Samantaa Azzopaardii : Dubartii Awustiraaliyaa waliin dhahuun biyyoota waliin geesse manni murtii hidhaa buuse

Samantaa Azzopaardii

Madda suuraa, Facebook

Ibsa waa'ee suuraa, Qondaaltonni biyyoota garaagaraa amala Samantaa ibsuuf jechumatu nu hanqata jedhu
    • Barreessaa, Vicky Baker
    • Gahee, BBC News

Lammiin Awustiraaliyaa Samaantaa Azzopaardii kan yakka gowwomsaa baayyee hamaan raawwachuun beekamtu daa’ima hatuun himatamtee Meelboornitti hidhaa seenteetti.

Addunyaa mara irratti eenyummaa sobaa kan uumaa turte Samantaan, seenaa dhokataa dheeraa qabdi.

Emilii Peet, Liinsii Koowuliin, Dakootaa Joonsan, Joorjiyaa MacAwuliif, Harpar Hernaandeez, Harpar Haart - kunneen hundi maqaa isheen kana dura ittiin fayadamaa turtedha.

Dubartiin ganna 32 kuni ka'umsi ishee Sidniidha. Waggootii kurnan darban keessatti, maqaawwan fayyadamte kanaan Ayerlaand, Kaanadaa fi naannolee adda addaa biyyashee keessatti to’annoo jala oolte turte.

Akka nama qacaramee da’imman kunuunsuuf barumsa qabuutti of erga fakkeessitee daa’imman lama eeyyama malee bulchiinsa Viiktoriyaa keessa fuute erga baate booda, Jimaata hidhaan waggaa lamaa irratti murtaa’eera.

Kanaan dura, Samaantaan kanneen daldala saalqunnamtiif dubartoota daddabarsaniin akka nama miidhamteetti of fakkeesitee turte.

Akka maatii moototaa Iswiidish fi atleeltii Rashiyaa kan maatiinshee balaa ajjeessanii of ajjeesuun dhumaniitti of fakkeessaas turteetti.

Umurii wagga 20’n fi 30’n ishee keessatti, irra deddeebiin akka shammarree ganna 13-18 jidduu jirtuutti of fakkeessaa turteetti. Bifti ishee, sagaleen ishee fi ammalli ishee gowwomsa kanaan akka milkooftuufis gargaareeraani.

Waggootii dheeraaf aang’oota waliin waldhabaa turteetti. Biyyoota adda addaa irraa ari’amteetti, yeroo gaggabaabaaf hidhaa turteetti. Ta’us, gochi ishee waan dhaabbatu hin fakkaatu ture.

Samaantaan dhibee sammuu personality disorder jedhamuu fi dhibee badaa hin argamne pseudologia fantastica jedhamu, kan mallattoo akka malee sobuu akka qabdu mana murtiitti dhiyaateera.

Ayeerlaand, Dabliinitti duudaa of fakkeessuu

Onkololeesa 2013tti qorataan poolisii Deevid Gaalager, Dabliin keessatti Azzopardii waliin hariiroo addaa qabatee ture.

Yeroo sanatti maqaashee hin beeku ture. Eenyuyyu hin beeku. Miidiyaan biyyatti, maqaa intala GPO jedhuun beeka turte. Sababni isaas mana Poostaa Dabliin (GPO) fulduratti waan argamteefi.

Qondaalli poolisii Gardaa Sochaanaa, Samaantaa kan agarte utuu isheen dandiirra nama sodaa keessa jiru fakkaattee asii fi achi adeemtudha, garuu homaa dubbachuu didde.

Poolisootni lama gara hospitaalaatti ishee gessaniis torbanoota hedduuf homaa hin dubbanne, kunis akka isheen kanneen namoota seeraan ala daddabarsaniin miidhamte ta'a jedhanii akka shakkan taasiseera.

Umurii ishee itti himuu baattus, harka isheen akka ganna 14 taate itti agarsiisteetti.

