'Filannoo biyyaaleessaa marsaa jahaffaa Wiixata gaggeeffamuuf qophiileen gahaan taasifaman'- MM Abiy Ahmad

Filannoo biyyaaleessaa marsaa 6ffaa Wiixata Waxabajjii 21, 2021 gaggeeffamuuf qophiileen barbaachisan haala gahaa ta'een taasifamu Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahmad beeksisan.

Ministirri Mummee Abiy itti dabaluunis filannoo biyyaaleessaa marsaa 6ffaan dura haala lammiileen nagaan bahanii sagalee isaanii itti kennuuf socha'an ilaalchiisee, ajajni tarsimoo nageenya filannoo biyyaaleessaa gamaaggama qophaa'ina xumurasaasaa irratti har'a marii taasisuu himan

MM Abiy toora tiwitara isaaaniirratti akka jedhaniitti, damee nageenyaa sadarkaa biyyaaleessatti akka bobba'uufi deeggarsa teknooloojiitiin bakkeewwan aada bahaniifi balaawwan mudataniif deebii bu'a qabeessaa ta'e kennuuf hojiiwwan bal'aa hojjatteera.

Kana malees lammiileen hundinuu wayita sagaleesaanii kennuuf bahaniitti naannoosaanii damaqinaan akka hordofaniif nan jajabeessa jedhaniiru.

Gama motummaattiin ammoo ''filannoo naga qabeessaa fi dimokiraatawa ta'e gaggeessuu qophiileen gahaan taasifamu mirkanneessuun barbaada,'' jedhaniiru MM Abiy.

Filannoon biyyaaleessaa marsaa 6ffaa boru gaggeeffamu sababii nageenyaafi haalawwan qophaa'insa filannootiin walqabatan biraatiin bakkeewwan tokko tokkootti akka hingaggeeffamne boordiin filannoo beeksiisun isaa ni yaaadatama.

Naannoo Tigraay sababii waraana tureettiin, Naannoo Somaalee sababii dogongora waraqaa filannootiin akkasumas eddoowwan naannoo Oromiyaa, Beenishaanguliifi Amaaraa muraasaatti ammoo sababii nageenyaatiin marsaa kanatti filannoon bakki itti hingaggeefamne ni jiru.

Akka boordichi beeksiiseetti eddoowwan kanneentti filannoo marsaa lammaaffaa Fulbaana 6, 2021 gaggeeffamuuf karoorfameera.

Odeessaalee walfakkaataa dubbisuuf: