Chaayinaatti mosaajiin hubannoo nam-tolchee (AI) 'Uyghur' irratti yaalamuu qorannoon BBC saaxile

Sirni kaameeraa Hubannoo Nam-tolchee (AI) fi fuula bartuun miira namootaa bira gahu saba 'Uyghur' Xinjiang keessa jiranirratti yaalamuu BBCn ragaa argate.

Injinarri mosaajii tokko sirnoota akkasii buufataalee poolisii kutaa biyyattii keessa jiranitti midhaassuu dubbata.

Ogeessi mirgoota namoomaa ragaa kana ilaale, kuni akkaan rifachiisa jechuun ibse.

Embaasin Chaayinaa Landanitti argamu himannaa kanarratti gaafatamee deebii kallattii deebisuu baatus, ''mirgi siyaasaafi hawaasummaa saboota hundaa kan eegamedha'' jedheera.

Kutaan biyyaa Xinjiang warri saba lakkoofsaan xiqqoo 'Uyghur' yookaan Wiigurootni lakkoofsa bicuu tahan miiliyoona 12 kan keessa jiraatan oggaa tahu, irra hedduun isaanii Muslimoota.

Lammileen achi keessa jiran guyyuu hordofamu. Kana malees kutaan biyyaa kun bakka walfalmisiisaa ''wiirtuulee deebisanii barsiisuu'' jedhaman kan keessatti argamanidha.

Gareeleen mirgoota namoomaa wiirtuuleen kunniin kaampiiwwan ugguraa haalaan eegamanidha jedhu - namoonni miiliyoona tokkoo ol tahan achi keessa jiraachutu tilmaamama.

Beejing dhimma hordoffii kana yeroo hunda ofirraa mormatti - naannichatti hordoffiin (surveillance) kan barbaachisuuf, finciltoonni biyya ofii dhaabbachuu barbaadan haleellaa shororkaatiin lubbuu hedduu balleessaniiru jetti.

Injinarri mosaajii (software engineer) sodaa nageenyaaf jecha maqaansaa akka dhahamu hin barbaanne sagantaa BBC Panorama'tti dubbateera. Kaampaaniin keessa hojjechaa tures hin ibsamu.

Namni kun Panorama'tti suuraalee Wiiguroota shan kaampiiwwan keessa to'annoo jala jiraniifi sirni miira baruu irratti yaalameera jedhe agarsiiseera.

''Mootummaan Chaayinaa Wiiguroota akka waan yaaliitti qorannoowwan garagaraatiif itti fayyadama - akkuma hantuuta laaboraatorii keechatti itti fayyadamanitti,'' jedha ogeessi kun.

Innis kaameraawwan hordoffii kana naannichatti tolchuu keessatti qooda fudhachuu dubbate: ''Kaameraa miira baru naam sanarraa meetira sadi fageessinee keenya. Akka meeshaa nama sobu adda baasutti (lie detector), garuu teknooloojii daran ammayyaawaadha.''

Akka inni jedhutti poolisoonni ''teessoo itti hidhanii teessisan'' fayyadaman jedha - kunis buufataalee poolisii Chaayinaa keessa jiranitti heddumminaan hojiirra oola.

''Harki kee meeshaa sibilaan hidhama, miilakeettis akkasuma kaa'ama.''

Ogeessi kun akkamiin hubannoon nam-tolchee (AI) miira fuula namaarraafi gogaarra geegeddaramu xiinxaluu akka danda'u akka leenjisan ragaan agarsiiseera.

Akka inni jedhutti, softiweerichi chaartii gosa paay jedhamu dhiyeessa - diimaan haala sammuu namaa jeeqame mul'isa jedha.

Mosaajiin kun ''ragaa qabatamaa malee dursanii murtee kennuuf'' itti fayaydamuuf yaadame jedha.

Embaasin Chaayinaa Landanitti argamu himannaa sofitweerii miira adda baasu kanarratti gaafatamee deebii kallattii deebisuu baatus: ''Mirgaafi bilisummaan siyaasaa, diinagdeefi hawaasummaa saboota maraa Xinjiang keessa jiranii guutummaatti kan eegamedha,'' jedheera.

