Hidha Abbayyaa: 'Itoophiyaan yeroo dhihootti hidha xiqqaafi giddugalaa 100 ijaaru eegalti' - MM Abiy Ahimad

Madda suuraa, MM Abiy Ahimad/Twitter
Ministirri Muummee Abiy Ahimad waggaa dhufu Itoophiyaan yoo xiqqaate hidha gadaanaafi giddugalaa 100 ta'an ijaaruu eegalti jechuun dubbachuu isaanii hordofee, miidiyaaleen Sudaaniifi Masrii dhimmicharratti gabaasa bal'aa hojjetaniiru.
MM Abiy Itoophiyaan karoora hidha kanneen ijaaruu akka qabdu kan dubbatan qaama ijaarsa daandii Itiyoo-Jibuutii kan ta'e sagantaa jalqabbii ijaarsa pirojektii Adaamaa-Awaash xumura torban darbe yeroo jalqabsiisanittidha.
''Yoo xiqqaate karoora hidha 100 ijaaruu qabna. Bishaan irratti cimsinee yoo hin hojjenne, bishaan akka qabeenya guddaa yoo hin fudhanne badhaadhina yaadnu milkeessuu waan nu rakkisuuf kayyoon mootummaa hidha xiqqaafi giddugaleessa hojjechuun bishaan tursuudha,'' jedhaniiru.
Kaayyoon ijaarsa hidha kanneenii waggaatti si'a sadii oomishuun akka danda'amu dandeessisu akka ta'e MM Abiy himaniiru. Haa ta'u malee, ifatti bakkeewwan kamitti hidhi kunneen akka ijaaraman hin ibsine.
Dubbii Ministira Muummee Abiy booda miidiyaaleen Giddugala Bahaa dhimmicha irratti gabaasa hojjetaniiru.
Itoophiyaan hidha laga Abbayyaarratti waggaa kudhan dura ijaaruu eegalteen biyyoota ollaa ishii Masriifi Sudaan waliin muddama seenteetti.
Tarkaanfii waraana Tigraayin walqabatee Ameerikaan tibbana Itoophiyaarratti fudhattees Itoophiyaan hidha Abbayyaan akka walqabatu ibsiteetti. Lammiileen kuma hedduu ta'anis daandiitti bahuun mormiin ibsaniiru.
Miidiyaaleen maal jedhan?
Miidiyaan Masrii Al-Ahiraam dubbii MM Abiy eeruun deebii Masrii gabaase - kunis, 'seera idil-addunyaaf kabaja kennuu dhabuudha' jechuun Masriin dubbatteetti jechuun ibse.
Akka gabaasa Al-Ahiraamitti dubbi-himaan biyyattii adeemsi Itoophiyaa mirga biyyoota yaa'a Abbayyaa gara gadii hin kabajne.
Haala wal fakkaatuun, 'Arab News' kan jedhamu dubbi-himaa Ministeera Dhimma Alaa Masrii Ahimad Hafeez waabeffachuun dubbiin MM Abiy Itoophiyaan itti fayyadama bishaan Abbayyaa irratti fedhii sababa qabu hin qabdu jechuun akka qeeqan hima.

Miidiyaan Masrii biraa Egypt Independent jedhamummoo dhiibbaa kamiyyuu Itoophiyaarra gahuf deebii kan kennituufi dhiibbaa kanneen dandamachuu kan dandeessu hidha ijaaruun ta'uu MM Abiy dubbachuu isaanii gabaase.
Miidiyaan Sudaan Tiribiyuun gama isaatiin waan MM Abiy hidha biyyattiin ijaaruuf kaate dubbatan yaadachiisuun, waraana Tigraay keessaan Itoophiyaan dhiibbaa biyyoota Lixaa irraa dhiibbaan irra gahaa jira jedheera.
Dubbii Ministirri Muummee Abiy saganticharratti dubbataniin ''mootummaan waggoota darban fayyaa, barnoota, ijaarsa daandiirratti pirojektii gurguddoo akkuma hojjete karoorri ijoo waggaa dhufu hidha xiqqaafi giddugaleessa ta'an naannoleetti babal'isuudha.''

Madda suuraa, Reuters
MM Abiy qaama ijaarsa boqonnaa tokkoffaa daandii Itiyoo-Jibuutii kan ta'e pirojektii daandii saffisaa Adaamaa-Awaash 60km dheeratu eegalsiisaniiru.
Sagantaa kana irratti Itoophiyaan karaa afranuu biyyoota ollaa daandiifi kaaniin wal qunnamsiisuuf akka hojjetamaa jiru ibsanii pirojektiin daandii eegalamees agarsiisftuudha jedhan.
Itoophiyaan ''dargaggeessa guyyaafi halkan hojjechaa qabeenya abbaa isaa baay'isu ni barbaaddi,'' jedhaniiru. Sababa kanaafis ''harka walqabannee hojiif haa kaanu'' jechuun waamicha dhiheessaniiru.
Baasii ijaarsa daandichaaf oolu Baankii Misoomaa Afrikaa irraa liqiin birrii biiliyoona 6.6 argameen kan ijaaramu ta'u ibsame.
Boqonnaan lammataa daandichaa 70km dheeratu immoo caalbaasiin bahe adeemsarra akka jiru himan.
Waa'ee Hidha Abbayyaa
Madda laga dheeraa addunyaa keenyaa jechuunis kan Abbayyaa kan taate Itoophiyaan yeroo jalqabaafi lagicharra hidha kan ijaarte.
Hidhi Haaromsaa jedhamee waamamu kuni erga waggaa 10 jalqabe eegalee Masriin, booda kanammoo Sudaan ijaarsiifi akkitti bishaan guutamu waliigalteen ta'u qaba jechuun ibsu.
Madda bishaan Abbayyaa keessaa %80 kan dhunfattu Itoophiyaan immoo lammiilee miiliyoonaan lakkaa'amaniif tajaajilli humna ibsaa akka barbaachisu himti.
Waggaa darbe hidha kana marsaa jalqabaa bishaan kan guutte yoo ta'u, kan waggaa lammataas ganna kana akka raawwatu ibsameera.
Miseensa garee teknikaa dhimma Abbayyaarratti Itoophiyaa bakka bu'un marii gaggeessan keessaa tokko kan ta'an Dr Ballaxa Birhaanuu, ijaarsi sivilii hidhichaa %91.8 gahuu miidiyaa biyyaalessaarratti himaniiru.
Ijaarsi elektiroo mekaanikaalaa isaammoo %54.5 akkasumas hojiin haayidiroo istiraakchar jedhan immoo %55.2 gahuu ibsan.
Ijaarsi hidha kanaa gaafa xumurame dheerina m1,800 hammi bishaan qabatuus asin ol m145 - m170 akka ta'u ibsameera. Hammi bishaan qabatus kiyubik meetirii biiliyoona 74 akka ta'u himame.
Akka ogeessa kanaatti xumura waggaa kanaatti hidhichi hamma tokko annisaa oomishuu eegala.

















