Waancaa Awurooppaa 2020: Falmii Itaalii v Ispeen irratti wantoota beekuu qabdan

Madda suuraa, Reuters
Itaalii fi Ispeen dorgommii Awurooppaa mo'atanii darbuu irratti walitti aansuun yeroo afur wal argan. Amma abbaan mo'ate Ingilaandi yookaan Denmaarki keessaa kan mo'atu waliin waancaaf kan taphatu taha.
Biyyootni lameen waltajjii dorgommii Awurooppaa irratti walumaagala yeroo torba kan waliin taphatan yoo tahu, daqiiqaa 90 keessatti Ispeen kan mo'atte bara 2012 keessa. Taphicha Ispeen 4 fi 0'n mo'atte.
Bara 2016 ammoo Itaaliin biyyoota 16 keessaa darbuuf dorgommii taasifameen Ispeeniin mo'atteetti.
Ispeen waancaa Awurooppaa kana yeroo 4ffaaf mo'achuu barbaaddi. Itaaliin ammoo bara 1968 qofa waancicha mo'atte.
Taphni kun Wembileey istaadiyeemii biyyaalessaa Ingilaandi irratti gaggeeffama. Taphni Ingilaandii fi Denmaarkis achumatti boru kan gaggeeffamu taha.
Gama lamaaniinuu deeggartootni baay'een argamu jedhamee hin eegamu. Sababni isaas namni Ispeen yookaan Itaalii irraa gara UKtti imalu adda bahee turuu (quarantine) galuu qaba waan taheef.
Pirezidaantiin Waldaa Kubbaa Miilaa Itaalii, Gabri'eel Giraviinaa, deeggartoota eeyyamamu 60,000 keessaa tikkeettii 125 akka kennameef himan.
''Sirrii miti, Itaaliifi Ispeen irraa deeggartootni hin jirani,'' jedhan leenjisaan Itaalii Roobertoo Maanchiniin. ''Namoota muraasa duratti taphachuu irra uuummata fuulduratti taphachuun gaariidha- sun miidhagina ispoortiitti.''
Leenjisaan Ispeen Luwiis Eniriikeen, lammiileen Itaaliifi Ispeen hedduun UK keessa jiraatan ni daawwatu.
Haala adda tahedha. Lammiileen Itaaliifi Ispeen deeggartoota Ingilaandi caalan akka jiran nan amana. Garuu haalota to'annoo keenyaan ala tahantu jira,'' jedhe.
''Humnakoo homaayyuu asirratti hin balleessu. Akka adda tahu hawwina garuu haalicha ni fudhanna.''
Itaaliin waggoota sadii tahaniif hin mo'amne. Ammas dorgommii kana irratti birqabaan garee cimaadha jedhamuu danda'u.
Garee isaanii keessaa taphoota sadan hundaa mo'atanii darban. Beeljiyeem, biyya adunyaa irraa sadarkaa jalqabaa irra jirtu 2 fi 1'n mo'atanii darban.
Haa tahu malee taphataa gahumsa guddaa irra ture ittisa cinaa irra taphatu Li'oonaardoo Spinaazoolaa tapha Beeljiyeem waliin taasisan irratti miidhamuun jilbi isaa gargaarsi baqaqsanii yaaluu taasifameeraaf. Ji'oota jahaafis kan hin taphanne taha.
Ispeen garuu gahumsa guddaa jedhamu hin agarsiisne. Taphoota shan keessaa daqiiqaa 90 keessatti kan mo'atan tapha tokko qofa.
Lama qixa bahuun Isloovaakiyaadhaan 5 fi 0'n mo'atanii garee keessaa darban. Kirooshiyaa 5 fi 3'n akkasumas nuusa xumuraa keessatti ammoo Swiizerlaandi rukuttaa peenaaliitiidhaan mo'achuun as gahan.
Leenjistootni lamaan sadarkaa kilabaatti milkaa'ina gurguddaa qabu. Roobertoo Maanchiiniin waancaa Serie A sadii Inter Miilaan waliin, waancaa Piriimer Liigii tokko Maanchister Siitii waliin, akkasumas waancaa adda addaa jaha Itaalii, Ingilaandi fi Tarkii keessatti mo'ataniiru.
Eniriikeen Baarseloonaa waliin waancaa sadii waggaa tokkotti akkasumas waancaa Laaligaas waggaa itti aanu keessa injifateera.
''Waggoota 20 darbaniif Ispeen kubba miilaa addunyaa to'ataniiru. Haala tapha isaanii ni jijjiiru jedhee hin yaadu,'' jedhe Maanchiiniin.
''Falaasama taphaa isaanumaan kalaqamee milkaa'ina guddaa isaaniif kenne qabu, isuma itti fufu jedheen yaada,'' jedhe.
''Kan keenya xiqqoo addadha. Nuyi Itaaliidha, al takkaatti Ispeen tahuu hin dandeenyu. Tapha keenya taphachuuf yaalla.''
Ispeen kubbaa to'atanii taphachuu irratti rikardii isaanumaan qabamee tureyyuu haa fooyyeessan malee galchii lakkoofsisuu irratti hanqina qabu. Alvaro Moraataa kubbaa argatu galchiitti jijjiiruu irratti hanqinoota agarsiisaa ture.
Pawulo Sarabiyaa yoo miidhamaan hin taphatu tahe Dani Olmo bakka bu'a jedhamee eegama.
Itaaliin ammoo Spinazola taphataa Chelsii Emersaniin bakka buusu jedhamee eegama. Itaaliin erga Maanchinii bara 2018 leenjisaa isaa gochuun qacartee taphoota 37 keessaa 28 injifatteetti.
Ammas leenjisichi biyya isaa Itaalii gara waancaatti deebisuu danda'a jedhu xiinxaltootni kubbaa miilaa.













