Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Chaayinaan viidiyoo konkolaataanshee maarsiirraa ergite gadhiifte
Ejansiin Hawwaa Chaayinaa viidiyoo wayita roobootiin isheen ergite Zhurong dirree Maarsiirra sochootu mul'su gadhiise.
Viidiyoon ergame kun kaameeraa konkolaataan roobootii kun dursitee lafa keesseen kan waraabameedha.
Viidiyoon haaraan miidiyaan gadhiise kun roobootiin Zhurong ji'a Caamsaa keessa wayita qubattutti duraafi duuba yeroo sirni paaraashutii ishee diriiruufi qubbattu argarsiisu kan mul'isu qaba.
Roobootiin miila jaha qabdu kunis dirra balaa Maarsiirra jedhamee yaadamu naannoowa (Utopia Planitia) jedhamu qorataa jirti.
Ejansiin Hawwaa Biyyaaleessaa Chaaniyaa (CNSA)n (Waxabajjii 27 irraa kaasee) Zhurong akka lakkoofsa maarsiitti (Mars sols) 42 Maarsii keessa daqiiqaa 236 deemtee jirti jedhe. Sool jechuun lakkoofsa guyyaa Maarsii yoo ta'u, lakkoofsa guyyaa Dachiirraa xiqqoo waan dheeratuuf sa'aatii 24 fi daqiiqaawwan 39n fudhata.
Viidiyoon amma ergame kun kan karaa saataalaayitii Tianwen-1 jedhamuu fi kan Maarsiirra marstuun gara dachiitti ergame ture. Maarsi Pilaaneetii Diimtuu jedhamuun beekamti. Saataalaayitiin Tianwen-1 jedhamtu ammoo kan Chaayinaan akka pilaaneetiin diimtuu kanarra marsitee hojiishee hojjaattuuf ergiteedha.
''Saataalaayitiin Maarsi marsaa jirtuufi roobootiin Marsiirra jirtu lamaanuu haala hojii gaariirra waan jiraniif, Maarsiirraa Paartichaafi gara lafaatti nagaadhumaa gabaasaa jiru. Kana gochuun, ammoo kabaja hundeeffama paartichaa irratti baga geessee fageenyarraa ergaa jiru,'' jedha ibsi CNSA kenne.
Waxabajjiin tokka guyyaa hundeeffama waggaa 100ffaa paartiiKoministii Chaayinaatu kabajama.
Viidiyoon tokko, keessummaa qubannaa isaa ilaalchisee kan Caamsaa 14 raawwate ni gadhiifama jedhamee eegama.
Suuraawwan hanga tokko sirna paaraacshutichaa jalaa ol agarsiisan seensa roobootiittii irraa torban darbe ergame.
Haata'u malee gama viidiyootiin ammoo, atimoosfarii Maarsii argneera. Akkasumas yeroo Zhurong fi dubarraan rookkeetittiin baatee qubbachuun, dirra ukkee hinqabnerra qubbattu agarsiisa. Viidiyoo kana ilaalaa.
Uumamni atimosfarii Maarsii akka dacheerraa kan wacaa fi sagalee jeequ qabu miti.
Saayintistoonni yoo xinnaate guyyaa Maarsii 90 Zhuron irraa tajaajila argachuuf abdachaa jiru.
Roobootiin Chaayinaa kunis konkolaataawwan Ejansii Hawwaa Ameerikaa (NASA) kanneen 'Spirit fi Opportunity' jedhaman bara 2000n keessa turaniin waliin baayyee wal fakkaatu.
Roobootiin kunis KG 240 ulfaata. Utubaan dheeraa roobootiirra jiru kaameeraa baachuufi socho'uuf kan gargaaruudha.
Meeshaaleen shan kan dabalataa ammoo, albudawwan kattaa naannoo sana keessa jiran akkasumas uumama waliigalaa naannichaa, haala qilleensaa dabalatee qorata.
Akkuma roobootiiwwan Ameerikaan ergite (Curiosity and Perseverance), Zhurong kemistirii isaanii qorachuudhaaf meeshaa itti kattaa qotu qabu.
Dabalataanis dirra bishaaniifi cabbiin jiru ilaaluudhaaf raadaariis qaba. Kun ammoo dandeettii Perseverance roobootiin Ameerikaa qabuun wal fakkaata.
Viidiyoon yeroo Perseverance dirra Maarsiirra Guraandhala 18 qubbattu NASAdhaan gadhiifamee ture.