Itoophiyaan dhimma Hidha Haaromsaarratti yaada Liigiin Arabaa dhiyeesse kuffiste

Madda suuraa, FBC
Manni Maree Nageenyaa UN dhimma Hidha Haaromsaa Itoophiyaarratti akka mari'atu karaa Liigii Arabaan yaada dhiyaate akka hin fudhanne Itoophiyaan beeksiste.
Ministiroonni dhimma alaa biyyoota Liigii Arabaa Qataar Dohaatti walitti qabamanii turan, hidha falmisiisaa Itoophiyaan Laga Abbayyaarratti ijaaraa jirtu irratti mari'achuun, Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UNSC) dhimmicha akka ilaalu waamicha dhiyeessan.
Kana hordofee Ministeerri Hajaa Alaa Itoophiyaa ibsa baaseen, biyyattiin ''yaada furmaataa'' manni maree Hojii Raawwachiiftuu Liigii Arabaa dabarseen guddoo gadduu hime.
Liigiin Arabaa hidhicha ilaalchisee ejjennoo dogoggoraa wayita agarsiisu kun yeroo jalqabaatiif miti kan jedhe ibsichi, yaada Kibxata baaseen ''guutummaan guututtu hinfudhattu'' jedheera.
Gaaffii Sudaan fi Masriin dhimma hidhaa kana ilaalchisee kan walitti qabame yaa'iin kun, Manni Maree Nageenyaa UN dhimmicharratti akka mari'atu yaada dhiyeessuu, barreessaan liigichaa Ahimad Abul Gaahit himan.
Walgahiin ministirootaa kun dabalataan muddama kana keessa Masriifi Sudaan deeggaruuf ''tarkaanfiilee suuta suutaan fudhataman'' irratti waliigalteerra gahuu ministirri hajaa alaa Qataar Mohaammad Bin Abdurrahmaan Altaanii miidiyaatti dubbataniiru.
Ibsa Liigiin Arabaa baaseerratti Itoophiyaan tarkaanfii kophaa Masriifi Sudaan irratti miidhaa geessisu - marroo lammeessoof bishaan guutuurraa of qusattee ''miira gaariin'' marii akka teessu gaafatan.
Liigichi bishaan Abbayyaa bu'uura jiraachuu Masriifi Sudaanii akka tahe eeruun, hojiin biyyoota kanniin miidhu akka hin hojjetamne gaafateera.
Ministeerri Hajaa Alaa Itoophiyaas bishaan Abbayyaatti fayyadamuun lammiilee miiliyoonaan lakka'aman hiyyummaa jalaa baasuuf kan tattaafattu Itoophiyaaf, bishaanichi dhimma jiraachuufi dhabamuuti jechuun deebii kenne.
Liigichi ragaalee hidhicha ilaallataniifi ''bu'uura hinqabne'' Masriifi Sudaan dhiyeessan irratti hundaa'uun ejjennoo dogongoraa fudhateen, silaa qooda dhimmicha keessa qabaatu balleesseera jedha ibsichi.
Yaada murtee liigichaas dhimma Hidha Haaromsaa ''idiladdunyaawaa fi siyaasaa gochuuf yaalii milkaa'uu hin dandeenyedha'' jedheera. Kunis Laga Abbayyaa itti fufinsa naannawaa taheen fayyadamuufi bulchuuf qooda tokkoyyuu hinqabaatu jedheera.
Ministeerichi dabaluun Sudaan fi Masriin maricha dhimma biyyoota Arabaa gochuuf yaaluunsaanii akka isa gaddisiise himuun ''kun adeemsa gama sadii Gamtaa Afrikaan gaggeeffamuuf amanamoo akka hintaane agarsiisa,'' jedheera.
Sudaan fi Masriin marii kanarratti qaamoleen biroo jaarsummaan akka hirmaatan irra deddeebiin gaafatanis, Itoophiyaan garuu adeemsi gama Gamtaa Afrikaan eegalame xumura akka argatu jechuun fudhachuu didde.
