Ameerikaan deeggarsa nageenyaa Itoophiyaaf taasistu daangessuun maal akeeka?

    • Barreessaa, Ameyu Etana
    • Gahee, BBC News Afaan Oromoo

Yunaayitid Isteeti qondaaltota Itoophiyaafi Ertiraa irratti uggura vizaa akkasumas deeggarsa diinagdeefi nageenyaa Itoophiyaaf taasistu irratti ammoo dhorkaa kaa'u torban kana beeksiste.

Kanneen Ameerikaa akka hin seenne ugguraman eenyuu fa'i akka ta'an ifatti hin beekamu. Ameerikaan murtee kanarra gahuuf rakkoo Naannoo Tigraayitti hammaate akka sababaatti kaafte.

Akkasums kanneen rakkoon Naannoo Tigraay keessa jiru akka hin furamne hojjetu jetteen yoo itti fufan ammoo kan caalu akka murteessitu ibsite; hawaasi idil- addunyaa kaanilleen faanashee akka hordofan akeekkachiisun.

Murtee kana boodammoo Pirezidantiin biyyattii Joo Baayidan ibsa gaafa Roobii Caamsaa 26, 2021 baasaniin dhimma Itoophiyaa keessaan 'guddaa yaadda'uu' himaniiru.

Itoophiyaan murtee Ameerikaa kana balaaleeffatteetti. Dippilomaatiin Itoophiyaa olaanaa tokkoo murteen Ameerikaa hariiroo dippilomasii biyyoota lamaanii waggoota dheeraaf ture 'zeerootti baay'isa' jedhan.

Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa ammoo murtee kanaan Itoophiyaan miidhamuu akka maltu akkasumas fedhii Ameerikaan naannichaa qabduufi naannoon Gaanfa Afrikaallee akka miidhamu ibseera.

Xinxaltoonni dubbisne murteen US Itoophiyaa qofa osoo hin taane Ameerikaafi fedhii biyyattiin Gaanfa Afrikaa irratti qabdu ni miidha jechuun himu.

Haata'u malee, murteen michuu Itoophiyaa yeroo dheeraa taate kanaan darbe maal akeeka? Itoophiyaa attamiin miidha? US gaanfa Afrikaatti michuu biraa horachuuf heddu kan akeekudhaa?

Deeggarsi nageenyaa US Itoophiyaaf taasistu maali?

Deeggarsi nageenyaaf Ameerikaan yeroo dheeraaf Itophiyaaf taasistu farra - shororkeessummaa keessumaa Gaanfa Afrikaarratti Itoophiyaan qooda qabduuf kan ooludha.

Ragaa dhihoo baheen ciminni waraana Itoophiyaa Afrikaa keessaa sadarkaa jahaffaarra jira. UN jala loltoota nagaa eegsisaa ramachiisuutin Itoophiyaan sadarkaa duraarratti argamti.

Yeroo ammaa Somaaliyaafi Sudaan Kibbaatti ergama UN raawwataa kan jiran loltoonni Itoophiyaa kumaatamni jiru.

Jaarmayaa imammataa Atlantic Council 'tti qondaala basaasaa olaanaafi dippilomaatiin duraanii US Kaameroon Haadsan deeggarsi kuni murteessaa ta'u himu.

''Keessumaa leenjii, pirofeeshinaala gochuufi odeeffannoo basaasaa waliin qooduu dabalata. US erga biyya adda-durummaan deeggarsa waraanaa Itoophiyaaf dhiyeessitu taatee baroonni lakkaa'amaniiru,'' jedhan.

Murtee kana dabarsuu dura qondaaltonni Ameerikaa gurguddoo garaagaraa qondaaltota Itoophiyaa waliin bilbilaafi qaamaan marii adda addaa gaggeessaniiru.

Ta'us, qaamooleen lola Tigraay keessatti qooda fudhataa jiran, rakkinicha karaa nagaan furuuf tarkaanfii hiika qabu hinfudhanne jechuun Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Biliinkan himateera.

Itoophiyaan immoo kana ni mormiti. Waggoota dhihoo keessatti murtee akkanaa Ameerikaarra yoo dhageenyu kun kan duraati jedhu dippilomatiin duraanii US kun.

