Qondaalli olaanaa Gamtaa Awurooppaa Itoophiyaarra qoqqobbiin akka kaa'amu yaada dhiheessan

Gaggeessaan Imaammata Alaa Gamtaa Awurooppaa Hoseph Boreel rakkoo Naannoo Tigraay jirun walqabatee miseensonni gamtichaa Itoophiyaa qoqqobuu akka yaadan yaada dhiheessaniiru.

Gama kaaniin Ameerikaan lola gama Lixa Tigraayiin adeemaa jiruun ''guddaa yaadda'uu'' gama waajjira Dhimma Alaa ishee beeksifteetti.

''Haalli Itoophiyaa keessa jiru wanta harka keenyarra jiru hunda akka itti dhimma baanu nu gaafata. Tarkaanfiin dhorkaa akka hubannoo kootti teessumarra jiraachuu qaba,'' jechuun Boorel walgahii ministeerota dhimma alaa Gamtaa Awurooppaa booda dubbatan.

Dhukaasa dhaabuu lafa qabsiisuuf, loltoonni biyya alaa Itoophiyaa keessaa akka bahan, sarbamni mirga namoomaa akka dhaabatuufi araarri akkasumas mariin biyyaalessaa akka taasifamu ni eegama jedhan qondaalli kun.

''Kunneen akka galma gahaniif immoo bakka barbaachiseefi ni mala jennee amannetti tarkaanfii dhorkaa fudhachuuf,'' jechuun gamtichi akka yaada qabu ibsaniiru.

Kana dura labsii kophaatti dhukaasa dhaabuu mootummaan Itoophiyaa naannoo Tigraayiitti labse 'marsuudha' akkasumas motummaan beela uumaa jira jechuun isa Gamtaan Awurooppaa himate, Itoophiyaan balaaleeffattee turte.

Rakkoo Tigraay keessa jiruun walqabatee Ameerikaan deeggarsa nageenyaafi diinagdee Itoophiyaaf taasistu irratti dhorkaa keesseetti.

Qondaaltonni mootummaa Itoophiyaa garuu tarkaanfiin US dhimma Tigraay keessaan osoo hin taane hidha Abbayyaarratti ejjennoo biyyattiin qabatteen akka walqabatu ibsu.

Sababa lola kanaan namoonni kumaan lakkaa'aman du'aniiru jedhamee amanama. Isaan ala kuma dhibbaan kan lakkaa'aman qe'eerraa yoo buqqa'an kan balaa beelaaf saaxilamanis jiru jechuun UN ibseera.

Yeroo ammaa Naannoo Tigraay keessa tajaajiloonni bu'uuraa kanneen akka telekomiifi kaanii adda citaniiru.

Torban darbe komishiniin mirga namoomaa Itoophiyaa ibsa baaseen mootummaan tajaajiloota kana bakkatti akka deebisu gaafateera.

'Yaaddoo Ameerikaa'

Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa US Ned Piraayis gama Lixa Tigraayin wal dura dhaabbannaafi lola adeemaa jiruun ''Ameerikaan guddaa yaadda'uu'' himan.

Lola baatii saddeet ture booda waraanni Itoophiyaa Naannoo Tigraay keessa bahuufi lola dhaabu erga labsee booda humnoonni Tigraay bakkeewwan naannichaa hedduu to'ataa jiru.

Gama kaaniin immoo haleellaa haaloo Tigraay keessa mudate jedhe mootummaan US balaaleeffateera.

''Naannoo Tigraayitti haleellaa haaloo namoota nagaarratti humna waraanaa yookiin humna nageenyaan yookiin kaaniin raawwatu ni balaaleeffanna,'' jechuun himan.

Erga waraanni federaalaa naannicha bahuu isaa ibsee booda gabaasni baqattoonni Ertiraa hidhattootaan haaloo irra bahamu isa bira gahuu, kunis ''yaaddessaa'' ta'u UN kana dura ibsee ture.

Gama kaaniin immoo miseensonni dhaaba Paartii Dimookiraataawaa Tigraay irratti haleellaan raawwateera jechuun Dura Taa'aan dhaabichaa yeroo ammaa mootummaa federaalatti aangoo qaban Dr Aragaawwii Barihee himaniiru.

Akka qondaalli US ibsanitti, lolli cimuun akkaataa qaqqabiinsa deeggarsa namoomaa ummata beelaaf saaxilame jedhan irratti dhiibbaa qaba.

Hoseeph Boorel maal jedhan?

Akka qondaala Gamtaa Awurooppaa kanaatti gamtichi murteen lola dhaabuu mootummaa Itoophiyaan addatti murtaa'e lafarra akka mul'atu barbaada.

''Haalli Tigraay keessaa kan duriirraa hammaateera,'' jechuun guyyaa Wiixataa mariin booda kan dubbatan.

Mootummaan Itoophiyaa labsii dhukaasa dhaabuu labsuus ummatni Tigraay keessaa hanqina deeggarsa namoomaan balaarra bu'uu mala jechuun dubbatan.

''Lola dhaabuun waan gaariidha. Garuu waan amma ta'aa jiru ummatni Tigraay addunyaarraa adda citeera,'' jechuun tajaajiloonni bu'uuraa adda citu himan.

Hanqina qaqqabinsa deeggarsa namoomaa kana furuufis karaa xiyyaaraan karaatti deeggarsi gahuu danda'u akka yaada qaban ibsaniiru.

Mootummaan Itoophiyaa torban darbe ibsa baaseen deeggarsa namoomaaf gama xiyyaaraa kanneen gessuu barbaadaniif karri banaa ta'uufi adeemsa hordofamu qabu jedhe ibsuunsaa ni yaadatama.