Waa'ee hidhaa kanaa jaarsummaa Gamtaa Afrikaatiin mariin itti funfiinsaan adeemsifamaa ture, yeroo dhumaatiif Kongoo Kinshaasaatti kan taa'ame oggaa tahu, bu'aa malee obba'eera.
Kana hordofees hidhichi marroo lammeessoof bishaaniin guutamuu dura Sudaan fi Masriin qaamolee garagaraan Itoophiyaarratti dhiibbaa geessisuuf yaalaa kan jiran oggaa tahu, mariin ministiroota dhimma alaa Liigii Arabaafi ibsi baase qaamuma yaalii kanaati.
Biyyoonni lamaan kun yeroo dheeraaf waliigalteen idiladdunyaafi dirqisiisaa tahe akka mallattaa'u; kun tahuu baannaan ammoo Itoophiyaan bishaan guutuu hinqabdu jechuun wawwaachaa turan.
Itoophiyaan garuu ganna dabre marroo jalqabaan hidhicha bishaan guutuun, ji'a Adooleessaa dhiyaachaa jiruun ammoo marroo lammeessoof bishaan gutuuf qophiitti jirti.
Sudaan ejjennoo amma dura qabduun haala faallaa taheen guyyaa Wiixataa, haalonni tokko tokko guutamnaan, dhimmoota hidhicha wajjin jiran irratti gariin waliigaltee mallatteessuuf qophii tahuushee beeksistee turte.
Ministirri Jallisii Sudaan Prof Yaasir Abbaas Wiixata Kaartumitti akka dubbatanitti, waliigalteen yeroo kun kan mallatteeffamu, haaldureen sadii yoo guutaman akka tahe Rooyitars gabaaseera.
Haaluma kanaanis: erga bishaan ji'a Adoolessaa keessa guutameen boodas mariin akka itti fufu wabiin jiraannaan, marii haga ammaa gaggeeffameen dhimmoota irratti waliigalaman hundarratti biyyoonni akka mallatteessan fi yeroon mariin itti gaggeeffamu haala ifa ta'en haa kaa'amu kan jedhanidha.
Sudaaniifi Masriin waliigalteen dirqamsiisu otoo hin mallattaa'in Itoophiyaan marroo lammeessoof bishaan akka hin guunne mormaa turan - gama kanaan wayita ilaalamu waamichi Sudaan kun jijjiirama ejjennoo akka tahe himamaa jira.
Gamtaan Afrikaafi Ameerikaan yeroo garagaraatti biyyoota sadan kana gidduu galuun jaarsummaa taahuuf yaalanis, mariiwwan taasifman irratti bu'aan qaamolee hunda gammachiisu haga ammaa hin argamne.
Masriifi Sudaan Hidhaan Itoophiyaan ijaartu kun hanga bishaanii argannu nu jalaa hir'isa jechuun mormii dhageessisaa turan.
Itoophiyaa gamasheetiin, bishaan hidha kanaa lammiilee miiliyoona 65 tahanif annisaa dhiyeessuuf kan itti fayyadamtu waan taheef, rakkoon geessisu hinjiru jechuun yaaddoon biyyoota kanaa sirrii miti jetti.
Baasii doolaara biiliyoona afurii oliin kan hojjetamaa jiruufi erga ijaarsi eegalame ganna 10 kan guute Hidhni Haaromsaa Guddichaa Itoophiyaa, wayita obba'us Afrikaa keessaa hidha guddicha ni taha jedhama.
Annisaa elektiriikii Meeggaa Waatii 5,000 ol tahe maddisiisa hidhni kun.
Hidhaan kun marsaa jalqabaan ganna bara dabree kan guutame oggaa tahu, marroon lammeessoo ammoo Adooleessa dhufu kanatti Itoophiyaan beeksistee jirti.
Bara dhufuttis hanga taheen humna maddisiisuu eegala jedhamee eegama.
















