Haqa: 'Balleessaa malee hidhaa waggaa 20, hidhaa waggaa shaniin booda bilisaan baate'

Naannoo Amaaraa Godina Shawaa Kaabaa, Aanaa Mojaafi Wadaraatti dubartiin ‘intala buddeenaa ishee ajjeefte’ jedhamuun hidhaan waggaa 20 itti murtaa’ee ture, hidhaa waggaa shanii booda bilisaan gadhiifamuu qajeelchi mana amala sirreessaa godinichaa BBCtti hime.

Qajeelchichatti Itti aanaa hogganaafi hogganaan Gartuu Eegumsaa fi Nageenya Ragaa Komaandar Zawga Geetaachoo, intalli 'ajjeefamteetti’ jedhamte lubbuun waan argamteef dubartiin Aaddee Azaalach Beeta jedhamtu, Adoleessa 8, 2021 gadhiifamushee himan.

Kun umamuusaatiif amma ragaa ga’aa qabduu jedhamuun kan gaaffataman Komaandar Zawgaan, “Intalli ajjeefamteetti jedhamte lubbuun argamuunshee erga eeruun poolisii bira ga’ee booda to’annoo poolisii jala oolfamtee qaamoolee haqaa jiraniin hojiin qulqulleessuu ga’aan taasifameera,” jedhan.

Intalli argamuunshee erga mirkanaa’ee boodas haaluma qajeelfama dhiifama hidhamtootaaf A.L.I 2010tti Aadde Azaalach haalduree tokko malee akka dhiifamaan gadhiifamtuuf boordii dhiifamaa naannichaaf beeksisuu isaaniifi murtee mana maree naannichaan booda dubartiin kun dhiifamaan gadhiifamuushee himaniiru.

Aaddee Azaalach “bara 2006tti intala buddeenaa ishee ajjeefteetti” jedhamuun ture bara 2007tti to’annoo poolisii jala kan oolfamte.

Aadde Azaalach waa’ee waggoota hidhaan dabarsanii maal jedhu?

Aaddee Azaalach dubartii umuriin ganna 55ti.

Aaddee Azaalach Naannoo Amaaraa Godina Shawaa Kaabaa magaalaa xiqqoo Salaa Dingaay jedhamtu keessa abbaa warraa fi ijoollee isaa sadii waliin jiraataa turte.

Abbaan warraa ishee hojii waardiyummaa hojjachaa, isheen ammoo daabboo gurguraa jireenya isaanii jaalalaan jiraachaa turan. Jidduutti abbaan warraa ishee dhukkubsatanii du’ani. Du’a abbaa warraa isheen booda garuu jireenyi akka durii sun hin taane.

Hariiroon ijoollee buddeenaa ishee sadan waliin qabdu boora’aa dhufe.

Guyyaa ajjeechaan intala buddeenaashee irratti raawwatameera jedhame 2006ttis Aaddee Azaalach fi “shammarree ganna 22” gidduutti waldhabdeen uumamee ture. Aadde Azaalach akka jedhanitti waldhabdeen uumamee tures kan haadhaa fi intala gidduutti uumamu malee hangas cimaa hin turre.

Isaan dura garuu waldhabdee uumamee turen shamarreen sun manaa baatee ji’a sadiif fira bira erga turtee booda deebiteetti.

Guyyaa ajjeefamte jedhame sanattis waldhabdeen uumamee korojoo ishee qabattee yoo manaa baatu “amala isheeti jedheen callise,” jetti Aadde Azaalach. Akkuma barame fira bira deemti malee baddee hafti jedhanii hin yaadne ture.

Sagaleenshee badnaanis eessumaa fi adaadaa isheetiin “mee barbaachisaanii” jechuun itti himte. Isheenis gaggaafachuu itti fuftus hin arganneen. Namoonni isheen yaaddoon gaaffattus “daa’ima miti eessa deemti jetteetu. Ni deebiti,” deebii jedhu kennuuf ture.

Yeroon isaas deemee intalli erga manaa baate waggaa tokko darbe. Naannoo daabboo itti gurgurtutti Aaddee Azaalach intalattii ‘ajjeesteetti’ jechuun haamii naanna’u dhagahuu eegalte.

Haala akkasii keessa osoo jirtus intalli baddee waggaa fi ji’oota ja’an booda guyyaa tokko poolisiin mana isaanii dhufe.

Yeroo sanattis bukoo bukeeffataa turte. Poolisiin buufatatti barbaadamtu jennaaniin, mucaa abbaa warraashee kiristinnaa kaasan kan ganna 7 guddisaa jiran qabattee gara buufata poolisiitti qajeelan.

“Ajjeechaadhaan waan shakkamteef mana hidhaa seenta,” jedhamte.

Isa bukeeffatte osoo hin tolchiin, kan tolchites osoo hin gurguriin, karrashee illee seeraan osoo hin cufatiin achumatti hafte. Fira biratti bilbiltee “manakoo adaraa” jechuun ala filannoo biraa hinqabdu turte.

“Intala ajjeeftee mana fincaanitti gatte”

Aadde Azaalach “mucattii ajjeeftee mana fincaaniitti gatteetta” shakkii jedhuun to’annoo jala akka oolte itti himame. Mana fincaanicha akka sakkattaasisaniif ajajaman.

“Warra hojii humnaa hojjataniif birri 150 kaffalee manni fincaanichi diigamee sakatta'ame,” jetti Aadde Azaalach. Kunis bakka isheen jirtutti taasifame.

“Reeffi jira, humna namaan hin ta’u, konkolaataan balfaa mana fincaanii xuuxu haa dhufu” jedhame. Innis dhufe.

