Waraana Tigraay: Eertiraan 'UN maqaa na balleessaa jira' jechuun himatte

Madda suuraa, @ERITREA_UN
UNtti ergamni Eertiraa Niiw Yoorki jiru, jaarmiyaaleen UN jala jiran - Manni Maree Nageenyaa fi jaarmiyaan deggersa namoomaa qindeessu OCHA jedhaman ''irra deddeebiin Eertiraa hadheessaa jiru,'' jechuun himate.
Ergamni Eertiraa kun himata irratti ka'urratti akka yaada kennuuf Manni Maree Nageenyaa akka hin affeerree fi akka hin hirmaachisne himeera.
Eertiraan gocha maqaashee balleessuuf raawwatamu kamuu hin fudhattu jechuun ejjennoo biyyasaa ibseera ergamni kun.
Mootummaan Eertiraa himata qondaalli deggersa namoomaa UN Mark Lowcock, ''loltoonni biyyattii lammiilee hongeessuu fi beelessuu akka meeshaa waraanaatti fayyadamanii dararaniiru,'' jechuun kan isaan himatan waakkateera.
Ibsi mootummaa Eertiraa akkas jedha: ''Eertiraan gonkumaa naannoo Tigraayirraa gargaarsa namoomaa danqitee hin beektu. Eertiraa 'soorataan nama adabuu' bara dukkanaa, bara 1998-2000, bara Itoophiyaa waliin wal waraanaa turteyyuu akkas hin goone.''
Walga'ii dhoksaatti Manni Maree Nageenyaa UN taasiserratti Mark Lowcock akkas jedhan: ''loltoonni Eertiraa lammiilee shororkeessuuf jecha dirqisiisanii gudeedaa turan.
''Haala kanaan dubartootaa fi shamarran irraan dararaa hamaa geessisaa turan. Loltoonni Eertiraa uummatni akka beela'u gochuun haala kana akka meeshaa waraanaatti fayyadamaa turan.
''Hookkarrii fi haleellaan kun kan itti fufu yoo ta'ee fi loltoonni Eertiraa Tigraay keessaa hin ba'an yoo ta'e, beelli hamaan bara 1984 ture deebi'uunsaa waan nama ajaayibu miti, shakkiis hin qabu,'' jedhan Mark Lowcock.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti ergamni Itoophiyaa, loltoonni Eertiraa Tigraay keessa jiran ''yeroo gabaabaa keessatti ba'u'' jechuun dhiyeenya dubbatan.
Eertiraan garuu ammallee himannaan maqa-balleessii kun ta'e jedhee kan narratti qindaa'eedha jetti.
Qaama siyaasa ofii fedhu tarkaanfachiisuu barbaadutu Eertiraa maqaa hadheessaa jira malee, himata dhiyaataa jiruuf ragaa quubsaan hin dhiyaanne jechuun OCHA qeeqe mootummaan Eertiraa.
Qaamni kamiyyuu sababa garaagaraa uumuun dhimma Eertiraa keessa galee hookkaraa fi goolama siyaasaa akka uumu hin eeyyamnu jedha ibsi mootummaa Eertiraa.

Waraana Sadaasa darbe mootummaa Itoophiyaa fi loltoota TPLF jidduutti eegaleen namoonni kumaatamaan lakkaa'aman du'uu akka hin oolle tilmaama.
MM Abiy Ahimad naannoo Tigraay keessatti sarbamni mirgoota namoomaa raawwatamaa jiraachuu gabaasaaleen agarsiisan jiraachuu dubbataniiru.
Loltoonni sarbama mirgoota namoomaa raawwatan seeraan akka itti gaafatamanis himaniiru.
Keessattu loltoonni Ertiraa motummaa federaalaa maddii hiriiruun naannicha keessatti lolaa jiran sarbama mirga namoomaa kanaan kan himataman yoo ta'u, hawaasa addunyaatiin akka naannicha dhiisanii bahaniif dhiibbaa olaanaatu taasifamaa jira.
Sababii waraana naannichatti mudateen wal qabatee namoonni 60,000 ol ta'an biyyaa baqachuun gara biyya ollaa Sudaaniitti ce'aniiru.
Kanneen miliyoonaan lakkaa'aman ammoo naannichuma keessatti bakka jireenyaa isaanii irra buqqa'uun, hir'ina nyaataatiif yaaddeessaadhaa saaximaa jiraachuu dhaabbileen deeggarsa namoonaa iil-addunyaa irra deddebbiin akeekkachiisan.
Haata'u malee mootummaa Itoophiyaa lammiilee kanneeniif nyaataa dhiyeessuuf cimee hojjataa jiraachuu himuun, haalli sadarkaa beela hamaatiif lammiilee saaxilu naannicha keessa hinjiru jechuun waamicha dhaabbilee idiladdunyaa taasisan kana morma.
















