Afrikaan Kibbaa Zuumaa malaammaltummaan qorachuufi

Madda suuraa, AFP
Pireezidantiin Afrikaa Kibbaa duraanii Jaakoob Zuumaa malaammaltummaan shakkamanii qorannoon irratti adeemsifamaa jira.
Himatni isaanii murtiilee siyaasaa fedha dhuunfaaf jecha jallisuu (state capture) yommuu ta'u maatiin Guptaa, abbaa qabeenyaa biyyattii guddaan, filmaata ministirootaa dabalatee murteewwan siyaasaa keessaa harka akka galfatan hayyamaniiru kan jedhudha.
Zuuman ji'a Amajjii keessa aangoo gadhisuun duras qeeqni kun irratti cimeet ture.
Maatiin Guptaa fi Pireezidantiin duraanii kun yakka hojjetan akka hin qabne dubbataniiru.
Wayita qorannoon kun uummataaf ifa ta'ee eegalamu abbaan alangaa itti aanaan Reey Zondoon lammiileen biyyattii huni dhimma kanaratti waan beekan hunda akka eeran gafataniiru.

''Lammiilee Afrikaa kibbaa biyya kana jaalatan as bahanii rakkoo kana akka furru komishinii kana akka deeggartan isin gaafanna'' jedhaniiru.
Mudde darbe komii uummataa qulqulleesuuf Zuumaan komiishinii tokko akka hundeessan mana murtii olaanaan ajajamanii ture.
Gabaasni komishinichaas murteewwan siyaasa fedha maatii Guptaa akka guutuutti jallisuun jiraachuu fi sadarkaa aangoo mootummaa olaanuttu malaammaltummaan jiraachuu ibseeraa.
Maatiin Guuptaa filannoowwan ministirootaa keessaa harka qabaachuufi dhiisuu ilaala komishinichi.













