Ispoortii: Mesin galii argatuun taphattoota kaan caalee tokkoffaa ta'e

Jifataan Baarseloonaa Liyoonel Meesin bara 2020 taphattoota galii guddaa argatan keessaa kan duraa ta'e.

Barruun galii namoota beekamo ifa gochuun beekamu Foorbis, Meesin dolaara miiliyoona 126 waggaa tokko keessa galfachuu ibse.

Morkataan isaafi taphataan Yuventus Kiristiyaano Ronaaldon immoo dolaara miiliyoona 117 argate.

Neyimaar fi Mibaappe PSG irraa sadaffaafi afraffaa ta'aniiru.

Taphattoonni Pirimiyeer Liigii Mohaammad Saalah fi Pool Pogbaa akkasumas Deevid De Hiyaa dabalatee sadarkaa 1 - 10 keessa seenaniiru.

Taphataan Maadiriid Beelillee dolaara miiliyoona 29'n sadarkaa 8ffaa qabachuun kanneen galii guddaa galchatan keessaa ta'eera.

Keessumaa Gaarez Beel bara dorgommii 2019-20 leenjisaa isaa Ziidaan waliin waldhabuun taphoota 14 booda kan kilabichi taphate keessaa lama qofaarratti hirmaate.

Jifataan LivarpuuL Saalah, utubaa Yunaayitid Pogbaa kan jahafaarra jiru dursuun sadarkaa shanaffaa qabate. Karri eegaa Yunaayitid De Hiyaa 10ffaadha.

Jifataan Baarseloonaa Gireezimaan 7ffaa yoo ta'u jifataan Muunik Roobert Lewaandowiskii sagalaffaadha.

Kanneen sadarkaa tokko hanga sadii jiran bara darbellee sadarkaa walfakkaataa qabatanii turan. Barana kan ol guddate Mibaappeedha - torbaffaa gara sadaffaa dhufe.

Lammiin Arjentiinaa Meesin, ganna 33, Baarseloonaa gadhiisuuf yaadus boodarra turuuf murteeffachuun isaa ni yaadatama.

Taphattoota galii guddaa argatan galmee barruu Foorbisirraa

  • Liyoonel Meesi (Baarseloonaa fi Arjentiinaa) $126m
  • Kiristiyaano Ronaaldo (Yuventuus fi Porchugaal) $117m
  • Neeyimaar (Paaris Sent Jermeen fi Biraazil) $96m
  • Kiyliyaan Mibaappe (Paaris Sent Germeen fi Faransaay) $42m
  • Mohaammad Saala (Liivarpuul fi Masrii) $37m
  • Pool Pogbaa (Maanchistar Yunaayitid fi Faransaay) $34m
  • Antuwaan Gireezimaan (Baarseloonaafi Faransaay) $33m
  • Gaarez Beel (Riyaal maadiridiifi Weels) $29m
  • Robeert Lewaandowiskii (Baayer Muunik fi poolaand) $28m
  • Deevid De Hiyaa (Maanchester Yunaayitid fi Ispeen) $27m