''Yeroo xumuraaf hariiroo muddama qabu akkanaa kan agarre yeroo waraana Itiyoo - Ertiraa biyyoonni lamaan irratti qoqqobbii meeshaa waraanaa akka taa'amu US UN'tti yaada dhiheessitedha,'' jechuun himan.

Akka xinxaltoonni jedhanitti, Ameerikaan Itoophiyaa miidhuu hin barbaaddu, garuu adeemsa amma Itoophiyaan keessumaa dhimma Tigraay keessaa itti ilaaltuun gammachuu hin qabdu.

Murteen kun maal akeeka?

Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii 'murteen kun maal akeeka?' jedhamuun gaaffii ripportarootaan Kibxata darbe gaafatamaniifi ''Suuta jedhanii ilaaluu wayya'' jechuun isaanii gabaafameera.

'Dhiibbaa hin mallee' mootummaan Ameerikaa Itoophiyaarra kaahaa jiru Itoophiyaan ''hariiroo waggoota dheeraa US waliin qabdu keessa deebitee akka qorattu dirqisiisa'' jechuun ministeerichi ibsa baasen beeksiseera.

Yunivarsiitii Finfinneetti Daarektarri Inistitiyuuti Qorannoo Nagaafi Tasgabbii (IPSS) Dr Yonaas Adaaye hariiroon biyyoota lamaanii waggoota 100 oliif ture ammallee cimaadha jechuun himu.

Itoophiyaan farra shororkeessummaa keessatti ''harka mirgaa turte. Ammallee harka mirgaati jedheen yaada,'' jedhan.

Qondaala duraanii CIA fi dippilomaatii US duraanii Kaameroon Haadsaniif garuu tarkaanfiin Ameerikaa waan guddaa akeeka.

''Qoqqobbiin kun hariiroo biyyoota lameenii gidduu ifatti boqonnaa haaraa fide. Dabalataan, jalqabbii jijjiirama istraatejii [tarsiimoo] akeeka,'' jechuun Itoophiyaan jaarraa tokko oliif biyya ijoofi michuu nageenyaa olaanaa US ta'u yaadachiisan.

Akka qondaala kanaatti, murteen Ameerikaa waan haaraa akeekuun alatti Itoophiyaanis bakka durii hinjirtu yaada jedhu qabu.

''Itoophiyaan jaarsummaa siyaasaafi nagaa kabachiisuun naannawa tasgabbii hinqabne keessa madda nageenyaa turte. Haata'u malee, Itoophiyaan amma madda tasgabbii dhabuu taateti. Kun immoo US'n to'atamuu qaba.''

Murtichi Itoophiyaa hangam miidha?

Itoophiyaan waggaa waggaatti deeggarsa guddaa Ameerikaarraa argatti. Deeggarsa kana keessaa tokko deeggarsa gama nageenyaan kennamudha.

Itoophiyaan keessumaa gahee Gaanfa Afrikaatti shororkeessummaa ittisuurratti fudhatteen yeroo dheeraaf michuu biyyoota Lixaa taatee jirti.

''Ji'oo polotiksii Itoophiyaan irra jirtu, baay'inni ummataa, akkasumas bal'inni dachee baay'ee barbaachisaa akka taatu taasisa,'' jedha Kumaa Baqqalaa, IPSS'tti kaadhimamaa PhD kan ta'e BBC'tti yoo dubbatu.

Gahee Itoophiyaan al- Shabaab waraanuufi biyyoota naannichaa kaanitti nageenyi akka mirkanaa'u taasisuuf baatuu keessatti biyyoota deeggarsa olaanaa kennan keessaa tokko immoo Ameerikaadha.

''Nageenya [deeggarsi] haa jedhamu malee gargaarsi yoo dhufu mootummaan biyya sanaa wanta dursa kennuuf itti fayyadama. Gargaarsi nageenyaa gargaarsa dimshaashaati. Gargaarsa baay'ee olaanaadha'' jechuun hima.

