Filannoon Itoophiyaa2021: 'Hanqinoota qabaatus karaa amanamummaa qabuun gaggeeffame'

Gareen taajjabdootaa Gamtaa Afrikaa filannoon Itoophiyaa marsaa 6ffaan hanqinoota hedduu qabaatus karaa amanamummaa qabuun gaggeeffamuu isaa taajjabeera jedhe gabaasa jalqabaa baaseen.

Gareen taajjabdoota Gamtaa Afrikaa gabaasa jalqabaa kanaan filannichi hanqinoota loojistikiifi nageenyaa, dhiibbaa siyaasaafi of eeggannoo dhabuu weerara koroonaavaayirasii irraa kan hafe qophiiwwan filannoon duraa fi guyyaa filannoo wantootni hojjetaman karaa seera qabeessa, naga qabeessaa fi amanamummaa qabuun raawwatan jedhe.

Gareen Gamtaa Afrikaa filannoo Itoophiyaa taajjabe pirezidaantii duraanii Naayijeeriyaa Olesgun Obaasaanjoon durfamu, Waxabajji 2, 2021 irraa eegaluun biyyittii kan gale yoo tahu, taajjabdoota filannoo yeroo dheeraa saddetii fi yeroo gabaabaa 57 qabachuun ture filannoo Itoophiyaa 2021 kan taajjabe.

Gareen taajjabdootaa kunneenis naannolee shanii fi magaalota lamatti kan bobba'an yoo tahu, filannichi rakkoo nageenyaa fi hanqina loojistikii isa mudatus karaa ulaagaa naannoo fi Idil-adunyaa guutuun gaggeeffame jechuun gabaasa baase.

Ergamni Gamtaa Afrikaa kun maal taajjabe?

Filannoon Itoophiyaa kun erga Abiy Ahimed bara 2018 gara aangootti dhufee yeroo jalqabaaf gaggeeffamuu isaati. Abiy Ahimed yeroo jalqabaaf aangoo seeraan filatame qabachuuf dorgomuu isaa eera gabaasichi.

Gareen Gamtaa Afrikaa kunis gabaasa isaa keessatti filannoo bara 2015 waliin yoo ilaallu, erga ministirri muummee Abiy Ahimed gara aangootti dhufanii namootni siyaasaa hidhaa turan gadhiifamuufi dirreen siyaasaa qaamolee siiviliif banaa tahuu hubadhera jedhe.

Paartileen siyaasaa filannoo keessaa bahan akka jiranis kan eere gabaasa isaa keessatti gareen taajjabbii filannoo Gamtaa Afrikaa, naannoo Oromiyaa keessaa Kongirensiin Federaalistii Oromoo dursee filannoo keessaa bahuun bakka hedduutti morkataan akka hin jiraanne taasiseera jedhe.

Naannoo Oromiyaa keessa kan socho'an KFO fi ABO'n miseensotnii fi hoggansi isaanii hedduun jalaa hidhamuu ibsuun 'dhiibamnee filannoo keessaa baane' jedhanii ture.

Gabaasa kana keessatti KFO malee ABO'n filannicha keessaa bahuu ilaalchisee waan jedhame hin jiru.

Haa tahu malee filannoon kun rakkoo nageenyaan naannoo Tigiraay, walitti bu'insa daangaa Affaariifi Somaalee, rakkoo nageenyaa Lixa Wallaggaa osoo jiruu mootummaan humna nageenyaa gahaa bobbaasuun karaa nagaa qabeessa taheen akka gaggeeffamuu godheera jedhe.

Gamtichi akkaataa heera Itoophiyaa 1995 fi labsii boordii filannoo biyyaalessaa 2019 galmee paartilee siyaasaa fi naamusa filannoo ilaalchisee baheen filannichi hanqinoota qabaatus ulaagaa filannoo dimokiraatawaa sadarkaa naannoo fi idil-adunyaa guutudha jedhe.

Boordiin filannoo biyyaalessaas qaamolee filannicha irratti hirmaatan irraa amanamummaa kan argateefi bilisa tahee socho'aa ture jedhe.

Hirmaannaa Paartilee siyaasaa

Boordiin filannoo biyyaa lessaa Itoophiyaa paartilee siyaasaa 53 tahan filannoo 2021 kanaaf galmeessee ture. Isaan keessaa 46 kan tahan filannicha irratti hirmaataniiru.

Paartileen 17 tahan mana maree bakka bu'oota uummataaf, 29 kan tahan ammoo mana maree naannoof dorgoman. Gareen taajjabdoota gamtaa Afrikaa filannoo kana keessaa Kongirensiin Federaalistii Oromoo bahuu hubadheera jedhe.

KFO'n filannicha Keessaa bahuun naannoo Oromiyaa keessaa bakka hedduu morkii malee hanbisera. Sababni itti filannicha keessaa bahan ammoo doorsisaaf dararaan miseensota isaanii irra gahuu himatan jedhe.

Gamtichi filannoo kana irratti hirmaanaan dubartootaafi qaama miidhamtootaa gaarii tahuus himeera.

Filannoo bara kanaa irarti dubartootni %45.7 tahan yoo hirmaatan kaadhimamtootni % 15.9 paarlaamaaf kan hafan % 22.16 ammoo mana maree naannoof dorgoman jedhe.

Nageenya filannoo fi guyyaa filannoo

Gareen taajjabdoota Gamtaa Afrikaa yeroo qophii filannootti naannoo Oromiyaa fi Amaaraa tokko tokkotti waajjirri boordii filannoo naannoolee manca'aniiran akka jiran hime.

Guyyaa filannoo Waxabajji 21, 2021 ammoo buufataalee filannoo 22 taajjabuu kan hime gareen kun buufataaleen 13 tahan yeroodhaan hin banamne jedhe.

Akka sababaatti kan hime ammoo qondaalotni filannoha raawwachiisan yeroodhaan gahuu dhabuu fi hanqina waraqaa filannoo tahuu hime.

Gareen kun waliigalaan buufataalee filannoo 2249 taajjabuu himuun, filannichi karaa tasgabbii fi naga qabeessa taheen gaggeeffameera jedhe. Buufataaleen taajjabe keessaa %79.9 kan tahan guyyaa guutuu hiriirri dhedheeraan ture jedhe. Buufataaleen filannoo hedduun ammoo qaama miidhamtootaaf mijatoo tahuu ibse.

Gambellati hanqina waraqa filannoo irraa kan ka'e adeemsi filannoo adda cituu gareen taajjabdootaa ergine gabaasaniiru kan jedhe gareen Gamtaa Afrikaa yeroo isaan achii bahn waraqaan filannoo akka gahuuf eegamaa ture jedhe. Filannoon naannoo Gambeellaa fi Sidaamaa kaleessa jechuun Waxabajji 22.2021 itti fufuun gaggeeffamuun isaa ni yaadatama.

Haaluma wal fakkaatuun haqina mudateen naannoo Benishaangul Gumuz keessattis filannichi akka adda citu tahee ture.

Gareen taajjabdoota Gamtaa Afrikaa gabaasa isaa jalqabaan filannichi jalqabee hanga lakkaawwiitti kan jiru taajjabeera jedhee gabaasa baaseen filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa Itoophiyaa kun rakkoo nageenyaa, hanqina meeshaalee filannoo fi weerarri koroonaavaayirasii mudatus karaa ulaagaa naannoo fi idil-adunyaa guutuu danda'uun gaggeeffameera jedhe.

Bu'aan filannoo kun sadarkaa naannoo filannootti kan ibsamaa jiru yoo tahu waliigalli isaas fuulduratti kan eegamu taha.