Uffanni mana barumsaafi rifeensi argame [Aaddee Azaalach akka jedhanitti rifeensa namtolchee ykn wiigii intalittiin itti fayyadamtu ture]. Namni naannichaa yaa’ee dhufe. Safuu jedhame.

“Ajjeesteetti! Haa ajjeefamtu!” yaadni jedhuus namoota nannichaa irraa dhaga’amuu eegale.

Aadde Azaalach deebitee buufata poolisii seente. Irra deebiin reeffa argachuuf manni fi daallaan isaanii qotame. Homtuu hin argamne.

“Dhugaa baasi jedhamee reebichi narra ga’eera. Amma waan ulfaatu ol kaasuuf nan rakkadha,” jetti Aadde Azaalach.

Qorannichi haala kanaan itti fufee Manni murtii Olaanaa Shawaa Kaabaa “yakka nama ajjeesuu cimaan” hidhaa waggaa 20’n akka adabamtuuf murtee dabarse. Mana hidhaa Dabrabirihaan seente.

Jaarsoliin namoota sababii ajjeechaatiin waldhaban walitti araarsan, “nuti mucattiin du’uu ishee beekna, ajjeeseera jettee haa amantu” jechuun ishee dhiphisaa akka turan Aadde Azaalach ni yaadatti. Isheen garuu waan hinraawwanne “hin amanu” jette.

“Manni murtii duutetti jedhee na adabeera, Waaqni yoo jedhe nan ba’a, yoo hin eeyyamne reeffa kootu ba’an jedheen” jetti.

Aadde Azaalach irra daddeebiin “ani hin ajjeefne” jechuun akka wawwaataa turan Komaandar Zawigaan dubbataniiru. Kanumaan waggootii hedduun darban.

Kana jidduutti ture Aadde Azaalach hidhamtoota warra dhiiraa biraa oduu mucattiin Finfinnee jirti jedhu kan dhageesse.

Abbaan alangaa dhimmicha hordofuu yeroo ishee dawwachuuf deemetti, wanta dhageesse itti himuun “adaraa mucattii naaf barbaachisaa” jedhuun kadhatteen.

Aadde Azaalach akka jedhanitti abbaan alangaa fi poolisiin barbaacha ishee yoo eegalan [maatiin dhimma kana beekuutu itti hime fakkaata], mucattiin bakka jirtuu guyyaa 15 keessatti magaalaa Salaa Dingaay dhufte.

‘Mucaan duute jedhamte ‘naannoo Ummattoota Kibbaa deemtee, heerumtee, mucaa deessee dhuftee to’annoo jala olteetti’ naan jedhan,” jetti Aadde Azaalach.

Aadde Azaalach yeroo kana dhageesse amanuu dadhabee “of waallaaleen kufe” jetti. Suuraa erga poolisiin qabamtee booda kaafamte yoo itti agarsiisan tasgabbaa'u kan dandeesse.

Amma mucattiin ishee ta’uushee mirkaneeffamee hidhaarraa gadhiifamuu ishee Aadde Azaalach dhageesseetti. Garuu qaamaan wal hin agarre.

Jireenya hidhaa waggaa 5 booda

Aadde Azaalach erga hidhaatii baatee booda gara qee'eesheetti hin deebine. Sodaa kanneen sobaan na hiisisan lubbuukoof hin hilan jedhu qabdi. Qabeenya naaf hafe jettus hin qabdu.

“Mana kutaa afuriin qaba ture gurgurameera. Akkamiin akka gurgurame hin beeku, lafti abbaa warraakoos gurgurameera. Eessaa akkan jalqabu hin beeku dirree irrattiin kufe,” jetti.

Miidhaa irra ga’eef beenyaan yoo kennameefidha kan jireenya tokko jette eegaluuf yaadde.

Aadde Azaalach garuu karoora himata dhiyeessu akka hin qabne himti.

“Har’a waraqata tokko barreessisuuf birrii 700 ykn 800 gaafata. Kanaaf miti waanan nyaadhu hin qabu. Kan faradu waaqa, uumaan isaan haa himatu,” jetti.

Aadde Azaalach akka jettutti rakkoo walxaxaa kanaaf kan sababa taate mucaa buddeenaa ishee kan isheen ofiin guddistedha. Hanga kutaa 8ffaattis ishee barsiisteetti.

“Baayyeen ishee jaaladha, dhiifama gaafachuun yoo ishee mo’ate ani akka haadhaatti dhiifama nan gaafadha,” jetti.

“Hidhaa waggaa shanii caalaa kan ji’a afuriitu caalatti na aarse”

Addee Azaalach intalli ajjeefteetti jedhamte lubbuun argamuu ishee hordofee bilisaan akka gadhiifamtuuf kan murteeffame ji’a afur dura Guraandhala keessa ture. Haata'u malee ji’oota afuriif osoo hinhiikamiin turan.

“Hidhaa waggaa shanii caalaa hidhaan erga bilisa ta'unkoo murtaa'een booda ji’a afurii hidhameetu caalatti na arseera” jetti.

Dhiifama gaafatamuu osoo qabduu akkas rakkachuu isheetiif sirna haqaa komataniiru.

Qajeelcha Manneen Sirreessaa Shawaa Kaabaatti Ittaanaa Itti gaafatamaan, Komaandar Zawgaa yeroo sanatti, Addee Azaalach yakka tokko malee hidhaarra turusaaniifi akka gadhiifamaniif ammoo boordii dhiifamaa naannichaatti barreessuu yaadatu.

Haata'u malee xalayyaan boordii dhiifama naannichaa sababiiwwan adda addaatiin waan tureef Aaddee Azaalach erga bilisa jedhamaniin booda mana sirreessaa keessaa akka turaniif dirqisiifamuu dubbatan.