Covid: Biyyoonni hiyyeeyyiin talaallii dhabaa jiru jedhe Dhaabbati Fayyaa Addunyaa

Biyyoonni hedduun weerara vaayirasichaan rakkachaa jiraatanis, garuu hanqinni talaallii isaan mudateera

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Biyyoonni hedduun weerara vaayirasichaan rakkachaa jiraatanis, garuu hanqinni talaallii isaan mudateera

Biyyoonni hiyyeeyyiin talaallii Covid-19 karaa sagantaa gargaarsaa Covax argatan hedduusaanii yeroo ammaa hanqinni talaallii isaan mudatee akka jiru Dhaabbati Fayyaa Addunyaa ibse.

Gorsaa olaanaan dhaabbatichaa Dr Bruce Aylward hanga ammaatti sagantaa Covax jalatti talaallii doozii miiliyoona 90 biyyoota 131'f raabsuu ibsan.

Garuu wayita vaayirasichi daranuu tatamsa'aa jiru kanatti talaalliin raabsame kun baayyee xiqqoodha jedhan.

Hanqinni kun jiraachuun kan baramee fi yaaddoo kan uume, wayita biyyoota Afriikaa tokko tokko keessatti weerarri vaayirasichaa marsaa sadaffaan mudatee jirutti.

Biyyisaanii weerara vaayirasichaan wal'aansoo walqabaa wayita jirtutti, Pirezidaantiin Afriikaa Kibbaa Siiril Raamafoosaan, biyyoonni dureeyyiin ofittummaadhaan talaallii walitti qabatanii irra taa'uu hin qaban jedhan.

Akka Afriikaatti hanga ammaatti talaallii doozii miiliyoona 40 qofatu raabsame kan jedhan qondaalli kun, kunis baay'ina uummata ardichaa keessaa dhibbeentaa 2 gadi jedhan.

Mootummaansaanii Covax waliin ta'uun akkaataa talaallicha Afriikaa keessatti oomishuun baay'isuun danda'amurratti akka hojjetus himan.

Talaalliin Covid-19 karaa qixa sirrii ta'een biyyoota addunyaa akka walga'u, keessattuu biyyoonni hiyyeyyiin akkamiin talaalamuu akka danda'anirratti hojjechuuf bara darbe kan hundaa'e Covax, haga xumura bara 2021'tti talaallii doozii biiliyoona lama addunyaan ga'uuf karoorfatee ka'e.

Biyyoonni hedduun wayita weerara vaayirasichaan dararamaa jiranitti hanqinni talaallii isaan mudate

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Biyyoonni hedduun wayita weerara vaayirasichaan dararamaa jiranitti hanqinni talaallii isaan mudate

Covax irra jireessaan biyyoota hiyyeeyyiif talaallii dhiyeessaa ture, kunis yoo xiqqaate uummanni addunyaa dhibbeentaa 20 ta'u akkaataa haqa qabeessa ta'een hunduu akka talaalamu gochuuf.

Haata'u malee sagantaan Covax kun sababa ofittummaa fi rincicuu biyyoota guddataniirraa kan ka'e akka yaadametti hin milkoofne.

Haga ammaatti biyyoonni akka Yugaandaa, Zimbaabwee, Baangilaadash fi Tirinidad fi Tobago hanqinni talaallichaa isaan mudachuu ibsaniiru.

Dr Aylward Wiixata kaleessaa Siwiizarlaand, Jeniivaatti wayita ibsa kennan, biyyoota hiyyeeyyii 80 keessaa walakkaa ol talaallii ga'aa hin arganne jedhan.

Dabalataan biyyoonni hedduun akka kanaan duraa of-eeggannoo ittisa vaayirasichaaf godhamu waan laaffisaniif weerarri vaayirasichaa hammaachaa deema jedhan.