Waajjira Poostaa Dabliin

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Miidiyaan Ayirlaand Saamaantaatin dubartii poostaa jedhee waama ture. Kunis, waajjira poostaa fuuldura osoo olii gadi deemtu waan argamteefidha

Eenyummaa ishee fi akkamiin akka miidhamte adda baasuuf qorannoo bal’aa taasisanis hin milkoofne.

Gaalager akka jedhetti, waa’ee umurii ishee irratti yeroo hunda shakkii qabaatanis, kanaan achi sobaa jirti jedhanii tasuma hin yaadne.

“Hin nyaattus, hin dubbatus ture, kanaaf hospitaala da’imaniitti geeffamte,” jedha.

Boodarra eyyama mana murti olaanaa irra argataniin suuraa ishee midiyaa irratti yemmuu gadhisan, maatiin isheen Ayerlaanditti wajjiin turte ishee ta’uu adda baasani.

Eenyummaan Samantaa yemmuu baramutti poolisii waliin gara Awustiraaliyatti akka deebitu taasifame.

Kaalgariitti sobaan butame jechuu

Waggaa itti aanuu, Samaantaan Kaanadaa, Kaalgariitti argamte. Seenaa walfakkaataa dhiyeessitte, yeroo kana garuu dubbatti turte.

Shamarree ganna 14, Awooraa Hepbarn jedhamtu akka taateefi nama ishee butee jalaa akka baqatte himte. Yeroo sanatti umuriin ishee wagga 26 ture.

Ammas qorannoon bal’aa ishee gargaaruuf gaggeeffamus, hanga namni tokko wanta Dabliinitti uumame baree adda baasetti eenyummaan ishee inni sirrii hin baramne ture.

Yeroo kana poolisii Kalgarii gowwoomsuun himatamte.

Akkuma duraa poolisii waliin Kaanadaa irrraa gara Awustiraaliyatti akka deebitu taasifame.

Seenaa adda addaa isheen eenyummaa adda addaan dhiyeessitee hedduutu jira. Bara 2014tti lammiin US Emilii Bambeargar, akka Samantaan ishee gowwomsite gazeexaa Courier’tti himteetti.

Suuraa Saamaantaa poolisiin gadhiise

Madda suuraa, Police handout

Ibsa waa'ee suuraa, Yeroo baay'ee kaameraa waan baqattuuf suuraa ishee arguun rakkisaadha

Maqaan ishee Annikaa Deker, akka ta’eefi miseensa maatii mootota Iswiidin taatee, ijoollummaa isheetti akka hatamte itti himte.

Yeroo biraatti ammo maatii Peerziin kan gowwomsite atileetii Raashiyaa kan maatiin ishee Firaansitti gocha ajjeesanii of balleessuun jalaa dhuman akka taatettidha.

Gocha gowwomsaa ishee nama aja’ibe keessa inni tokko yeroo waajjira kunuunsa hawaasaa Sidnii gowwomsuun, akka shammarree miidhamtuu taate itti himuun maatii yeroof ishee kunuunsuufi mana barumsaa seenuu dandeesse turte.

Murtee irratti dhiyaate

Yeroo kanatti daa’imman lamaan hatuun himannaa irratti dhiyaateef yakkamtuu ta’uu amanteetti.

Abukaatoon ishee Jessikaa Wilaard akka jettutti Samantaan daa’imman lamaan – umurii ganna afurii fi baatii kudhan – maatii isaanii jalaa fudhachuuf ykn isaan miidhuuf karoora hin qabdu ture.

Abbaan murtiis da’imman kanarra miidhaan akka hin geenye walii galus, miidhaa xiinsammuu maatii isaanirra fi mucaa ganna 12 kan biraa filmii keessatti taatoo akka taatu si godha jechuun gowwomsite irra ga’eeru ibse.

Yakka kanaanis hidhaan waggaa lamaa irratti murtaa’eera.