Afriikaa Kibbaatti haati mucaashee namoota lafa jiranitti darbatte akkas jetti

Haatii Afriikaa Kibbaa- magaalaa Darbaanitti mucaashee gammoo ibiddi itti qabatee ture irraa namoota lafa dhaabbatanitti darbatte, waan lubbuu intalashe oolchaniif ummata galateeffatte.
Naledi Manyoni BBCtti akkas jechuun himteetti, ''Wanitin gochuu danda'u, namoota lafa dhaabbatan amanee darbachuu qofa.''
Gamoon isaan keessa jiraatan saamtootaan ibiddi itti qabsiifame.
Hookkaris pirezidaantiin duraanii Jaakoob zumaa hidhamu hordofee kan ka'e ture.
Maanguddoon ganna 79 himannaa malaamaltummaa irratti dhiyaateef mana murtiitti dhiyaachu diduun ture baatii darbe hidhaan kan itti murtaa'e.
Inni guyyaa Roobii poolisii dhiheenyatti argamuutti hidhaa baatiiwwan 15f harka kan kennate yoo ta'u, hookkara ka'een haleellaafi saamichi magaalaa KiwaaZuluu-Naataal fi magaaloota biraatti babal'ate.
Hookkarichaan pirezidaanittin Siiriil Raamaafozaan erga bara 1990 as isa balaa jedhaniin kanaaniis wal qabatee yoo xinnaate namoonni 72 ajjeefamaniiru.
Daa'imni gamoorraa darbatamte kun attamiin baraaramte?
Oggeessi kaameeraa BBC Thuthukaa Zondii wayita Addee Maanyoni intalashee Melokuhle gamoorra gara lafaatti darbattu waraabe.
Kunis guyyaa Kibxataa waaree booda Magaalaa Darbaaniitti mudate. Saamtoonni erga suuqiiwwan gamicha gara lafaarra jiran saamanii booda ibidda itti qabsiisan.
Aadde Maanyon gamicha irra darbii 16 irra jiraatu turan wayita jalaa ibiddi ka'u hubataniitti.
Ibiddi waan ka'eef liiftii hinhojjatu ture. Kanaafu haatii kunis naasuudhaan mucaashee qabattee gamicha keessaan gadi fiiguu eegalte.
Haata'u malee karaa waan cufameef karaa ittiin gara lafaatti buutuu hinturre.
Achiinis darbii lammaffaa irraa karaa foddaatiin namoota karaa deeman akka ishee gargaaran kadhachuu eegalte.
''Wanti gochu danda'u mucaan kiyya lubbuun akka naaf baatu qofaa ture,'' jeeti.
Hojjattoonni balaa ibiddaas daqiiqqaawwan 20n booda eddaa sana qaqaban, erga namoonni lafa turan kanneen gamoo keessa danqaman baraaruu eegalan booda.
Haatii kunis gargaarsa namoota lafa turaniitiin mucaashee waliitti makamte turte.
Booda garuu wallakkaa alkanii keessa gara kutaa jireenyaasniitti deebii'u BBCtti hime jirti.
Kadhannaa Mootii Zuuluu
Hookkarichi erga ka'ee guyyootaan booda hir'inni daabboofi boba'aa Darbaan keessatti mudatee, namoonni suuqiiwwaniifi buufataalee raabsaa boba'aa fulduratti hiriiruu eegalan.
Guyyaa Kibxataa ture dhaabbanni boba'aa guddiichi biyyatti hookara umameen walqabatee hojiisaa dhaabu kan beeksiise.

Madda suuraa, Getty Images
Booda ammoo Daareektarri mummeen dhaabbata qonnaan bultoota Afriikaa Kibbaa guddichi, AgriSA ammoo sababbii omishitonni omishasaanii gara gabaatti fiduuf rakkaataa jiraachu beeksiisa.
''Seerri atattamaa akka kabajamu barbaadna. Sababiinsaa rakkina cimaa namoomaatu nu mudachuuf deemaa jira,'' jechuun AFPtti himan daarektarichi.
Mootiin Zuuluu, Misuzulu kaZwelithini, haasaa yeroo jalqabaatii hookkaricha irratti ifatti taasisaniin, saamichaa balaaleeffachuun, hawwasichaaf fakkeenya badaa keenna jedhan.
Akkasumas badiinsi qaqabees iyyeessuuma kan hubuudha jedhan.
''Gonkumaa ummanni abbaa kiyyaa biyya isaanii gubuu keessatti hirmaatu jedhee takkaa yaadee hinbeekun ture,'' jedhan.
''Taateen kun hundi ammoo tibba weerara balaafamaa kanatti raawwatmaa jira. Ummanni abbaa kiyyaa ofiin of ajjeechaa raawwataa jiru,'' jedha Mootii Misuzulu kan dhihenya kana muudaman.












