Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hidha Abbayyaa: Masriin biyyoota yaa'a laga Abbayyaa kam fa'i waliin waliigaltee loltummaa mallatteessite?
Masriin hidhi Haaromsa Guddichi Abbayyaa kan Itoophiyaan laga Abbayyaa irratti ijaaraa jirtu hamma bishaan argadhu na jalaa hir'isa jechuun yaaddoo ishee ibsataa turte, faayidaa ishee eegsifachuuf yaaliiwwan garagaraa raawwataa turtee jirti.
Mariin Sudaan, Itoophiyaafi Masrii jidduutti waggoota dheeraaf gaggeeffamaa tures osoo guduunfaa hinargatiin rarra'ee akkuma jirutti, Itoophiyaan ammoo marsaa lammaffaa hidhicha bishaaniin guutuu gaggeessuuf karoorfattee jirti.
Yeroo kana hundatti Masriin biyyoota yaa'a laga Abbayyaa maddii ishee hiriirsuuf yaaliiwwan adda addaa gochaa turte.
Haaluma kanaanis Masriin biyyoota yaa'a Abbayyaafi ollaa Itoophiyaa ta'an waliin walta'insa ishee cimfachuufi waliigalteewwan haaraa raawwachuuf jila aanga'oota mootummaa ishee olaanoon hoogganamu biyyoota kanneenitti ergaa turte.
Ofii Masriin dhiheenya biyyoota kam waliin waliigaltee loltummaa mallatteessitee?
Sudaan
Baatii Bitooteessa darbee ture Ajajaa muummee waraanaa Masrii Leeftanaant Janaraal Mohaammad Faariid gara Kaartuumiitti imaluun biyyasaaniin bakka bu'uun waliigaltee loltummaa Sudaan waliin kan mallatteessan.
Faariid Masriin ''Sudaan waliin gama loltummaafi nageenyaatiin walitti dhufeenya ishee cimsachuu akka barbaaddu'' ibsuun, Sudaaniifi Masriin qormaanni waloo akkasumas yaaddoon nageenyaa biyyaaleessaa akka isaan mudatu beeksiisaniiru.
Kana malees gaaffiilee Sudaan kanneen dhimmoota loltummaatiin wal qabateen hundaa deebisuuf Kaayiroon qophii ta'uu ibsuun, sadarkaa wal- ta'iinsa loltummaa sanaaniis ''kan kanaan dura argamee hinbeekamneedha'' jedhanii ture.
Ajajaan muummee Waraana Sudaan Leeftanaant Janaraal Mohaammad Otimaan al-Huseen gama isaanitiin ''kaayyoon waliigaltichaa nageenya biyyaaleessaa biyyoota lamaanii mirkanneessuudha,'' jedhan.
Dabalataan ''humna muxannoofi beekumsa qabu ijaaruudha'' jedhuun, Masiriin yeroo rakkinaatti biyyasaanii Sudaan waliin dhaabbachuuf galateeffatanii ture.
Akkasumas dhiheenya kana ammoo leenjii loltummaa waloo ''Nile's Eagles-1 fi Nile's Eagles-2'' jedhan waliin taasisanii ture.
Leenjii loltummaa guyyoota jaha waliin taasisaniis xumuruusaanii sabaa himaaleen biyyootaa gabaasaniiru.
Keeniyaa
Keeniyaan Masrii waliin waliigaltee tekinika waraanaa kan raawwate guyyoota muraasaan dura ture.
Ibsa Ministeerri Ittisa Biyyaa Keeniyaa kenneen, waliigaltichi Ministira Ittisa biyyaa Keeniyaa Moniikaa Jumaa fi Ajajaa mummeen waraana Masrii Leeftanaant Janaraal Mohaammad Faariid Hegaazi jidduutti raawwatamu himeera.
Itti dabaluunis ''tibba marii waliigaltee loltummaa kanaatti biyyoonni lamaan dhimmoota faayidaa waloo irratti wal ta'iinsa isaanii caalaa akka cimsuuf waliigaltee teknikaa waraanaa waliin mallatteessaniiru'' jedheera ibsichi.
Waliigaltichi dhimmoota kam fa'ii akka haammatu garuu bal'inaan kan himame hinjiru.
