Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Balaliisaan xiyyaaraa duraanii US kutaa balalii keessa waan hinmalle raawwachuu amane
Balaliisaan xiyaaraa duraanii US waggaa darbe osoo balalisuu ''waan safuu cabseefi hin malle'' raawwachuu isaa amane.
Balaliisaan ganna 60 fi Mikaa'el Haak jedhamu qondaala dubartiitti garagaluun laaptoppiirraa viidiyoo saalqunnamtii daawwataa ture jechuun Abbaan Alangaa himeera.
Balalii Daandii Xiyyaaraa Saawuziwest irratti Mr Haak kutaa balalii balaliistoonni turan keessatti ''amala fudhatama hinqabne'' raawwateera jedhe.
Abbaan seeraa Meerilaand waggaa tokko keessa amala jijjiirachuun isaa akka hordofamuufi dolaara 5,000 akka kanfalu murteessan.
Taateen kun Hagayya 10, 2020 balalii Buufata Xiyyaaraa Idil - Addunyaa Filaadelfiyaa irraa gara Buufata Xiyyaaraa Idil - Addunyaa Orlaandoo imaluu irratti akka mudate dhaddachi dhagaheera.
Qondaalli balalii hojiishee bakka itti fuftee jirtutti Mr Haak waan hin malle keessa seene jechuun abbootiin alangee federaalaa barreeffamaan ibsaniiru.
Dabalataan, balalii dura balaliisaan kun qondaala tanaan walitti dhufanii akka hin beekne himan.
Akka gabaasa AP'tti, kanneen waliin balaliisan ''mirga amala akkanaaf saaxilamuu dhabuu qabu'' jedhan Abbaan Alangee Itti - aanaa US Mikaa'el Kaaningihaam.
Mikaa'el Haak kan inni bulchiinsa Meerilaand keessa himatameef taaten sun yoo raawwatu xiyyaarri daangaa qilleensaa bulchiinsichaa keessa waan tureefi jedhameera.
Mikaa'el Haak bakka ummataatti waan safuu cabse raawwachuu isaa amaneera. Yakkamaas ta'eera.
Ibsa karaa viidiyoo baaseen Mr Haak amala isaaf dhiifama gaafateera.
''Jalqaba akka qoosaatti balaliisaa biraa waliinan eegale. Takkaa akkana ta'a jedhee waggaa kumattuu yaadee hin beeku,'' jechuun hime.
Abbaan seeraa Maark Koolsan amalli Haak qondaala balalii irratti dhiibbaa qaba ture, nageenya imaltoota kaanis rakkoo keessa galchu kan dandalu ture jedhan.
Dhaloonni isaa Loongiwuud Filooridaa kan ta'e Haak Hagayya waggaa darbe sooroma bahuu isaa dura Daandii Xiyyaaraa Saawuziwest keessatti waggoota 27'f balaliiseera.
Ibsa daandiin xiyyaarichaa baaseen ''amala akkanaa hin obsinu, yoo raawwates tarkaanfii fudhanna,'' jedhe.
Dubbii Himaan dhaabbatichaa taateen akkanaa raawwachuu erga Mikaa'el Haak waggaa darbe fedhii isaatiin hojii gadhiisee booda baruu himaniiru.
Sababa kanaaf dhaabbatichi faayidaa Haak erga sooroma bahee booda argachuu maluu irra kutuu beeksisan.