Deeggarsi kun hafe jechuun immoo nageenya Itoophiyaa, gahee biyyattiin Gaanfa Afrikaa irratti gumaachiturratti ''dhiibbaa ni qabaata,'' jechuun ibsa.

Yeroo ammaa Itoophiyaan gama Kaabaatiin hidhattoota TPLF waliin lolarra jirti. Lixaan gama daangaa Sudaan muddamatu jira. Haleellaan sabaafi amantii irra deddeebbiin bakkeewwan garaagaraatti mudatus biyyattii yaaddesseera.

Haadsan gama isaaniin, hanga Itoophiyaan keessoo ishiitin nagaa hin taanetti qooda kana dura Gaanfa Afrikaatti bahaa turte bahuu akka rakkattu himu.

Itoophiyaan akka kana duraanii deeggarsa nageenyaa Ameerikaarraa dhabde jechuun, deeggarsa nageenyaaf gara Raashiyaa, Chaayinaafi biyyoota Galoo Galaanatti fuula garagalfachuu akka maltu dubbatan.

Kunis yoo itti fufe fedhii biyyoota Lixaarraa ishee fageessaa deema jechuun BBC'tti dubbate. Haata'u malee, miidhaan qaqqabu malu kan qaama -tokko qofaa miti jechuun kan ibsan jiru.

'Lamaanuu miidha'

Ambaasaaddar Diinaan ibsa miidiyaaleef kennaniin deeggarsi Ameerikaan kutteefi visa'n dhorkite Itoophiyaa akka miidhu mirkaneessaniiru. Garuu, ammoo kan murtee kanaan miidhamu Itoophiyaa qofa miti jedhan.

''Hariiroo seena qabeessa qabna. Hariiroon kun yoo rakkoo godhate kan miidhamnu baay'eedha. Itoophiyaa qofa miti, Ameerikaas ni miidha, hunda caalaa immoo naannicha ni miidha.''

Gahee sochii Itoophiyaan oppireeshinii naannawa Gaanfa Afrikaatti farra shororkeessummaa irratti gumaachitu akkasumas kaan akka miidhu dubbachuun isaanii gabaafameera.

''Nuti dubbicha ho'isuu hinbarbaannu. Hariiroon Ameerikaa waliin qabnu akka badu hin barbaannu. Murtee dabarsan kana akka keessa deebi'anii ilaalan,'' jechuun gaafatan.

Faallaa kanaatiin garuu qorataafi barsiisaa kan ta'an Dr Yonaas Adaayye tarkaanfiin US tibbanaa waan guddaa miti jedhu.

''Wanti amma uumame yeroof jedheen yaada. Sababni isaas garaagarteen ayidiyolojii [biyyoota lamaan gidduu] bu'uuraa akka bara Dargii ture hin jiru. Kun rifaasisuus hin qabu'' jechuun himu.

Inumaa Ameerikaan tarkaanfii kana fudhachuurratti 'jarjarteetti' ilaalcha jedhu kan qaban Dr Yonaas ''Uggurri Vizaa lamaanuu miidha. Itoophiyaa qofa miidha miti'' jedhu.

''Fedhiiwwan Ameerikaan Afrikaa keessaa qabduutu jira. Itoophiyaan magaalaa guddoo polotikaa Afrikaati,'' jechuun, uggurri Itoophiyaarra taasifamu kamiyyuu naannicha ni huba jechuun ibsu.

''Ameerikaan murtoo fudhatte deebitee gamaaggamuu qabdi.'' Dabalataan, addunyaan amma jirtu walta'uun malee ''tokko kaan sodaachisee rakkoo furuu hin danda'u. Kun yeroon isaa darbeera'' jechuun qeeqan.

Murtee Ameerikaan alatti Itoophiyaan tarkaanfii deebii yoo kennitu hariiroo lamaanii akka hin balleessineen 'nan yaadda'a' jechuun himan.

Qondaalli duraanii CIA Kaameron Haadsanillee murtee Ameerikaatin Ameerikaan mataa ishii akka miidhamtu amanu.

''Qoqqobbiin kun hanguma Itoophiyaan biyyoota Lixaarraa akka fuula garagalfattu taasisu, fedhiin istiraatejikii Yunaayitid Isteet naannichaa qabdu haalaan ni miidhama.

