Pirezidaantii duraanii Afrikaa Kibbaa Jaakob Zumaa akka hidhaman murtaa'e

Jacob Zuma

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Jaakob Zuumaan bara 2018 aangoo pirezidaantummaa irra bu'e

Manni murtii olaanaa Afrikaa Kibbaa pireezdaantii duraanii Afrikaa Kibbaa Jaakoob Zumaa irratti hidhaa ji’oota 15 murteesse.

Murteen kun kan irratti darbe Manni Murtii Heeraa himannaa yeroo pireezdaantii turetti malaammaltummaa irratti akka qoratamuuf waamicha dhiyaate diduu isaan yakkamaa ta’uu isaa erga mirkaneessee booda.

Angoon Zumaa kan 2018 xumurame, himata hedduun kan guute ture. Namootni daldalaa abbootii siyaasaa waliin ta’uun adeemsaa murtee biyyatti irratti dhiibbaa uumaniiru jechuun himatamu ture.

Pirezdaantiin duraanii kun waamicha dhiyaateef kanaratti al takka qofa dhiyaate sana booda garuu deebi’ee dhiyaachuu dide.

Qorannoon – Abbaa alangaa Reeyman Zondoon hogganamu – Manni Murtii Heeraa gidduu akka galuuf gaafate.

Zumaan buufata poolisiitti akka of keennuuf guyyaa shantu kennameefi. Yoo kana goochuu baate ministeerri poolisi akka inni to’annoo jala ooluuf ajaja dabarsuu qaba.

Haati seeraa Sisi Kampepee murtee ishee kanaan kutattuu turte. Zumaan gocha isaa akka ibsuuf mana murtiitti yeroo waamame dideera jechuun “kanarra wantoota amanummaa seera biyyatti wantoota balleesanii fi boorressan itti yaadee dubbate” jetteetti.

“Zumaan hidhaa akka seenuu gochuu malee filannoo biraa hin qabu, kunis ergaa gaarii gaarii dabarsa jedheen abdadha… ergaa olantummaan seena fi bulchiinsi haqaa ni injifata jedhu.”

Himannaa seeraa kan biraatiin, bara 1990’n keessa Zumaan himmana malaammaltummaa daldala meeshaa waraanaa doolara biiliyoona shanii keessa harka qaba jechuun irratti dhiyaate haaleera.