Pireezidantiin duraanii Afrikaa Kibbaa Jaakoob Zuumaa poolisiitti harka kennan

Jacob Zuma

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Zuumaan torbee dabre keessa hidhaan ji'a 15 itti murtaa'e

Pireezidantiin duraanii Afrikaa Kibbaa Jaakoob Zuumaa naamuusa dhaddachaa cabsuun hidhaa irratti murtaa’e fudhachuun poolisiitti harka kennaniiru.

Gara mana hidhaa naannoo mana isaanii jiru, bulchiinsa KwaZulu-Natal'tti argamutti Roobii gara galgalaa akka imalan dhaabbanni isaanii himeera.

Poolisiinis otoo namni ganna 79 kun ofii isaanii hin dhufne tahee to’annoo jala isaan oolchuudhaaf qophaa’ee ture.

Zuumaan torbee darbe dhaddacha himannaa malaammaltummaa erga hafaniin booda hidhaan baatii 15 irratti murtaa’e. Murtoon kuni Afrikaa Kibbaa keessatti dubbii dhimma seeraa mul’atee hin beekne taheera.

Guyyaan hidhaa hanga gaafa Roobii kan kennamef Zuumaan, gaafa Dilbataa harka kennuu didnaan ture.

‘’Pireezidant Zuumaan ajaja hidhaa irratti bahe ni raawwatu,’’ jechuun ibsa gabaabaa kan baase dhaabbata isaaniiti.

Intallii isaanii Duuduu Zuumaa Saambudlaa fuula Tiwiitarii ishee irratti ‘’gara mana hidhaa deemaa jiraatus ammallee jabaadhuma,’’ jechuun barreessite.

Afrikaan Kibbaa kana dura pireezidaantii tokkollee mana hidhaatti ergitee hin beektu.

Pireezidantii kanarratti hidhaan baatii 15 kan irratti murtaa’e gaafa Waxabajjii 29 yeroo biyyattii waggaa sagaliif bulchan himannaa malaammaltummaa irratti dhiyaateef ragaa dhiyeessuu didnaani.

Yeroo pireezidaantii turan abbootii qabeenyaa namoota siyaasaa waliin shira xaxuun sirna murtoo kennuu mootummaa irratti dhiibbaa taasisaa turan.nHaa tahu malee Zuumaan himannaan kuni shira siyaasaa narratti adeemsifamaa jirudha jedhu.

Bara 2018tti paartii isaanii African National Congress (ANC) keessaa akka gadhiisan taasifamanillee, naannoo dhaloota isaanii KwaZulu-Natal’tti garuu ammallee deeggartoota amanamoo tahan qabu.

Gaafa Dilbataa namoonni baayyeen mana jireenyaa guddaafi qananii tahe fuulduratti walitti qabamuun hidhaa isaanii mormaa turan. Gaafa Roobii yeroo isaan harka kennuuf jedhanillee akkasuma namoonni walitti qabamanii turan.

Zuumaan nama siyaasaa sirna appaartaayidii mormuun hidhaa dabarsanii turani dha.