Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhaabbanni Nike sababa qorannoo miidhaa saalqunnamtiin Neymaar waliin hojjachuu dhaabe jedhe
Dhaabbanni hidhannoo ispoortii guddichi Ameerikaa Nike, taphataan PSG Neeymaar ''qorannoo miidhaa saalqunnamtii hojjattootarra geessise jedhamuun himatame karaa qajeelummaa qabuun deeggaruu waan dideef'' jecha waliin hojjachuu dhaabe jedhe.
Taateen himannaa kunis bara 2016tti kan mudate yoo ta'u, Naayikiif bara 2018tti gabaafame. Naayik qorannoon isaa kan hin xumuramne akka ta'e himee ture.
Dubbi himtuun Neymaar akka jetteetti ammoo, himannaa quunnamtii saalaa irratti dhiyaate haaluun, Naayik waliin ammoo sababiiwwan daldalaatiin walqabatee bara darbe adda bahan jette.
''Neymaar Jr haleellaa himannaa bu'uura hin qabne isarratti ka'u kamiiyyuu cimsee ofiirra ni ittisa, hanga ammaatti wanti dhagahame jiraachu baatulleen'' jettee akka gaazeexaa Wool Istriit Joornaaliitti himteetti.
Naayik walitti dhufeenya Neymaar kan nama maqaa guddaa qaban keessaa tokko ta'e waliin waliigaltee qabu kan dhaabee Hagayya 2020 ture. Yeroo sanattis adda bahuusaaniif kubaaniyichi sababiin kenne homtuu hin turre.
Ibsa Kamisa darbe baasees, ''Ragaa qabatamaa osoo hin argatiin dura himannaa dhiyeessuun Naayikiidhaaf sirrii miti,'' jedheera.
Haata'u malee, itti dabaluun, ''Naayik sababii Neeymaar miidhaa salaa hojjettuu dhaabbatichaa irratti raawwateera jedhu irratti dhiyaate ''karaa qajeelummaa qabuun'' deeggaruu dideef waliigaltee isaa akka adda kute hime.
Hojjattuun kunis himannicha bara 2018 keessa Naayikiif kan gabaafte yoo ta'u, dura qorannoon hafe dhimmichi icciitiin akka qabamuuf yaadde akka turte hima dhaabbatichi.
Bara ittaanu ammoo qorataa walabaa mindeessuun dhimmicha akka itti fufuu barbaaddee jedha.
Miidhamtuu kan jedhamte tunis Naayik maqaan kan hin eeramniin yoo ta'u, ''Icciitii hojjattuu tanaa eeguu kan itti fufnuu yoo ta'u, kunis muxannoo baayyee cimaa akka ta'e ni hubanna,'' jedheera.
Neymaar kana duras himannaa dirqiin gudeeduu bara 2019 irratti dhiyaatee ture haaluun himmanichis booda kufiifameera.