''Yoo Itoophiyaan ofiishee nagaa hin qabneefi US waliin cimsitee hin hojjenne, US naannichatti dhiibbaa qabaattii yookiin naannawa Galaana Diimaa nagaafi tasgabbii fooyyessiti jechuun nama dhiba,'' jedhan.

Tarsiimoo biraamoo michuu biraa?

Sababoota ijoo biyyoonni badhaadhan qoqqobbii biyyoota biraarra kaa'an keessaa sarbama mirga namoomaa fi seerri idil - addunyaa cabeera jechuun.

Gama kaaniin ammoo biyyoota kaan irratti tarkaanfii kan fudhatan faayidaa biyyasaanii eegsisuufi humna qaban agarsiifachuuf jechuun kan komatamanis jiru.

Haata'u malee, kaadhimamaa PhD kan ta'e Kumaa Baqqalaa, biyyoota lamaan gidduu rakkoonis jiraatu michuu biraa barbaadurra hin geenye jedha.

''Haalli qabatamaa amma jiru mootummaan Itoophiyaa faayidaafi fedhii biyyaalessaa US kan miidhe hin qabu. Hin jiru hanga ammaa.''

''Ta'us, hariiroon yemmuu taasifamu hojiin hajaa alaarra hojjetamu baay'ee bu'uura qaba. Rakkoon amma uumamaa jiru inni guddaan tokko hojii manee Ministeerri Hajaa Alaa Itoophiyaa hojjechuu dadhabe irraallee kan maddedha'' jechuun qeeqa.

''Akkatti waan himatan wallaalu,'' jechuun hawaasa idil- addunyaa amansiisuu dadhabuutu jira jechuun hima.

Dr Yoonaas gama isaaniin biyyoonni Gaanfa Afrikaa rakkoowwan garaagaraa keessa waan jiraniif Ameerikaan filmaata biraa waan argattu miti jechuun yaada isaanii ibsu.

Bakki Itoophiyaan itti jirtu ''murteessaadha,'' jedhan. Barbaachisummaa teessumni Itoophiyaa Gaanfa Afrikaarratti qabdu xinxaltoota hedduu kan waliigalsiisudha.

''Biyyoonni Baha Afrikaa tokko tokkoon madaa kan qaban waan ta'ef michuu Itoophiyaarraa wayyoo qabdu Ameerikaan ni argatti jechuun ni ulfaata'' jedhan.

US Itoophiyaa meeshaa dhowwachuu maltii?

Ameerikaan lolli Tigraay keessaa 'karaa siyaasaan' akka furamu gaafatteetti. Mariin US TPLF waliin akka taasifamu inni gaafatte qondaaltota Itoophiyaa haalaan mufachiiseera.

Paarlaamaan Itoophiyaa torban muraasa dura dhaaba kana dura waggoota 30'tti siquuf Itoophiyaa bulchaa tureefi ergasii MM Abiy Ahimad aangootti yeroo dhufan maqaleetti gale galmee shororkeessitoottatti galcheera.

Kunis, lola Tigraayitti dhalateefi ergasii waldhibdeewwan garaagaraa Itoophiyaa bakkeewwan garaagaraa keessatti mudateen harka qaba jedhanii himachuuni.

Tigraayitti TPLF buufata waraanaa Itoophiyaa haleeluun lola eegaluu isaa qondaalli dhaabichaa boodarra ajjeefaman miidiyaarratti bahanii dubbachuun amananiiru.

Ameerikaan TPLF lola eegaluufi ergasii humnoonni TPLF Asmaraatti rokeetti isa darbatan balaaleeffatteetti. Ta'us, ergasii as lammiileen nagaa miidhamuufi deeggarsi namoomaa hammaatun yaadda'uu ibsite.

Sarbamni mirga namoomaa bal'aa tahe, akkasumas haleellaan saal - qunnamtii Tigraay keessa jiru fudhatama kan hinqabneefi xumura argachuu qaba jechuun Pirezidant Baayidan ibsa baasaniin himaniiru.

