Deeggartuu kubbaa miilaa yeroo Jarman mo'amtu boosseef birriin miiliyoona lamaa ol walittiqabame

Waancaa Awurooppaa gara biyyoota 16tti erga makamanii Jarman Ingilaandiin mo'amtee keessaa baate

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Waancaa Awurooppaa gara biyyoota 16tti erga makamanii Jarman Ingilaandiin mo'amtee keessaa baate

Deeggartuu kubbaa miilaa yeroo Jarman istaadiyeemii biyyaalessaa Ingilaandi Weembileey irratti mo'amtu boosseef birriin miiliyoona lamaa ol walitti qabame.

Namichi daa'ima garee kubbaa miilaa Jarmanii deeggartu falmii Awurooppaa 2020 irratti yeroo boossu viidiyoon waraabamteef qarshii walitti qabe, maatiinshee bakka argamanitti maallaqichi tola ooltummaaf kennama jedhe.

Namni Joowel Hiyuus Kaarliyan jedhamu namni UK hundi hamaa miti kan jedhu agarsiisuuf qarshii kana funaanuu jalqabe.

Deeggartoonni Ingilaand tokko tokko daa'imni kuni yeroo Jarmaniin Inglilaandiin tapha istaadiyeemii Weembiley irratti 2 fi 0 mo'amtu boosse jennaan yaada ishee miidhu dubbataniitu turan.

Maatiin mucaa kanaa qarshiin walitti qabame dhaabbata dhimma ijoolleerratti hojjetu Unicef dhaaf haa kennamu jedhan.

Ibsa dhimma kanarratti kennaniis, ''fedhii intala keenyaafi maatii keenyaaf jecha ifatti waa'ee keenya himuu hin barbaannu, tahus warreen nu deeggaran mara galatoomaa jenna,'' jedhan.

''Mucaan keenyi kennaan keessan kuni Unicef dhaaf arjoomamuun hojiin keessan gaarummaaf haa oolu jetti,'' jedhan.

Hiyuus namni ganna 51 miidiyaa hawaasa deeggarsa qarshii kanaaf bane irratti warreen duula kana deeggaran maraaf 'galanni koo guddaa' jedhe.

Yeroo qarshii kana walitti qabuu jalqabu suuraawwan 'daa'ma kanaa akka malee waan hamaa irratti jedhame' argeenii jedha.

Yeroon jalqabu paawundii 500 walitti qabee waan ishee gammachiisu wayii bituufiifan ture jedhe.

Shaampiyoonaan Waancaa Adunyaa bara 2014 Jarman dorgommii waancaa Awurooppaa irratti Ingilaandiin mo'amuun keessaa baate.

Taphichi leenjisaa garee biyyaalessaa Jarman yeroo dheeraa Yowakim Loow'f tapha xumuraa ture. Leenjisaan duraanii Baayern Muunik, Fiilik bakka isaa bu'uun akka leenjisuuf dursamee waliigalameera.

Waancaan Awurooppaa gara xumuraatti kan dhufe yoo tahu, Xaaliyaan rukuttaa peenaaliitiidhaan Ispeeniin mo'achuun waancaaf darbiteetti. Ingilaandi ammoo har'a Denmaarki waliin kan morkattu taha.