Dubartiin Inistaagiraamishee beeksisuuf barattuu of fakkeessitee mana barnootaa lixxe to'atamte

Madda suuraa, Handout via CBS
Dubartiin ganna 28 barattuu of fakkeessuun mana barumaa Filoridaa seente jedhamte to’annoo jala oolte.
Audrey Nicole Francisquini Wiixata Mana Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa Ameerikaa kan Maayaamii jiru dhokattee seenuun, fuula Inistagiraamiishee beeksisuuf jecha waraqaa raabsite jedhe poolisiin.
Odiriin barrattuu fakkaachuuf korojoo dugdaa fi iskeetboordii baattee akka turte gabaafameera.
Dubartiin kun seeraan ala seenuu, dhabbata barnootaa jeequu fi to’annoo jala ooluu diduun himatamteetti.
Kibxata mana murtiitti dhiyaachuun himata yakkaa irratti dhiyaate haalteetti.
Abbootiin alangaa akka jedhanitti, Odiriin Wiixata ganama miidiyaa hawaasummaa ishee beeksisuuf mana barumsaa keessatti yeroo waraqaa raabsitu viidiyoo of waraabdeetti.
Gochaanshee shakkisiisaa ta’e kun qoondaltoota eegumsaa mana barumsichaan gaaffii keessa kanishee galche tahus, garuu utuu hin dhaabbatiin achii deemte.
Boodarras poolisiin fuula Instagram ishee fayyadamuun ishee bira gaheera.
Viidiyoon akkaawuuntii amma dhokateerraa miidiyaan WSVN’n argame akka agarsiiutti, maaskii bifa seexanaa uffatee konkolaataa keessa yemmuu teessuufi boodarra yemmuu poolisootni to’annoo jala ishee olchuuf gara manasheetti deeman yemmuu waraabdu agariisa.
“Kun waanuma hin jirredha. Waan baayye nama sodaachisu,'' jechuun barataan tokko TV kanatti himteetti.
Gaazexaan Washington Post akka gabaasetti Oodriin kana dura qondaala poolisii kan turte yoo ta’u, bara 2017tti hojiishee gadhiiste.
Ibsa gazeexaa kanaaf kennaniin dubbi hiimaan Manneen Barnootaa Ummataa Kaawuntii Maayamii - Deed, taaten kun kan ‘uumamuu hinqabne’ ture jechuun bulchiinsichii qorannoo eegumsaa gadi fageenyaan akka taasisu himeera.