Lolli akka dhaabatu kan gaafatan Baayidan lola kanaan erga bara 1980'oota yeroo duraaf Itoophiyaatti beelli mudachuuf akka jedhu gabaasa UN waabeffachuun ibsan.

Ameerikaan ''deeggarsa diinagdeefi nageenyaa Itoophiyaa irratti dhorkaa bal'aa kaa'uun,'' ala imaammata to'annoo daldala ittisaa (defence trade control policy) akka itti dhimma baatu akeekteetti.

Kunis biyyi tokko teknolojii waraanaa Ameerikaa akka hin fayyadamne dhorkuu akka malu ibsa.

Maalummaa akeeka kanaa Haadsan yoo ibsan ''Ameerikaan gurgurtaa yookiin daddabarsa meeshaa yookiin tekinolojii ummata biyya keessaarratti fudhatamu ni dhorkiti.''

Kun meeshaa kompitaraa, softiwerii, meeshaalee to'annoo fi kaan akka dabalatu akkasumas meeshaawwan waraanaa US suphaa barbaadan dhorkuus ni dabalata jechuun BBC'tti himan.

Murteen US dhimma Tigraay qofaafi?

Ibsa Minsitirri Dhimma Alaa Ameerikaa baasen waan Tigraay keessa jiruun guddaa yaadda'u hime. Haata'u malee, tokkummaa fi birmadummaa Itoophiyaarratti yaaddoo akka qabu ibse.

Qeeqxonni adeemsi Ameerikaa akka saffiseefi dhimma Naannoo Tigraay qofa osoo hin taane ejjennoo hidha Abbayyaaratti Itoophiyaan qabatteefi bulchiinsa MM Abiyyiin gammaduu dhabuu US'n kan walqabsiisan jiru.

Haata'u malee, Ameerikaan rakkoo lammiilee nagaa irratti Naannoo Tigraayitti mudateen akka ta'e eerte.

Dippilomatiin duraanii US Haadsan gama isaaniin ''gara caalu Tigraayin walqabata'' jechuun ibsu. Kunis badii achi raawwate jedhameen walqabateen Ameerikaan yaadda'u ibsan.

Egeree TPLF

Ameerikaan rakkoon Tigraay keessa jiru gama mariin akka furamuuf mootummaan Itoophiyaa rakkinicha TPLF waliin akka furatu yaadni dhiheesse Itoophiyaa hin gammachiifne.

Sababa kanaanis, ''birmadummaa Itoophiyaa irratti hin mari'annu'' jechuun qondaaltonni Itoophiyaa ibsu.

Kana dura mootummaan Itoophiyaa lolli Tigraay eegaluu dura haalichi nagaan akka furamu jaarsummaa garaa garaa gara qondaaltota TPLF ergaa turuu himeera. Garuu walii hin galamne.

''TPLF yeroo kadhatamu sana Ameerikaan maaliif hin dubbanne?'' jechuun erga galmee shororkeessummaa keessa galee booda Ameerikaan dubbachuu ibsuun Dr yoonaas ni qeequ.

''Rakkinichi akka furamuuf garaa qulqulluun yaaduu natti hin fakkaatu'' jechuun himu qorataan nageenyaa BBC'tti yoo dubbatan.

Gama tokkoon Itoophiyaan TPLF galmee shororkeessitootaa keessa erga galchitee booda waliin mari'adhu jechuun birmadummaa Itoophiyaa kan dhiibe ta'u kan kaasan jiru.

Gama kaaniin immoo biyyoonni Lixaa rakkoon Tigraay lolaan furuuf yaaduun lammiilee nagaa balaaf saaxiluufi deeggarsi namoomaa akka wal hin geenye danquun yaaddoo ibsatu.

Waraanni Ertiraa Tigraay keessa seeneefi badii garaa garaatiin himatame immoo Tigraay gadhiisee akka bahu erga himamee booda turuunsaanii komii biraa biyyoonni Lixaa dhiheessanidha.

Sababa kanaafuu, dhimmi walitti dhufeenya Itoophiyaafi US ammatti garamitti akka qajeeluu danda'u ibsuun ni rakkisa.