Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Siyaasa Keeniyaa: Miseensi paarlaamaa matta'aa $1,000 ykn Birrii 40,000 ol fudhachuu amane
Miseensi Paarlaamaa Keeniyaa Mooses Kuriyaa bara darbe paarlaamaa keessatti muudama hooggansa gartuu lakkoofsa olaanaa qabanii deeggaruuf matta'aa doolaara 1,000 fudhachuusaanii BBCtti himan.
''Miseensonni onneessituu akkasii fudhachuun waan hin baramne miti'' kan jedhan Aab Mooses maallaqicha akka deebisanis himan.
Haata'u malee dureen warra caalmaa qabanii Amootsi Kimunyaa garuu matta'aa paarlaamaa keessatti kanfaluu haalaniiru.
Mr Kimunyaa addatti himannaa Mr Kuriyaa kanaaf deebii akka kennan BBCn gaafataman illeen hanga ammaatti deebii hin kennine.
Miseensoonni paarlaamaa Keeniyaa miseensoota seera baaftootaa addunyaarratti kanfaltii olaanaa argatan keessaa tokko.
Haata'u malee akka tilmaama aanga'ootaatti biyyi Baha Afriikaa tun waggaa waggaan dolaara biiliyoonotaan lakkaa'amu malaamaltummaan dhabdi.
Aabba Kuriyaan maal jedhan?
Mr Kuriyaan yeroo hedduu paarlaamaa keessatti malaamaltummaa taajjabuusaanii himu.
''Waggootan ani paarlaamaa keessa ture saddeet keessatti yeroo baayyee mudateera'' jechuun BBC Newsday'tti himan.
''Akkuma beekamu wanti akkasii kun kaameeraa fuulduratti hin raawwatamu.''
Kanaafis muudama Mr Kimunyaa akka fakkeenyaatti kaasan. Isaanis Waxabajjii darbee Aden Du'aalee bakka bu'uun gumii biyyaaleessaa keessatti duree caalmaa ta'an.
Bakka bu'aan bulchiinsa Kibba Gaatundu kunis aadaan malaamaltummaa sirrii akka hintaane dubbatan.
''Dogongora. Akkan yaaduutti eeyyeen... carraan naaf kennamnaan yoo xinnaate kanan ifatti beeku nana deebisa,'' jedhan.
"Tarii har'uma gochuun danda'a ta'a... doolaara 1000 Kimunyaaf sagalee kennuuf fudhadhee sana nan deebiisa.''
Haalli amma jiru maal fakkaata?
Mr Kuriyaan BBCtti kan dubbatan erga fooyya'insa Heera Motummaa 'Building Bridges Initiatives (BBI)' jedhamuuf sagalee kennuuf matta'aa gara $1,000 fudhachuun himatamuun namoonni siyaasaa muraasni akka af-yaa'ii fulduratti dhiyaataniif waamamaniitti ture.
Kaayyoon sanada pirezidaant Uhuruufi hoogganaa mormituu Raayilaa Odingaan deeggarsa qabu kanaas, rakkoolee biyyattiin erga walabummaa labsitee kaaftee mudataa jiru kana akka jibba sabaa, malaamaltummaa fi rakkoo bulchiinsaaf furmaata barbaaduuf jedhameera.
Haata'u malee qeeqxoonni seerichi baay'ina miseensa paarlaamaa waan dabaluuf, akkasumas aangoo ministira mummee fi itti aantoota hedduu waan qabaatuuf baasii dabala jedhu.
Mr Kuriyaan deeggaraa Pirezidaantii ittaanaa Wiiliyaam Ruutoo kan wixinee seera BBI hindeegarree fi mormaa cimaa Mr Odingaa kanneen bara dhufaa yoo aangoon Keeniyaataa xumuramutti aangoo pirezidaantummaa qabachuu malu jedhamamuun shakkamaniiti.
Wixinee BBI irratti jalqabarratti mormii muraasa tureen alatti sadarkaa gumii kaawuntiitti raggaasifamuun dhiheenya kanas paarlaamaan raggaasifameera.
Haata'u malee Manni Murtii Olaanaa Keeniyaa seerichi faallaa heera mootummaati jechuun, karoora dhuma bara kanaatti rifarandamiitti dhiyeessuuf ture balleesseera.