Daa'ima Afrikaa Kibbaatti sababa hookkaraatin gamoorraa darbatame

Afrikaa Kibbaatti hookkara uumameen walqabatee namoonni 72 ol kan ajjeefaman yoo ta'u, taateewwan gurguddoo mudataniiru.

Pirezidantiin duraanii biyyattii Jaakoob Zumaa hidhamuu hordofee mormiifi hookkarri uumame biyyattii guutuu raasuu itti fufeera.

Magaalota adda addaa keessatti suuqiiwwan gubatamanii saamichi gaggeeffamuun namoonni poolisoota waliin walitti bu'aniiru.

BBC viidiyoo daa'imni tokkoo osoo darbii irraa darbatamuu waraabeera. Gamoo sanarratti darbii tokkoffaa isaarratti suuqiiwwan saamamuun erga ibiddi itti qabsiifameen booda daa'imni sun gamoorraa lafatti darbatame.

Taateen kun osoo hinraawwatamiin guyyaa tokko dura, Soweetoo keessatti jiddugalli daldalaa wayita saamameetti namoonni 10 ajjeefamuun mirkaneeffameera.

Hookkara torban darbe kana to'achuufis raayyaan biyyattii bobbaafameera.

Poolisiin biyyattiis namoota hookkara kana duuba jiru jedheen 12 adda baasuufi waliigalattis namoota 1,234 to'annaa jala oolchu beeksiseera.

Pirezidant Siiriil Raamaafosaan erga baroota 1990 as hookkara Afrikaa Kibbaatti umamee isa guddicha jedhaniiru.

Magaalota akka Kuwaazulu- Naataal fi Gaawuntangi jiran dabalatee bulchiinsota Afrikaa Kibbaa hedduu keessatti ibiddii ka'eera. Daandiiwwaan gurguddoonni cufamuun dhaabbileen daldalaa saamamaniiru.

Ministiroonni biyyattii saamichi haala kanaan itti fufnaan iddoowwan tokko tokkootti dhiyeessiin nyaataa adda cituu danda'a jechuun akeekkachisanilleen hanga ammaatti labsiin yeroo muddamaa hinlabsamne.

Waa'ee daa'ima gamoorraa darbatamee

Daa'imni gamoorraa gara lafaatti darbatame sunis osoo lafa hinqaqabniin namoonni walitti qabamuun waan harka bal'isanii simataniif du'a jalaa baheera.

Haatii mucichaas daa'ima kana balaa ibidda gamootti qabate jalaa baasuuf jecha darbachuuf akka dirqamte himame.

Wayita sanattis haati mucaa kanaa miira cimaa keessa waan turteef dubbachu akka hindandeenye barameera.

Namoota suuqiiwwan gamoo Magaalaa Darbaan kan dandii Ismiiz irratti argamu irratti saamicha raawwataniin ture ibiddichi kan qabsiifame.

Ibiddichis darbii tokkoffaa irraa ka'uun gara kutaalee namoonni keessa jiraatan oliitti babal'ate.

Jiraattonni naannichaa lubbuu daa'ima gamoorraa darbatamee erga baraaran booda jiraattoota gamoo sanaa kaan baraaruuf maloota garaa garaatti fayyadamaniiru.

Hojjattoonni balaa tasaa kan eddoo sana qaqqaban daqiiqaa 20n booda ture jedhamera.

Sababii hookkara tureetiin balaa attamiitu qaqqabe?

Wiixata waaree booda suuqiiwwan gara 200 saamamuusaanii hogganaan hawaasa daldaltoota Afrikaa Kibbaa Busiisiiwe Maashusoo dubbachusaanii Biluumbarg gabaaseera.

Suuqiiwwan Sowetootti argamanis akkasuma miidhaan irra gaheera. Maashiniiwwan ATM akka caban ta'eera. Resitoraantiiwwan, suuqiiwwan uffataafi dhugaatii saamamaniiru.

Loltoonni poolisoota waliin bobba'anis namoota balaa kana qaqqabsiisan keessaa muraasa to'ataniiru. Hanga ammaattis namoonni naannichatti to'ataman 800 gahaniiru.

Haata'u malee baay'inni namoota hookkaricha keessatti qooda fudhatanii kan poolisootaa akka caalu himama.

Timeslive Afriikaa Kibbaa akka gabaaseetti, bulchiinsa Kuwaazulu-Naataaliitti loon illeen saamamaniiru. Ambulaansii irratti haleellaan raawwatameera.

Pirezidantiin biyyattii Raamaafozaan Wiixata darbe haasaa taasisaniin, baankiin dhiigaa Darbaan keessaa wayita saamamu viidiyoon bahee tokkoo mul'iseera.

Miidhaa dinagdee Afrikaa Kibbaa

Hookkara kana kan kakaasanis deeggartoota pirezidantii duraanii Afrikaa Kibbaa Jaakoob Zumaan akka gadhiifamu gaafatanidha.

Zumaan malaammaltummaan shakkamuun erga himatamaniin booda mana murtiitti akka dhiyaataniif gaafatamnaan waan didaniif ture hidhaan kan itti murtaa'e.

Afrikaa Kibbaa keessatti baay'inni namoota hojii hinqabnee %32.6 gaheera. Kan dargaggootaa immoo %46.3 gaha.

Sababiiwwan hookkorri kun itti babal'ate keessaa tokko hojii dhabummaa akka ta'e amanama. Pirezidanti Raamaapozaa hokkaricha to'achu hindandeenye jedhamuun qeeqamaa jiru.