Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Tigraay: Naannicha keessatti lolli cimaa gaggeeffamuun gabaafame
Kaaba Itoophiyaa naannoo Tigraay bakka hedduutti finciltootaafi humnoota mootummaa federaalaa gidduutti lolli cimaan jalqabamuusaa gabaasaaleen mul'isan.
Gareen fincile, Humni Ittisaa Tigiraay (TDF) magaalaawwan hedduu qabachuu himeera. Namoonni ijaan argan BBCtti akka himanittis loltoonni TDF kun naannawaarra deemanii osoo isaan waan jiru ilaalaanii arguu ragaa bahan.
Wanti jedhame kun oduu sobaati jechuun Humni Ittisaa federaalaa Itoophiyaa garuu waakkateera.
Erga Sadaasa darbe mootummaan Itoophiyaa waraana kana akka injifate labsee booda kun lola isa cimaa ta'edha.
Waraana baatii saddeetiin dura jalqabe kanaan namoonni kumootaan lakkaa'aman ajjeeffamanii miliyoonotaan kan lakkaa'aman ammoo buqqa'aniiru.
Lola kana hodofee Tigraay keessatti namoonni miliyoona shan ta'an gargaarsa nyaataa kan barbaadan yoo ta'an, 350,000 ol kan ta'an ammoo beela hamaa keessa jiru akka tilmaama UN dhiyeenya kana baasetti.
Gabaasaawwan lola kanaa kan dhaga'aman filannoon waliigalaa Wiixata darbe gaggeeffame yeroo sagaleen lakkaa'amaa jiruttidha. Haala nageenyaa naannicha keessa jirurraan kan ka'e naannoo Tigraay keessatti garuu filannoon kun hin gaggeeffamne.
Dubbi himaa garee fincile kanaa kan ta'e Gabra Gabretsaadiq akka jedhetti magaaloota baayyeerratti xiyyeeffachuudhaan TDF torban darbe ture haleellaa kan jalqabe. Loltoonni TDF konkolaataawwan humna waraanaa akka barbadeessaniifi loltoota hanga tokko booji'uu dubbate.
Warri ijaan argan BBCtti akka himanitti humnoonni finciltootaa kun magaalaa baay'ee istiraateejikii taateefi daangaa Ertiraa irraa kiiloomeetira 45 faggaattu Addigiraatiin seenaniiru. Kun mirkanoofnaan, erga waraanni jalqabee kun yeroo finciltoonni baayyisee itti cimanidha.
Loltoonni TDF magaalota hedduu gama kaabaafi kibba magaalaa guddoo naannichaa Maqaleetiin mul'ataniiru.
Dubbi himaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Koloneel Geetinnet Adaanee lolli akka ture mirkaneessuun magaalaan, meeshaan waraanaafi loltoota isaan qabatan jira kan jedhu garuu haalaniiru.
"Yeroo mootummaan dhimma filannoo biyyaalessaafi Hidhaa Haaromsaa Laga Abbayyaa waliin walqabataniin ko'oommachaa jirutti, garee shororkeessaa kan ta'e TPLF, dargaggoota lolaaf bobbaase waliin gochawwan shororkeessummaa keessatti dammaqinaan socho'eera," jedhe.
Itti dabaluun, gaggeessitoota garee fincilaa kana qabuudhaaf oppireeshiniiwwan gaggeeffamanii turan jedhe.
Walitti bu'insi kun waan dhiyeenyatti dhumu miti
Teklemaariyaam Bekiit, BBC Tigrinya irraa
Erga Sadaasa darbe lolli jalqabee as kun haleellaa isa baayyee guddaa finciltoonni gaggeessanidha.
Yeroo lolichi jalqabetti walitti aansuun dadhabinsa isaan mudateen miidhamaniiru, garuu amma waan irra deebiyanii of gurmeessuun lola yeroo dheeraaf turuufi baayyee hamaa ta'eef qophaa'aa waan jiran fakkaata.
Yeroon isaan filatan ni agarsiisa, filannoo paartiin bulchaa jiru ni mo'ata jedhamee bal'inaan eegamu guyyoota muraasa dursanii jalqaban.
Gaaffiin ijoon: Ministirri Muummee Abiy Ahimad itti-gaafatamummaa sagalee filannoo isaanii fayyadamuun finciltoota kana waliin mariif taa'umoo dirree waraanaa irratti mo'icha argachuuf cimsanii itti fufuudha?
Wanti shakkii hin qabne tokko mootummaan lolli xumurameera yaa jedhuyyu malee finciltoonni kunneen ergaa cimaa Itoophiyaan waraanarra jirti jedhu addunyaaf erganiiru.
Gabaasaaleen finciltoonni Addigiraat qabataniiru jedhan ammoo dubbii jabduudha, sababiin isaa daangaa Ertiraatti dhiyoo waan ta'eef dhiibbbaan idil-addunyaa cimaa deemellee loltonni Ertiraa Tigiraay keessaa bahuu dhiisuu malu kan jedhu akeeka.
Waraanni kun yeroo dheeraa turuun rakkoo nyaataafi yaaddoo beelaa Tigraay keessa jiru daran hammeessuus mala.
Mootummaan Itoophiyaa loltoota Ertiraa waliin ta'uun Sadaasa darbe paartii naannicha bulchaa ture Humna Bilisa Baasaa Ummata Tigiraay (TPLF) irratti tarkaanfii fudhachuu eegaluun dhumuma ji'a sanaa injifannoo labse.
Buufata humna waraanaa Tigiraay keessa jirurratti haleellaa jalqabuun isaa lola kanaaf ka'umsa ta'ullee TPLF fi MM Abiy gidduu rifoormii siyaasaa isaan adeemsisaniin walqabatee waldhabdee guddaatu ture.
Yeroo sanarraa kaasuun TPLF humnoota biroo Tigiraay keessa jiran waliin TDF ijaareera.
Filannoo biyyaalessaa si'a lamaaf dheereffamee booda Wiixata darbe gaggeeffamerratti sagalee erga kennaniin booda MM Abiy Ahimad BBCtti akka dubbatanitti, akka ba'aniif loltoota Ertiraa waliin hojjechaa jirra garuu "isaan hin dhiibnu" jedhan.
Loltoonni Ertiraa ammoo ajjeechaa jumlaa, gareen gudeeduufi gargaarsi akka ummata bira hin geenye danquun himatamu. Himannaa kana Ertiraan garuu hin fudhattu.
MM Abiy beelli naannoo Tigiraay keessa jiraachuus haalaniiru. Rakkoon garuu naannicha keessa akka jiru amananii isa ammoo mootummaan furuu ni danda'a jedhan.
MM Abiy garee TPLF kan Caamsaa darbe akka shororkeessaatti mootummaa biyyaalessaan farrajame waliin hin dubbadhus jedhan.