Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Konkolaattota fe'isaa 50'n deeggarsa namoomaa Tigraayittii geessaa jirra'-WFP
Sagantaan Nyaataa Addunyaa (WFP) konkolaatota fe'isaa 50'n deeggarsa namoomaa gosa adda addaa naannoo Tigraayitti geessaa akka jiru beeksise.
Odeeffannoo marsaalee hawaasaa gubbaatti maxxanseen Sagantaan Nyaataa Addunyaa miidhaan lubbuu baraarsaa meetriik toonii 900, boba'aa, meeshalee deeggarsa fayyaafi dahannoowwan adda addaa fe'ee gara Tigraayitti qajeeluu ibseera.
Deeggarsi kun kan walitti qabame maqaa hawaasa deeggarsa namoomaa arjoomuun akka ta'ees ibseera.
Ejensiin Oduu Itoophiyaa gabaasa Jimaata baaseen konkolaatni fe'isaa gurguddoon 40 ta'an magaala guddoo naannoo Affaar Samaraa irraa wantootaa nyaataafi nyaatan ala ta'an biroo fe'anii naannoo Tigraayitti socho'aa jiruu jedhe.
Mootummaan federaalaa hawaasni idila addunyaa uummata Tigraay jiruuf deeggarsa akka dhiyeessu gaaffii dhiyeessee akka tureefi deeggarsi kunis akka qaqqabu hojjechaa jiraa jedha Ejensiin Oduu Itoophiyaa.
Deeggarsi namoomaa naannoo Tigraayiif dhiyaachaa jiru harki 70 mootummaa Itoophiyaan kan hafe harki 30 ammoo dhaabbilee idila addunyaa deeggarsa dhiyeessaniin kennamaa akka jirus dabalee gabaaseera.
Mootummaan Itoophiyaa kophaatti naannoo Tigraay keessatti labsii dhukaasa dhaabuu erga labsee fi humnoonni isaa fi bulchiinsi yeroo naannichaa Maqalee gadhiisanii erga bahanii mootummmaan deeggarsi akka hin geenye danqaa jira jedhamee Gamtaa Awurooppaan qeeqameera.
Mootummaan Itoophiyaa komiin kun bu'uura kan hin qabne jechuun morma.
Inumaayyuu dhorkaan balalii gara naannoo Tigraay labsamee wayita jirutti dhiyeessitoota deeggarsa namoomaaf addatti balaliin hayyamamuu ibsa.
Raawwii balaliiwwan gara naannoo Tigraayitti achiis gara gidduu biyyaatti godhamu ilaalchisee qajeelfama haaraa baasuus beeksiseera.
Gabaasni UN dhiyeenya bahe naannoo Tigraay keessatti namootni 400,000 ta'an beela hamaaf saaxilamuufi namootni miiliyoona 1.8 ammoo deeggarsa nyaata atattamaan kan barbaadan ta'uu mul'isa.
Deeggarsi atattamaan kan isaan hin geenye yoo ta'e hedduun beelaaf saaxilamuu malus jedhe. Sagantaan Nyaataa Addunyaa torbee dhume kana keessa Kibba Lixa Tigraay keessatti namoota 27,000 ta'aniif deeggarsa dhiyeessuu ibseera.
Konkolaattotni isaa fe'isaa hedduun amma gara Tigraayitti socho'aa jiran haala teessuma lafaarraa kan ka'e daandii dheeraan kan eeggatuun ta'uus hojiin isaanii osoo hin dhaabbatiin akka itti fufu ibseera.