Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tigiraayitti hanqinni soorataafi haleellaan daa’immanirra qaqqabu hammaachuun ibsame
Dhaabbileen idil-addunyaa naannoo Tigiraayitti jiraattooti hedduun gargaarsa midhaan nyaataa akka barbaadaniifi ijoolleen miidhaa saalqunnamtiif saaxilamaa jiraachuu ibsan.
Sagantaan Nyaataa Addunyaafi jaaarmiyaan lubbu-baraarsa daa’immaniirratti hojjatu, UNICEF, deeggarsi miidhaan nyaataa saffisaan akka barbaachisuufi akkasumallee qoccollaan saalaa daa’immanirra qaqqabu hammaachaa akka dhufe ibsaniiru.
Sagantaan Nyaataa Addunyaa namoota miliyoona 5.2’f deeggarsi saffisaan qaqqabu qaba jedhe.
Dhaabbatichi akka jedhutti, jiraattoonni naannoo Tigiraay %90 saffisaan deeggarsa midhaan nyaataa akka argataniif doolara Ameerikaa miliyoona 200 olitu barbaachisa.
Dhaabbatichi akka beeksisetti, Bitootessarraa kaasee iddoowwan lama deeggarsa qoodeef keessatti namoota miliyoona tokko ol gargaaree jira.
Namoota gargaarsi kennameefiin alatti garuu jiraattonni naannichaa harki caalaan deeggarsa midhaan nyaataa akka barbaachisu ibsi kaleessa baase kan agarsiisu.
Wixata darbe kana jiraattota 4,500 ta’an midhaan nyaataan gargaare.
Deeggarsi miidhaan nyaataa sun torban ja’a keessatti si’a tokko kan kennamu yoo ta’u, namooota miliyoona 2.1 deegggarsa qaqqabsiisuuf karoorfameera.
Sagantaan Nyaataa Addunyaa ijoollee, hawwan ulfaafi kanneen daa’imman hoosisaniif deeggarsa atattamaa qoodaa jiraatullee’’jiraattoota baadiyyaa jiran salphaatti deeggarsa qaqqabsiisuu hindandeenye’’jedhera.
Dhaabbatichi mootummaa Itoophiyaafi dhaabbilee waliin hojjataniif midhaan meetirik toonii 40,000 kennuufi beeksise.
Kanarratti dabalataan midhaan meetirk toonii 20,000 Biiroo Ittisaafi Sodaa Balaa Naannoo Tigiraayif dabarsee kenneera.
Miidhaa daa’imman irra ga'u
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti jaarmiyaan dhimma daa’immanii hordofuu UNICEF ibsa baaseen’’naannoo Tigiraay keessatti sarbamiinsi mirgaa daaa’imman irra qaqqabaa jira’’jedhe.
Dhaabbatichi kaleessa ibsa baaseen Hogganaan UNICEF Heenretaa Foor, amma yoonaatti daa’imman warra hin qabne ykn kunuunsa hin warraasaanii dhaban 6,000 ol galmeessuu himan.
’’Yaaddoo nageenyaatiin ykn qaamolee walitti bu’iinsaan kessatti qooda qabaniin ittifamuudhaan, deeggarsa iddoo hin qaqqabsiifnetti daa’imman deeggarsa barbaadan lakkofsi isaanii kanaa ol ta’etu jira jennee yaaddofna’’jedhan.
Naannichatti tajaajilli bilbilaa adda cicituufi tajaajilli hawaasummaa iddoo muraasatti qofa murtaa’uun ijoollee maatisaaniitiin walitti fiduun rakkoo ta’uu hoggaanaan jaarmiyaa kanaa himaniiru.
Naannichatti dubartoonni amma yoonattu‘’haala sukanneessan halleellaan saalqunnamtiif saaxilamaniiru’’jedhan Heenretaa Foor.
UNICEF ji’a Onkoloollessaa jalqabee dubartoota haleellaan saalqunnamtii irra qaqqabe gargaarera.
Taatullee dubartoonni sodaa nageenya isaaniif yaadda'anifi haleellaan haaloo ba’iinsaa akka irra hin qaqqabneef sodaatan hedduun isaanii otoo gargaarsa hin argatiin hafuu ibsaniiru.
‘’Ijoolleen dhiiraa ol guddataa jiran loltummaaf filamuu dandeenya jedhanii yaadda’u’’ jedheera.
Hagayya keessa TPLF fi Raayyaa Ittisa biyyaa gidduutti waraana eegalame hordofee namoonni miliyoona 1.6 qe’eesaanirraa buqqa’aan keessaa 720,000 kanneen ol guddataa jiran ta’uu UNICEF ibsa baase keessatti beeksiseera.
Keessattuu’’Ebla irraa kaasee imalli dhiyeessi deeggarsa wal’aansa fayyaa, soorataafi bishaanii 31 akka dhiyeeffamne dhorkameera,’’
Sababni isaammoo yaaddoo nageenyaafi kanneen deeggarsa dhiyeessaniirra miidhaan qaqqabusaatiifi’’jedhan.
UNICEF gartuun hundi daa’imman akka eegan akekkachiseera.
Hogganaan dhaabbatichaa ibsa kennaniin’’qaamonni hundi daa’imman haleellaarra akka ittisaniifi maatirraa adda fo’uurraa akka of qusatan’’waamicha dhiyeessaniiru.