Biyyoonni G7 karoora dhiibbaa Chaayinaan addunyaaratti qabdu dura dhaabbachuu daneessisa jedhan baafatan

Gaggeessitoonni biyyoota G7 kanneen UKtti kora gaggeeffataa jiran karoora dhiibbaa Chaayinaan addunyaarratti qabdu, keessumaa misoomawwan bu'uuraa biyyattiin biyyoota galii gadaanaafi giddu-galeessaa keessatti gaggeessaa jirtu morkachuu danda'u baafatan.

Biyyoonni G7 kunneen karoora dhiibbaa Chaayinaan addunyaarratti qabdu dura dhaabbachuu yoo baafatan, Chaayinaan gama isheetiin ammoo addunyaan dhimmi garee tokkoon ittiin bultuuf hin jiru jechuun deebii kennitee jirti.

Imbasiin Chaayinaa Landan jiru wayita biyyoonni G-7 dhiibbaa Chaayinaa qolachuuf waliin dhaabbachuu qabna jechuun yaa'ii isaan taa'aa jiran kanatti deebii kenneen dhimma addunyaa garee muraasaan hin murtaa'u jedheera.

Biyyi hundinuu, guddaas ta'e xiqqaa, sooressasas ta'e hiyyeessa cimaas haata'u dadhabaa, hunduu walqixa jennee amanna jedhe imbasichi.

Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan karoora filamaata ijaarsa addunyaa kan sagantaa Chaayinaan gaggeessitu caalaa sadarkaa qulqullinaa olaanaa qabuufi Ameerikaan deegaramu yaa'iicha irratti ibsaniiru.

Biyyoonni G7 kunneenis dhiibbaa Chaayinaan addunyaarratti qabdu dura dhaabbachuu jechuun karoora filamaata jedhan irratti yaada dhiyeessan.

Dhaabbanni ijaara Chaayinaa Beelti Enda Rood Inisheetiiv jedhamus biyyoota hedduu keessatti daandiiwwan baabuuraa, karaafi bufataalee ijaaruuf jecha deeggarsa doolaara biliyoonotaan lakkaa'amuu taasisa.

Haata'u malee, biyyoonni kunneen liiqaa olaanaa keessaa bahuu hin dandeenye keessa galchuun komiin irrratti ka'aa jira.

Ibsa kora biyyoota G7 kan UKtti gaggeeffametiin baheen, ''Walitti dhufeenya ifaafi sadarkaa qulqullina olaanaa qabu agarsiisuun'' biyyoota kanneen waliin hundeessuu akka barbaadan hima.

Haata'u malee, karoorri biyyoonni garee G7 kunneen dhiyeessaniif maddi fandii eessaa akka ta'e hin ibsine.

Dureen biyya Jarman Angeelaa Markeel jalqabbii kanaatiif maallaqni eessaa akka ta'eefi attamiin akka ramadamu dubbachuuf yeroonsaa hin geenye jedhaniiru.

Ameerikaan garuu gochi Chaayinaan raawwataa jirtu kun, ''Liqaa ippilomaasiiti'' jechuun waggoota hedduuf balaalefataa turte.

Biyyoonni soorreeyyiin garee G7 kunneenis dhiibbaa Chaayinaa kana dura dhaabbachuun alattis weerara gara fuula duraa addunyaa mudachuu danda'urrattis karoora baasaniiru.

Biyyoonni kunneen tarkaanfii hayyama talaallii Covid-19f barbaachisu guyyoota 100 gadiitti kennuuf dandeessisu fudhachuu irrattis mari'ataniiru.

Karoorri kunis xumura yaa'ichaa waliin baha jedhameera.

Yaa'iin biyyoota G7 kun UK Riizooltii Kaabriis Beey keessatti guyyoota sadiif gaggeeffamaa kan jiru yoo ta'u, MM Ingiliiz Booriis Joonsaniin kan qophaa'edha jedhameera.