Hidha Haaromsa Guddicha: Masiriin Xalayaa fuula 95 qabu dhimma hidha haaromsa Itoophiyaa irratti UN'f barreesite

Madda suuraa, AFP
Masiriin xalayaa Jimaata darbe dhimma Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa irratti pirezidaantii Mana Maree Nageenyaa UN'f bareessiteen, ejjennoo Itoophiyaan hidhicha marsaa lammaffaaf ji'a Waxabajjii keessa guutuuf qabdu balaaleffatte. Tarkaanfichi nageenya bishaanii biyyoota yaa'a gara gadii jiran miidha jette.
Xalayaan fuula 95 qabu seen-duubee marii biyyootni sadeen Masirii, Sudaanii fi Itoophiyaan waggoota kurnan darban godhaa turan kaasa.
Itti dabaluun marichi jaarsummaa Gamtaa Afrikaan gaggeeffamaa jiraatus ejjennoo dhuunfaa Itoophiyaan qabatte irraa ka'uun milkaa'aa hin jiru jechuushee miidiyaa Masirii kan tahe al-Aharam gabaaseera.
Masiriin xalayicha ibsa baay'ee kana dura baasaa turtee fi ibsa ejjennoo bara 2015 biyyootni sadeen walii mallatteessan 'GERD's Declaration of Principles' dabalatee waliigalteewwan kaanis itti maxxansuun ergite.
Akkasumas osoo Gamtaan Afrikaa gidduu hin seeniin dura bara 2020 bu'aa marii Ameerikaan biyyoota sadeen waliin gootees itti dabaluun ergan.
Maricha irratti Itoophiyaan, Ameerikaan loogiidhaan hojjette jechuun marii xumuraa irraa hafte.
Masiriin mariin Gamtaa Afrikaa waliin godhan sababa hanqina waliigaltee dhimmoota teeknikaan hin cimiin hafe jette.
''Finfinneen ejjennoo dhuunfaa qabachuufi adeemsaan yaada walitti ijaaru dhabuu irraa kan ka'e bu'aa qabeessa hin taane,'' jechuun xalayaa barreessuu ishee hima gabaasichi.
Itoophiyaan jaarsummaa Gamtaa Afrikaa jalatti biyyoota sadeen waliin mari'annee waliigaltee irra gahuu qabna ejjennoo jedhu qabdi. Waktii ganaa rooba jirutti fayyadameen hidhicha guuta kan jettu Itoophiyaan kun hamma bishaanii biyyoota yaa'a gara gadi jiraanii akka hin miine irra dedeebin isaa turte.
Ministirr Jallisii Masirii Jimaata darbe mariin jaarsummaa gamtaa Afrikaan biyyootni sadeen godhaa jiran milkaa'aa waan hin taaneef kana caalaa bal'isuun Ameerikaa, Gamtaa Awurooppaa fi UN dabalchuu qabna jedhan.
Ameerikaa, fi Gamtaa Awurooppaa akka jaarsummaa fi taajjabaatti marii biyyoota sadeenii irratti yeroo garaagaraa hirmaatanis milkii malee hafee ture. Ergasii marici gara Gamtaa Afrikaatti deebi'e. Kun garuu Sudaanii fi Masiriif hin liqimfamne.
Ministerri Jallisii Masirii, Mohaammad Adel Ati- Kaayiroon mariidhaan itti fufuuf fedha qabdi jechuun waliigaltee seeraa mallattaa'ee hidhamee taa'u, kan mirga bishaanii Masirii fi fedha misooma warra kaanis eegu irra gahuu feena jechuun bakka bu'oota Faawondeeshinii nageenyaa, misoomaa fi mirga namoomaa Maat irraa dhaqanitti himuu miidiyaan al -aharam gabaasera.
Xalayaa Masiriin amma Mana Maree Nageenyaa UNf barreesite irratti, Itoophiyaan, ''wixinee seeraa guutinsaa fi oppireeshinii hidhichaa irratti Gamtaan Awurooppaa qopheesse mallatteessuu didde.
Wixinee seeraa hidhicha bishaaniin guutuu fi oppireeshinii isaa irratti qophaa'e mallatteessuu irra, hidhicha bishaaniin guutuu irratti waliigaluu, odeeffannoo wal jijjiiruu fi akkasumas gama teeknikaan waan jiru irratti wal tumsuu kan jedhutti daangessite,'' jechuun xalayicha keessatti Masiriin barreessuu al-aharam gabaasera.
Itii dabaluunis wixineen Itoophiyaan qopheesite gaarii tahanis qabatamaatti garuu kan agarsiisu waliigaltee madaalawaa hin taanee fi gar-tokkee tahe, kan faayidaa GERD hundaa Itoophiyaaf eeguufi biyyoota yaa'a gadiif ammoo eegumsa hin goonedha jechuun Masiriin himatti.
Itoophiyaan ammoo hidhicha xumuruun uummata dukkana keessa jiraatu %60 tahuuf tajaajila ibsaa dhiyeessuuf akka jettu himti. Kun mirga qabeenya isheetti fayyadamuu malee faayidaa biyyoota kaanii miidhuu akka hin taane kaasti.
Erga Itoophiyaan hidhicha guutuu jalqabdee hammi lolaa Sudaanin miidhaa ture xiqqaachus himamaa ture. Biyyoota sadeen waliin karaa nagaa waliigaltee irra agahuu akka barbaaddus himti Itoophiyaan.
Masiriin ejjennoo Itoophiyaan hidha bishaanii biroo dabalataa hojjechuuf qabdus kaasteeti. Biyyootni qonna laga Naayil irratti hirkatan Itoophiyaa dabalatee, faayidaa lagichaa argachuuf mirga hin molqamne qabu, garuu akkaataa seera idil-adunyaatti jette.
Kaayiroon waamicha gooteen hawwaasni idil-adunyaa waliigaltee irra akka geenyuuf keessatti hirmaachuu qabu jette.
''Hidha Abbayyaa irratti waliigaltee irra gahuu dhabuu, ejjennoo dhuunfaan hidhicha guutuutti deemuu, oppireeshinii hidhichaa fi miidhaa inni fidu nageenya, tasgabbii naannoo yaa'a Naayilii fi Gaanfa Afrikaa keessa jiru jeeqa'' jette Masiriin xalayaa UN'f barresite irratti.
''Kanaafuu Masiriin ammas dhimmicha nageenya idil-adunyaa eegsisuuf itti gaafatama kan qabu gara Mana Maree Nageenyaa UNtti fiduu filatti,'' jette.
Itoophiyaan Waxabajji 21 bara 2021 filannoo biyyaalessaa kan gaggeesitu yoo tahu, waktii roobaatti ammoo hidhicha yeroo lammaffaaf bishaaniin akka guuttu himaa turte.















