Zuumaa eeguuf jecha basaasa seeraan alaa irratti qarshii miiliyoonaan bahu

Jaakoob Zuumaa

Madda suuraa, AFP

Ejensiin basaasaa Afrikaa Kibbaa Pireezidaantii duraanii Jaakoob Zuumaa qorannoo malaammaltummaarraa eeguuf jecha basaasarratti qarshii miiliyoonaan baasuudhaan himatama.

Himannaan warreen odeeffannoo malaammaltummaa saaxilaniin bahe akka jedhutti abbootii murtiifi gaazexoota irrattillee dhiibbaa taasisuuf yaalamaa jira.

Himannaawwan banaman ajaa’iba dha.

Namoota dhimma kana saaxilan lamaafi ragaa baatonni biroo shira wal-xaxaa ejensii tikaa biyyattii gara loltuu dhuunfaa pireezidaantii duraaniitti geeddaruuf taasifamu irratti odeeffannoo gad-fagoo kennan.

Waggoota kurna dabran keessatti Zuumaan himannaa malaammaltummaa baayyeetu irratti banamee jira.

Qorannoon abbaa murtiitiin hogganamu kuni garuu Zuumaan caasaa mootummaa of eeguuf jecha hangam akka fayyadaman saaxilaa jira.

Ragaa baatonni kunneen qarshii waliigalaa guddaa ejensii nageenyaa biyyattiirraa hatamee deeggartoota Zumaaf kenneme ibsaniiru.

Miidiyaalee irratti dhiibbaa gochuun pireezidanticha eeguuf qarshii baasii taasifame.

Manni mutii otoo hin hafiin dhimma kana keessa akkatti gale.

Caasaawwan mootummaa ifatti loogii dhaan dhimma siyaasaa irratti bobba’an

Zuumaan irra deddeebiin himannaa irratti ka’u haalaniiru.

Qorannoo dhimma malaammaltummaa kanaaf taasifamuufis deebii kennuu didaniiru- heerri mootummaa immoo isa kana seeraan ala dha jedha.