Jibuutii
Masriifi Keeniyaan waliigaltee waraanaa erga taasisaniin guyyootaan booda gara Jabuutiitti kan imalanii Pirezidaantiin Masrii Abdali Fattaah al-Sisiiin, pirezidaantii jalqabaa erga Jabuutiin walabummaashee labsiteen booda biyyattii dowwatan ta'aniiru.
Al-Sisii fi pirezidaantiin Jabuutii Ismaa'eel Omaar Guleeh, tasgabbii naannawa hidha guddichaa eegsiisuu fi waliigaltee haqa qabeessa faayidaa qaama hundaa eegsisu irra akka gahamuuf akka barbaadan ilaalchisuun mari'achusaanii ibsaniiru.
Al-Sisiin mariin Guleeh waliin taasisan ''ijaaraafi bu'aa qabeessa'' jechuun kan leellisan yoo ta'u, dureewwan lamaan dhimmoota walta'iinsa siyaasa, dinagdeefi loltuummaa fooyyeessuun danda'amurratti mari'achuu ibsaniiru.
Aanga'oonni lamaan Gaanfa Afrikaatti shororkeessuummaa ittisuuf ''walta'iinsa tarsimoowaa'' qaban cimsuu himaniiru.
Akkasumas guyyoota lamaaniin dura xiyyaaroonni waraanaa Masrii lama gargaarsa wal'aansaa baay'ee fe'un Jibuutii seenuun isaanii himameera.
Jibuutiin biyya yaa'aa Abbayyaa ta'uu baattuulleen, biyya furtuu daldalli al ergiifi alaa garaa gara Itoophiyaa itti seenu keessa darbuudha.
RD Kongoo
Masriin biyyoota yaa'aa laga Abbayyaa waliin waliigaltee loltummaa taasiftee, RD Kongoo waliin ammoo waliigaltee invastimantii waliin mallatteessite.
Pirezidaantiin Kongoo Feeliiks Tishekedi Guraandhala keessa wayita Kaayiroo daawwatanitti, motummoonni Masriifi Kongoo dameewwan bu'uuraalee misoomaa, annisaa fi bishaan dhugaatii dabalatee dhimmota garaagaraa irratti walii galte mallatteessanii ture.
Mootummaan Kongoo jidduugala biyyattii bulchiinsa Saanburuutti laga Buulii irratti pirojaktii bishaan dhugaatii ijaarsisuuf kubbaaniyaa Masrii waliin waliigalteerra gaheera.
Fiiliks Tishekediin kubbaaniyyaan Masrii keessattu dameewwan akka ijaarsaa, annisaafi bu'uuraalee misoomaa irratti gahee bahaa jiran leellisaniiru.
Kana malees jijjirraan invastimantii fi daldala Masrii Kongoo keessatti guddisuun waliigalamuun himameera.
Ruwaandaa
Ajajaa muummeen waraanaa Masrii Leeftinaant Janaraal Mohaammad Faariid Caamsaa 27 - 29'tti Ruwaandaatti daawwannaa hojii gaggeessanii ture.
Daawwannicha hordofees ibsa Caamsaa 29'tti Ajajaa muummeen waraana Masrii Leeftinaant Janaraal Mohaammad Faariid fi Ajajaan Waraana Ruwaandaa Jeenaraal Jeen Bookoo Kaazuraa marii waloo taasisuu dubbataniiru.
Mariiwwan taasifamanis walta'iinsa loltummaa kanaan dura turan cimsuurratti kan xiyyeeffatan ta'u ibsanii ture.
Ruwaandaafi Masriin walitti dhufeenya isaan jidduu jiru cimsuufi diinagdeefi daldalaan akkasumas haalawwan gama loltummaa fi tikaatiinis bu'aalee waloosaanii gabbiisan irratti hojjataa turan jedhameera.
Kana dura Ruwaandaan barattoota ishee barnoota waraanaatiif gara Masriitti ergaa turte jirti.
Sudaan Kibbaa
Masriin waliigaltee loltummaa Sudaan Kibbaa waliin dhiheenya taasifte jedhame ilaalchisee ragaa argachun hindanda'amne.
Siriiyyuu Sudaan Kibbaa gaaffii waggaa tokkoon dura Masriin daangaa biyyattii keessatti kaampii loltummaa hundeessuuf dhiyeessite mirkanneesite jirti jedhu balaaleeffattee jirti.
Ministirri Walta'insa Dhimmoota Alaafi Idil-Addunyaa Sudaan Kibbaa bakka bu'aa oduu Anaaduluutti tibbas akka jedhaniitti ''wanti akkasii hinjiru.''
