Hidha Abbayyaa: Ergamaa Addaa Ameerikaatiif ibsi taasifameef

Feeltmaan hirmaattota marii hidha Abbaayya Kan itoophiyaa waliin

Madda suuraa, FBC

Ergamaan Addaa Ameerikaa Gaanfa Afriikaa Ambaasaaddar Jeefrii Feeltimaan hirmaattota marii Hidha Guddicha Abbayyaa kan Itoophiyaa waliin marii taasisan.

Ambaasaaddar Jeefrii Feeltimaan daawwannaa qaxanichatti taasisaniin walqabatee, Finfinnee galaniiru.

Ergamaan addaa kunis Ministira Ministeera Bishaan, Jallisiifi Inarjii Dr Injinar Silashii Baqqalaa waliin mari'ataniiru.

Maricha irrattis gareen dhimma Hidha Guddicha Abbayyaa irratti gama Itoophiyaatiin mari'atan argamuusaanii midiyaaleen biyya keesaa gabaasaniiru.

Injinar Silashiin gama isaanitiin dhimma ijaarsaafi marii hidha guddichaa ilaalchisuun Ambaasaaddar Feeltimaaniif ibsuusaanii gabaafameera.

Ambaasaadar Feeltimaan dowwannaa hojii biyyoota naannichaatti taasisaniin alatti waajira mootummoota gamtomanii, aanga'oota hojii Gamtaa Afriikaa akkasumas Qondaaltoota siyaasaafi ittigaafatamtoota dhaabbilee mirga namoomaa waliin marii ni taasisu jedhameeti eegama.

Jeefirii Feeltman

Madda suuraa, AFP/Getty Images

Dowwannaan ergamaa addaa kunis biyyisaanii Ameerikaan rakkooleen siyaasa, nageenyaa fi namoomaa biyyoota gaanfa Afriikaa karaa dimokraatawa ta'een akak furamniif tiifkutannoo biyyisaanii qabu mirkanneessuufi waliita'iinsa imaammataa qaxanichaaf qabdu cimsuuf jedhameera.

Ergamaan addaa kunis osoo Itoophiyaa hindhufiin dura Masrii, Sudaaniifi Ertiraatti imaluun aanga'oota biyyoota kanneenii waliin mari'ataniiru.

Haaluma kanaanis Ambaasaadar feeltmaan dowwannaa guyyaa lamaa Sudaaniitti taasisaniin booda gara Asimarratti imaluun Pirezidaanti Isaayaas Afawarqii waliin sa'aatii afuriif marii'achusaanii Ministirri Beeksisa biyyatti Obbo Yamaana Gabramasqal beeksiisuun saanii ni yaadatama.

Wayita kanattis Pirezidaanti Isaayaas qakkoolee gaanfa afriikaa furuuf Ertiraan Ameerikaa waliin hojjachuu kutannoo qabaachu dubbachusaanii Obbo Yamaana gama twitara isaanitiin barreessanii ture.

Kana malees Ambaasadarichi Masrii wayita dowwataniitti Pirezidaantii biyyattii Abdallaa Al-Sisii, Ministira Haajaa Alaa Saamiih Shikurii fi ministira bishaanii biyyattii waliin wal arganii mari'achun gabaafee ture.

Tibba mariisaaniitti Al- Sisiin hammantaan bishaan Masriin Abbayyaa irraa argatu hir'achuu obsaan bira hintarru jechuu Waashingitan Post gabaaseera.