Koroonaavaayiras: Gosti Covid Indiyaa biyyoota Afrikaa torbatti tatamsa'e

Gosti vaayirasii Covid-19 kan B.1.617 jedhamuun beekamuufi biyya Indiyaa keessatti gaaga'ama lubbuufi hawaasummaa olaanaa qaqqabsiise, biyyoota Afriikaa keessattis babal'ataa jiraachuun yaaddoo uume.

Gosti vaayirasii B.1.617 jedhamuun beekamu kun Afriikaatti biyyoota akka Keeniyaa, Afriikaa Kibbaa, Morokoofi Yugaandaa keessatti mul'achuunsaa dhiheenya himamulleen, Roobii ammoo Aljeeriyaa, DR Kongoo fi Naayijeeriyaa keessatti argamuu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa beeksiise.

Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti qindeessaa deebii Covid-19 Afriikaa kan ta'an Dr Ngoy Nsengaa BBCtti akka himaniitti, gosti vaayisarii Covid Indiyaa keessaa amma biyyoota Afriikaa torba keessatti argamuun mirkanaa'era.

Qorannoon jalqabaa taasifame akka mul'isetti, gosti vaayirasii B.1.617 jedhamu kun vaayirasii Covid kana dura turan caalaa haala salphaa ta'een kan babal'atuudha.

Keeniyaatti namoonni gosa vaayirasii kanaan qabamunsaanii mirkanaa'ee amma 20 gahuun gabaafameera.

Keessattuu namoonni gosti vaayirasii kanaan qabamusaanii biyyoota akka Keeniyaa, Morookootti Afriikaa Kibbaafi Yugaandaa keessatti mirkanaa'ee kanneen gara Indiyaatti imala taasisanii turan ta'utu himame.

Hanga ammaatti Keeniyaatti namoonni 20, Morokootti namoota lama, Afriikaa Kibbaatti namoota afuriifi Yugaandaatti nama tokko irratti argamuu ogeessi Dhaabbata Fayyaa Addunyaa kun himaniiru.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa gosa vaayirasii Indiyaatti dhiheenya kana mul'ate kana ''Gosa yaaddoo addunyaa'' jechuun kan ibsee Onkolooleessaa 2020 ture.

Gosti vaayirasii kunis du'aatii dhiheenya kana Indiyaatti mudataa jiruufi hospitaalootaafi bakkeewwan awwaalchaa irratti dhibbaa olaanaa qaqqabsiisaa jiruuf madda ta'uusaa adda baasuuf qoratamaa jira.

Keeniyaatti waan haaraa maaltu argame?

Keeniyaatti gosti vaayirasii biyya Indiyaa kan kana dura namoota shan irratti mul'achuun mirkanaa'een alatti guyyaa Roobii namoonni biraa 15 vaayirasichaan qabamu himame.

Dr Raashid Amaan Ministeera Fayyaa Keeniyaa irraa akka jedhaniitti, ammatti namoonni 20 ta'an vaayirasii Covid gosa biyya Indiyaatiin qabamaniiru.

''Kunis qorannoo saamuda 17 imaltoota Indiyaa irraa dhufan irraa torban darbe fudhatamuun gaggeeffameen mirkanaa'e. Qorannichaan namoonni 15 vaayirasii haaraa kanaan qabamaniiru,'' jedhan Dr Amaan.

Gosti vaayirasii Covid-19 B.1.617 jedhamu kunis haala biyya Indiyaa keessatti mul'ateef akka sababaatti kan eeramu yoo ta'u, biyyattiitti namoonni miliyoona 20 ol ta'an qabamuun himameera.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaas vaayirasicha kanaan yaaddoo addunyaa jechuun ibseera.

Dhukkubichi kan kana duraa caalaa haala salphaan babal'achuun isaa biyyootaaf yaaddoo dabalataa ta'aa jirachutu himama.