” jechuun ibsaniiru.
Wiirtulee daldalaa gurguddoo fi ‘lokeeshini’ keessa suuqiiwwan lammilee Itoophiyaa jiran saamamuu fi gubachuu isaanii himuun “hammam akka barbaada’ee boodarra yeroo haalli tasgabba’ee kan ilaallu ta’a,” jedhan.
Lammiileen Itoophiyaa nannoolee adda addaatti gurmaa’uun ofii isaanii fi qabeenya isaanii eeguu irra darbe imbaasichaa fi miidiyaalee hawaasaatti fayyadamuun ergaawwan darbaniin hojiiwwan bu’aa qabeessa ta’e hojjatamuu ibsaniiru.
Akka Ambaasaaddar Shifarraaw jedhanitti, guyyoota lamaan darban keessatti tasgabbiin mul’achaa jira.
Mootummaan biyyattis humna waraanaa akka bobbaaase ibsuun “kanatti fufuun dafanii suqii banuun haleellaa hin eegamneef akka hin saaxilleef akka of eeggattanii fi gurmaa’un turuu akka itti fufan marsariiti imbaasichaa fi miidiyaalee hawaasummaa irratti hojjatamaa jira,” jedhaniiru.
Ergaawwan hawaasa irraa ka'an qamolee mootummaa Afrikaa Kibbaa dhimmisaa isaan ilaallattu bira geessisuun xiyyeeffannoon hojjachaa akka jiranis ibsaniiru.
Wiirtuleen daldalaa gurguddoon miidhaan irra ga’e inshuraansiidhaan beenyaa akka argatan beeksisuun, daldalli xixxiqqaan ammoo akkuma kanaan duraa ture hunda, yoo hawaasni gara hojii idilee isaaniitti deebi’aniitti adeemsa hawaasni ittiin wal tumsu akka jiraatu himaniiru.