''Namoonni garaagarummaa sabaan otoo hin daangayin waliigalteen jiraatu. Bilisummaan dhuunfaa isaanis otoo hin daanga'in, jireenya tasgabbiifi nagayaa qabu.''

Ragaa ogeessi kun BBCf dhiyeesse Chaayinaatti daarektara Human Rights Watch kan tahan Sophie Richardson'tti agarsiisneerra.

''Ragaa rifaasisudha. Namoonni chaartiitti gadi salphatanii xinnaachuu qofa miti, namoonni haala sodaa guddaa qabu keessa jiru - dhiibbaa cimaa jala jiru. Kanaanis birrachuu mala namni. Kanammoo fuudhanii akka ragaa balleessummaatti fudhachuun, rakkoo rakkoo caaludha.''

Amala shakkisiisaa

Yunivarsiitii Koloraadoorraa kan tahe Darren Byler akka jedhutti, sabni Uyghur samuuda qaccee sanyiisaanii (DNA) anga'oota naannichaaf akka dhiyeessan taasifamu. Kana malees qorannoo dijitaalaa gaggeessu, akkasumas aappii mootummaan dhiyeesse buusuuf dirqamu - aappiin kunis ragaalee kanneen akka tarree bilbila namootaa 'contact' fi ergaa barreeffamaa guura.

''Jiruun Uyghur yeroo ammaa daataa guuruf oolaa jira,'' jedha.

''Bilbila ismaartiikee yeroo hunda ofharkaa qabaachuu akka qabdu namuu beeka. Yoo [bakka tahetti dhiiftee deemte] to'atamuu dandeessa - kanaan si hordofu. Kana keessaa akki itti bahan jira jedhanii hin yaadani,'' jedha.

Daataan kanarraa walitti qabamu sirna kompiyutaraa Integrated Joint Operations Platform jedhamu keessa kuufama. Akka HRW jedhutti sirni kun amala shakkisiisaadha jedhamu adda baasuun saaxila.

''Sirnichi amaloota hedduu kanneen akka: namni tokko balbala fuulduraan otoo bahuu qabuu duubaan bahe jedhuufi konkolaataa kansaanii hintaane keessa boba'aa guutuu fa'i jedhan walitti qaba,'' jedhu Aadde Soofiin.

"Authorities no''Anga'ootni yeroo ammaa balbala namootaa fuulduratti koodii QR maxxansuun, eenyu akka achi jiruufi hinjirre salphumatti adda baasuu danda'u.''

Hordoffii guyyuu

Kaameeraawwan hordoffii addunyaa gubbaa jiran miiliyoona 800 keessaa, walakkaa kan tahan Chaayinaa keessa jiru jedhama.

Biyyattiin magaalota ismaart jedhamanis hedduu qabdi. Kanneen keessaa magaalaa Chongqing jedhamtutti 'AI' bu'uura jireenya magaalaa tahaa jira jedhama.

Magaalaa kanatti gaazexeessaa qorataa kan tahe Hu Liu sagantaa Panorama'tti muuxannoosaa akka himetti: ''Takkaa yoo manaa baatee liiftii seente jennaan, ija kaameeraa keessa seenta. Kaameraan iddoo mara jira.''

''Wayitan iddoo tokko deemuuf manaa bahu, taaksiin waama. Kaampaaniin taaksii naa fidu, ragaa kana mootummaatti galcha. Achiis hiriyootakoo argachuuf gara kaaffee tokko dhaqa - asittis mootummaan kaameeraa fayyadamuun eessa akka jiru beeku.

''Wayita tokko ergan hiriyyootakoo argadhee haasawee booda, battaluma sana mootummaan na qunnamee na akeekkachiisee beeka. 'Nama kana lammaffaa wal hinargin, kana hin hojjetin, kanas hin dalagin' naan jedhan.

''Hubannoo nam-tolcheen (AI) bakki itti dhokannu [tasumaa] hinjiru,'' jedheera gaazexeessaan kun.