Liyonel Mesiin kontiraata isaa fixuun bilisa tahe, Manchistar Yunaayitid taphataa cimaa waliin waliigale

Lionel Messi

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Lionel Messi has won more Ballon d'Or awards - given to the best player in the world - than anybody else, with six

Maanchister Siitii, PSG, taphaticha barbaadaa kan turan yoo tahan amma kunoo kontiraata Baarseloonaa waliin qabu eda galgala xumure.

Baarseloonaa gadhiisuuf bara darbe yeroo yaalaa ture ji'oota 12tu isa hafee ture. Amma kontiraata irraa bilisa tahe. Akka Baarseloonaa keessa turuuf yaalii guddaan godhamaa turus hanga guyyaa xumuraa irra gahanitti waliigaltee irra hin geenye.

Kontiraata haaraa akka mallatteessuuf ammayyuu kilabicha waliin dubbataa jira. Kun yoo Mesiin achuma turuuf murteesse qofa.

Amma Mesiin kilabichaa yoo bahuu barbaade kaffaltii jijjiirraa tokko malee kilaba barbaade waliin waliigaluu danda'a jechuudha.

Barreessaan kubba miilaa Ispeen Guulem Balaguu torban darbe Baarseloonaan kontiraata waggaa lamaa kennuufiin ifoomsuuf ariitiin hojjechaa jiru jedhee ture.

Kontiraata Mesii haaromsuun hojii jalqabaa pirezidaantii haaraa kilabichaa Yohan Laapportaati. Kanaaf amma abbaa Mesii fi bakka bu'aa isaa Joorji Mendes waliin mari'ataa jira,'' jedhe Balaguun.

Jaadon Saanchoo gara Man Yuunaayitid

Maanchister Yuunaayitid Jaadon Saanchoo Borushiyaa Doortimandi irraa mallattesisuuf paawondii miliyoona 73 waliigale.

Taphataan ganna 21, waliigaltee dhuunfaa raawwachuuf jedhuufi ammatti qorannoo medikaalaa hin galle kun Yuunaayitid waliin kontiraata waggaa shanii mallatteessa jedhamee eegama.

Jadoon Saanchoo

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Jadoon Saanchoo

Gatiin marsaa shaniin wal qixxaatee kaffalamu kun seenaa Ingilaandi keessatti Haarii Maaguweritti aanee taphataa gatii qaaliin bitame 2ffaa isa taasisa.

Haarii Maaguwer bara darbe Leester Siitii irraa Paawondii miliyoona 80'n Maanchister Yuunaayitidiif mallatteessa.

Maanchister Siitiin ammoo bu'aa Doortimandi argate irraa %15 argata. Saanchoon tapha kubba miilaa Waatfoorditti jalqabee, Maanchister Siitii galuun ganna 17 yeroo ture waggaa afur dura Borishiyaa Dortmandi gale.

Tootenahaam Nuunoo Espirito Saantoo leenjisaa isaa godhe

Tootenaam erga Joosee Mooriinoo gaggeessee leenjisaa cimaa tokko gara kilabichaatti fiduuf yaalii hedduu gochaa turus hin milkoofne.

Amma leenjisaa duraanii Woolvis lammii Poorchugaal tahe leenjisaa isaa gochuun qacare. Antooniyoo Koontee, leenjisaa isaa duraanii Maarushiyoo Poochetiinoo PSG irraa, Genaro Gatusoo, fi leenjisoonni maqaa gurguddaa qaban gaafatamanii tole hin jenne.

''Gammachuu guddaadha, Ispers [Spurs] ytahuun kabajadha. Gammadeera, hojiikoo jalqabuuf yaadaan jira. Guyyaan akkasumaan dabarsinu tokkoyyuu hin jiru. Qophiin yeroo dorgommii duraa waan eegaluuf hatattamaan eegalla jedhe.

Nuunoon kilaba isaa duraanii Woolvis waliin dorgommiin jalqabee torban lammaffaa irratti deebi'ee kan morkatu taha.

Nuunoo-leenjisaa haraa Tootenaam

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Nuunoo-leenjisaa haraa Tootenaam

Everteen akkasuma leenjisaa duraanii Liiverpuul Raafa'el benirez leenjisaa isaa gochuun qacare.

Kun deeggartoota kilabichaa biratti hedduu fudhatama dhabus abbaan qabeenyaa Everteen leenjisaa kilaba masaanuu isaanii Liiverpuul keessa tureefi yeroo tokko ''garee xiqqoo'' jechuun isaan arrabse qacaran.