Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hidha Laga Abbayyaa: Jalabultii yaa'ii Liigii Arabaan waamichi waliigaltee Sudaan goote jijjiirama ejjennooti?
Itoophiyaan Hidha Haaromsaa Guddicha marroo lammeessoof bishaan guutuuf wayita dhiyaachaa jirtu kanatti haalonni tokko tokko guutamnaan, Sudaan dhimmoota hidhicha wajjin jiran irratti gariin waliigaltee mallatteessuuf qophii tahuushee beeksiste.
Sudaaniifi Masriin waliigalteen dirqamsiisu otoo hin mallattaa'in Itoophiyaan marroo lammeessoof bishaan akka hin guunne mormaa turan - gama kanaan wayita ilaalamu waamichi Sudaan kun jijjiirama ejjennoo akka tahe himamaa jira.
Ministirri Jallisii Sudaan Prof Yaasir Abbaas Wiixata Kaartumitti akka dubbatanitti, waliigalteen yeroo kun kan mallatteeffamu, haaldureen sadii yoo guutaman akka tahe Rooyitars gabaaseera.
Haaluma kanaanis: erga bishaan ji'a Adoolessaa keessa guutameen boodas mariin akka itti fufu wabiin jiraannaan, marii haga ammaa gaggeeffameen dhimmoota irratti waliigalaman hundarratti biyyoonni akka mallatteessan fi yeroon mariin itti gaggeeffamu haala ifa ta'en haa kaa'amu kan jedhanidha.
Amma dura Masriifi Sudaan marii Itoophiyaa wajjin godhaa turaniin dhimmi jabeessanii kaasaa turan, Hidhicharratti waliigalteen dirqamsiisaa (binding) akka mallattaa'u kan jedhu wayita tahu, milkaa'ina dhabuu marichaaf akka sababa ijootti dhimma ka'udha.
Biyyoonni kunniin mariin waggootaaf taasisaa turaniin dhimmoota hedduurratti waliigalteerra gahanii turanis, waliigalteen hunda-galeessa tahe akka taasifamu kan jedhuun xumura otoo hin argatin hafeera.
Akka Rooyitars gabaasetti, yaadni Sudaan gama ministira jallisii isheetiin dhiyeessite ejjennoo amma dura tureerraa addadha.
Itoophiyaa, Sudaan fi Masriin ijaarsisaa ganna 10 kan guute Hidha Haaromsaa Guddicharratti marii faayidaasaanii eegsisu taasisaa turanis, bu'aa qaamolee hunda gammachiisurra gahuu hin dandeenye.
Mormii fi walhimannaan kan guutame adeemsa marii kanaan biyyoonni kunniin gara waraanaatti cehuu malu jechuun sodaan uumamee tureera.
Ministirri Jallisii Sudaan Prof Yaasir Abbaas ibsa Wiixata kennaniin, biyyisaanii muddama hidhaa kanaa furuuf waraana akka filannootti akka hin fudhanne himuusaanii miidiyaan biyyattii Sunnaa gabaaseera.
Kanarra Sudaan furmaata seeraa, siyaasaafi kanneen biroo akka fayyadamtu akeekan. Kanaanis gama Manni Maree Nageenyaa UN, biyyoota michuufi michuuwwan dhimmichi ilaallatuun dhimmichi akka furamu akka barbaaddu himaniiru.
Haala faallaa taheen ammoo Yaa'ii Liigii Arabaarratti argamuuf Qataar kan jiran Ministirri Hajaa Alaa Masrii Saamii Shukrii Al Jaziiraatti akka himanitti, dhimma hidha kanarratti biyyisaanii faayidaashee eegsisuuf filannoon hundi banaadha jedhaniiru.
Dhimma Hidha Haaromsaa Guddichaa akka ajandaatti kan ilaalu Yaa'iin Liigii Arabaa, gaaffii Masriifi Sudaan dhiyeessaniin gaggeeffama.
Aabba Saamii Shukrii ''Walgahii ministiroota dhimma alaa kanaan, Itoophiyaaf ergaan siyaasaa jabaa kan itti dabarfamu taha,'' jechuun akka abdatan himan.
Miseensonni Liigii kanaa gama biyyoota lamaanii kanatti akka goran gochuufis kan karoorfame tahuunis himamaa jira.
Prof Yaasir Abbaas dhimma kanarratti yaada kennaniin, dhimmicha gara Liigii Arabaatti kan geessan, dhimmicha muddama biyyoota Arabaafi biyyoota Afrikaa gochuuf akka hin taane dubbatan - ejjennoo Sudaan miseensota liigichaaf ibsuufi jedhan.
Dabalataanis Sudaan ejjennoon isheen Gamtaa Afrikaarratti qabdu akka hin jijjiiramne himan. Garuu Gamtaan Afrikaa kophaasaatiin furmaata fiduu waan hin dandeenyeef, qaamoleen kaanis akka irratti hirmaatan gochuufi jedhan.
Sudaan fi Masriin marii kanarratti qaamoleen biroo jaarsummaan akka hirmaatan irra deddeebiin gaafatanis, Itoophiyaan garuu adeemsi gama Gamtaa Afrikaan eegalame xumura akka argatu jechuun fudhachuu didde.
Sudaan marroo lammeessoof bishaan guutamuu ilaalchisee ejjennooshee laaffisuun waliigalteen yeroo akka taasifamu erga gaafatte booda, dhimmicharra ejjennoo cimaa kan qabdu gama Masriin garuu haga ammaa wanti dhagahame hinjiru.
Gamtaan Afrikaafi Ameerikaan yeroo garagaraatti biyyoota sadan kana gidduu galuun jaarsummaa taahuuf yaalanis, mariiwwan taasifman irratti bu'aan qaamolee hunda gammachiisu haga ammaa hin argamne.
Masriifi Sudaan Hidhaan Itoophiyaan ijaartu kun hanga bishaanii argannu nu jalaa hir'isa jechuun mormii dhageessisaa turan.
Itoophiyaa gamasheetiin, bishaan hidha kanaa lammiilee miiliyoona 65 tahanif annisaa dhiyeessuuf kan itti fayyadamtu waan taheef, rakkoon geessisu hinjiru jechuun yaaddoon biyyoota kanaa sirrii miti jetti.
Baasii doolaara biiliyoona afurii oliin kan hojjetamaa jiruufi erga ijaarsi eegalame ganna 10 kan guute Hidhni Haaromsaa Guddichaa Itoophiyaa, wayita obba'us Afrikaa keessaa hidha guddicha ni taha jedhama. Annisaa elektiriikii Meeggaa Waatii 5,000 ol tahe maddisiisa hidhni kun.
Hidhaan kun marsaa jalqabaan ganna bara dabree kan guutame oggaa tahu, marroon lammeessoo ammoo Adooleessa dhufu kanatti Itoophiyaan beeksistee jirti. Bara dhufuttis hanga taheen humna maddisiisuu eegala jedhamee eegama.