Waraana Tigiraay: Itoophiyaan haleellaa xiyyaaraa Tigiraayitti raawwate jechuun UN balaaleffateef deebii kennite

Ibsa 'haleellaan qilleensarraa lammiilee nagaa irratti raawwate' jechuun US fi EU balaaleffachuun baasan hordofee Ambaasadar Diinaa Muftii, “‘namootni haleellaan qilleensaa raawwatameera, mootummaan lammiileesaa miidhera’ jedhanii ibsa baasan filannoo seena-qabeessa kana ibsa isaanii keessatti eerufillee dhimma hin qaban.

Kanaan dura maqaa dimokiraasiin kunneen kakachaa turan, “nuti abbaa dimokiraasiiti” kuneen ofiin jedhan filannoo ummatni Itoophiyaa baay’inaan bahee bifa tasgabbii qabun adeemsise osoo hin eerin xiyyeeffannoo jijjiiruf waan kana uuman” jedhan.

“Isaan Libaanon keessatti, Afgaanistaan keessatti xayyaaraan damma roobsaa turani? Iraaq keessatti damma dhangalaasaa turanii? Bishaan roobsaa turani? Maalif yeroo kanatti Itoophiyaarratti dhimma kana filatan?” jechuunis gaafatan Ambaasaaddarichi.

Ambaasadar Diinaan kana kan jedhan erga Gamtaan Awurooppaa (EU) fi US haleellaa xiyyaaraa Waxabajjii 22 naannoo Tigraayitti namoota nagaarratti raawwate jedhame cimsanee balaaleeffanna jedhanii ibsa baasaniiti.

Ambasadar Diinaan, Loltootni TPLF lammiilee nagaa akka dawootti kan fayyadaman ta’uu akkasumas manneen bataskaanaa, masjiidootafi iddoowwan siiviilii akka dawootti akka fayyadaman kan himan Ambaasaaddar Diinaan, “Biyyattiin hookkara keessa ni seenti, filannichaaf namni tokkoyyu hin bahu’ jechaa kan turan waan fashalaa’ef amammoo waan kana fidanii dhufan” jedhan.

Sochiin mootummaan Itoophiyaa naannoo Tigraay keessatti taasisaa jirus namoota seeraan barbaadaman to’achuuf malee lammiilee nagaa kan hin akkeekne ta’uu himaniiru.

Ameerikaa fi Gamtaan Awurooppaa maal jedhan?

Gamtaan Awurooppaa (EU) fi US haleellaa xiyyaaraa Waxabajjii 22 naannoo Tigraayitti namoota nagaarratti raawwate jedhame cimsanii kan balaaleeffatan ta'uu beeksisan.

Gamtaan Awurooppaa (EU) haleellaa xiyyaaraa 'itti yaaduun' naannoo Tigraay keessatti namoota nagaa irratti tibbana raawwate jedhame cimseen balaaleeffadha jedhe.

Gamtaa Awurooppaatti Bakka Bu'aa Olaanaa Dhimmoota Alaafi Imaammata Nageenyaa Jooseep Boreel Fronted fi Komishinarri To'annoo Balaa Awurooppaa Janez Lenaricic ibsa waloo Roobii galgala baasaniin [Afaan Ingiliizii], ''haleellaa xiyyaaraa itti yaadamuun naannichatti namoota nagaa irratti raawwate kana cimsinee balaaleeffanna'' jedhan.

Haleellaa lafa gabaatti mudateera jedhame kana ilaalchisee BBCn kan dubbise dubbi himaan Raayyaa Ittisa Itoophiyaa Koloneel Geetinnat Adaana, haleellaan namoota nagaarratti raawwatame hin jiru jechuun haalan.

Koloneel Geetinnat akka himanitti: ''Iddoo gabaatti haleellaa xiyyaaraa hin gaggeessine. Kun akkamiin tahuu danda'a? Waraanni keenya iddoowwan barbaadu qiyyaafatee haleeluuf kan dandeettii qabudha,'' jedhan.

''Haleellaa qilleensaa gaggeessineerra, garuu iddoowwan adda bahan muraasatti. Garuu inni gabaa keessatti raawwatame jedhamee kan haasawamu dhugaarraa kan faagateedha,'' jedhan.

Haaluma walfakkaatuunis ibsa Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa dhimma kanarratti baaseen [Afaan Ingiliizii], haleellaan xiyyaaraa naannoo Tigraayitti lafa gabaa ollaa Idaagaa Seluu kan dhiheenya Togogaa Aanaa Doguu Tambeen keessati Waxabajjii 22 raawwatameen cimsee yaadda'uu beeksise.