''Daangaa Sudaan Kibbaa keessatti Masriidhaaf lafa loltummaa kennuuf waliigaltee irra hingahamne.''
Gaaffiin Masriin Paagaakiitti kaampii waraanaa ijaaruuf dhiyeessite mootummaan Sudaan Kibbaa waliigalamuun midiyaalee hawaasaa irratti bal'inaan dubbataa kan ture yoo ta'eyyuu, Sudaan Kibbaa garuu dhimmicha ni balaaleeffatti.
Paagaakiin Sudaan Kibbaatti bulchiinsa Abbayyaa olaanu keessatti kan argamu yoo ta'u, magaalaa dhiheenya daangaa Itoophiyaatti argamuudha.
Buruundii
Aanga'oonni waraana Masriifi Buruundii baatiiwwaniin dura Kaayiroo keessatti wal arguun waliingaltee walta'iinsaa leenjii loltummaafi dameewwan leenjii waloo irratti waliin mallatteessaniiru.
Waliigaltichis biyyoonni lamaan oggeessota waljijjiiruu kan dandeesisuudha jedhameera. Kunis waraanni biyyoota lamaanii dhimmoota waloo ta'an irratti walta'iinsa qabaachu isaanii kan mul'suudha jechuu midiyaaleen dubbi himaa Raayyaa Masrii eeruun gabaasanii ture.
Ajajaan Humna Waraanaa Buruundii Piraayiim Niiyoongaabaa Masriitti dowwannaa ifaa kan taasisan yoo ta'u, Ajajaa mummeen Waraana Masrii Leeftanaant Janaraal Mohaammad Faariid waliin wal arganii mari'achun himamee ture.
Faariidiifi Niiyoongaaboon walta'iinsa loltummaa biyyoota lamaan jidduu cimsuuf mari'achuu dubbatan.
Taanzaaniyaa
Masriifi Taanzaaniyaan walta'iinsa loltummaa biyyoota lamaan jidduu haala itti cimuurratti waliigaltee irra kan gahan waggaa tokkoon dura ture.
Tibba sanattis, Ministirri Raayyaafi Tajaajila Biyyaaleessaa Taanzaaniyaa Huseen Miwiiniin biyyisaanii Masrii waliin dameewwan adda addaa irratti walitti dhufeenya ishee cimfachuuf fedhii akka qabdu ibsanii ture.
Ministirichis Pirezidaantii Masrii Abdul Fattaah Al-Sisii dabalate, Ministira Ittisaa biyyattii Mohaammad Zaakii fi Masriitti Ambaasadara Taanzaaniyaa bakka argamaniitti marii taasisuun isaanii gabaafameera.
Miwiiniin Ministiroota Ittisaa biyyoota lamaanii jidduutti keessattu shororkeessuummaa ittisuurratti walta'iinsa cimsuuf fedhii qabaachu ibsaniiru.
Kana malees, Taanzaaniyaan teeknoolojiiwwan kubaaniyyoota oomisha loltummaa Masrii fi dandeettii namaa fayyadamuuf fedhii akka qabdu himan.
Pirezidaantii Sisiin gama isaanitiin, tibba sanatti waliigaltee walta'insa loltummaa Taanzaaniyaa waliin taasisan gammachuun kan simatan ta'u gabaafamee ture.
Yugaandaa
Masriifi Yugaandaan gama ragaa loltummaa waliin qoduurratti waliigaltee kan waliin mallatteessan baatiiwwan lama dura ture.
Waliigalteen Yugaandaatti itti - gaafatamaan Tika loltummaa Abeel Kaandiihoo fi gama Masriitiin Janaraala Tika Loltummaa Saameeh Saabar Al- Dagiwii jidduutti mallatteeffameen, biyyoonni lamaan ''waliin shororkeessuummaa ittisuu'' dabalatee odeeffannoo wal jijjiruu kan dabalatu jedhameera.
Tibba sanatti Saameeh Saabar Al- Dagiwii ''Yugaandaafi Masiriin Abbayya kn walii qooddatan waan ta'aniif, waliigalteen biyyoota lamaan jidduu jiru kan hinhafnedha.
''Sababiinsaas dhimmi lammiilee Yugaandaa tuquu karaa tokkoonis ta'ee karaa biraatiin Masrii kan tuquudha,'' jedhanii ture.