'Instagram irratti warra dhageettii qabaniifi keekii bilisaa na gaafatan nuffeera'

Madda suuraa, Reshmi Bennett
'Namoonni maaliif keekiif kanfaluu hin barbaadan?'' Qopheessituun nyaataafi keekii hojjechuun beekamtu Reshmi Bennet, maaliif namoonni isheen hin beekne, keekii Instaagiraamiif tahu bilisaan nu qopheessi akka jedhaniin yeroo hunda dhibaani.
Teessooshee magaalaa Landan ka godhatte ogeettiin kun, mana keekii Anges de Sucre jedhamu qabdi.
Warra miidiyaa hawaasaa irratti hordoftoota hedduu qabaniifi dhiibbaa uuman (influencers), kanneen bilisaan akka kennituuf gaafatan maqaa dhawuun intarneetarratti dubbii ijoo tahee ture.
"Barreeffama kana sababiin Instagram irratti barreesseef, namoonni gurra horatan (influencers) akkasii kun keekii bilisaa na gaafachuusaaniitti waanin nuffeefi. Weerara [koronaavaayirasiin] booda ammoo daranuu itti hammaate. Na aarsuu jalqabe.''
Wayita weeraraa kanatti akkuma hojiiwwan biroo, maamiltonni ishees akkaataa itti bitan jijjiiraniiru. Namoonni baayyeen wantoota daran barbaachisoo hin taane bituurraa of qusatanis, manni keekiishee garuu ammallee namoota keessummeessa.
Warreen dhiibbaa uuman kanarraas gaaffii bilisaan waa nuu kennii hedduun dhiyaatuufi eegale. Amma dura bilisaan kennaa turte.
Kana kan gootu garuu: jarri hordoftoota meeqa akka qaban, maxxansa isaanii, eenyutu hordofa, akkasumas walitti dhufeenya hordoftoota isaanii waliin qaban ilaaluun kennaa turte. Garuu kanarraa gurgurtaa adda tahe hin arganne.
"Piroofaayila ebeluurraa arginee gara keessan dhufnee binne namni jedhe hinjiru. Yeroo maraa waa kan gurgurru dubbii afaaniin daddarbuuni.''

Madda suuraa, Reshmi Bennett
Gabaan infiluuweensarootaa guddaafi daneessadha. Kanneen daldala qaban ammoo qabiyyeeffi eenyummaa nama argan sanirratti hundaa'uun jara filatu.
Biloogarri waahee bareedinaafi jireenyaa barreessitu Karishmua, ogummaa fayyaa dhiistee influweensara yeroo guutuu taateetti. Instagram gubbaa hordoftoota 180,000 akkasumas TikTok irraa namoota 70,000tu ishee hordofa.
Beeksisa meeshaaleerraa galiin argamu olaanadha kan jettu Karishamaa, garuu ciminaan hojjechuu gaafata jetti.
''Maxxansa Instagram tokkoof Paawundii 200-600 kafalchiisa. Kunis maxxansa sanirratti yeroo hagamii akka dabarse irratti hundaa'a.
''Mallattoon kosmetiksiifi bareedinaa meeshaasaanii fayyadamee akkatti of bareechan akkan agarsiisu yoo fedhan, Instagram fi TikTok gubbaatti yeroo hedduu mul'achuu danda'a. Kanaanis yoo xiqqaate gurgurtaa Paawundii 2,000 argatu.''

Madda suuraa, Karishma Vijay
Forbes akka raagutti, gabaan gama kanaan jiru daran ho'uun, 2022tti paawundii biiliyoona 11 taha jedha.
Seektarri kun haalaan bal'aa tahuusaatiin, ammatti kanneen hordoftoota muraasa qaban (micro-blogger) dabalaa jiru.
Ogeettiin biraandii fi dijitaalaa Ashanti Akabusi waan jettu, ''nama dhiibbaa uumu isa sirrii argatta taanaan, daldala keef bu'aa buusa.''
Haatahu malee, namoonni hedduun dhiibbaa isaan qaban olitti, dhageettii qabna jedhu jetti.
''Gabaa kana keessatti namni heddummaachurraan kan kahe, qeeqa dhiyaatan ni agarra. Namoonni ofiin ani infiluweensara jedhanii waamun, dhugaan jiru isaan gargar tahee argama.''
''Walitti dhufeenyi daldalaa fi infiluweensaraa garri caalu waan gaariidha, haatahu malee ''furtuun isaa kan jiru, nama sirrii filachuurratti''.
Daldaloonni hedduun ammallee barreeffama biilboordiin tajaajilaafi oomishasaanii beeksifatu. Malootni intarneetarra beeksisuu yeroodhaa yerootti daballaa waan dhufaniif, carraanis akkasumas jira.
Kana jechuunis, namni kamuu infiluweensara tahuu danda'a. Fakkeenyaaf akka barreessituu bareedinaafi barattuu Ayishaa Shabaan.
Instagram gubbaa hordoftoota 17,000 kan qabdu Ayishaan, ofiishee 'micro-blogger' jettee waamuuf ishee dhibullee, waan bilisaa garuu takkaa hin gaafadhu jetti.

Madda suuraa, Aisha Shaban
''Na waliin hojjechuuf na qunnamu taanaan, waa'ee kaampaanichaa maxxansee qarqaaruuf gammadoodha. Garuu kaampaaniwwan qunnamuun, waan isaan itti dafqanii oomishan irraa fayyadamuuf tasumaa hin yaalu.
Akka yaadad kootti, dhaabbileen oomishaalee bilisaa gaafachuun kabaja mulquudha,'' jetti.
Ayishaan maqaa faashinii beekamaa tokkorraa waamichi waliin hojjechuu dhiyaateefii, sababa mataasheetiin fudhachuu didde.
Haala akkasiitu, infiluweensara tokko dhugaa qabeessaafi adda kan taasisu jetti. Hordoftoonnis dhugaa akkasii jaalatu jetti.
Kaampaaniin tokko waan isheen irratti waliingalle tokko ni hojjeta taanaan, dhaabbata sana waliin hin hojjettu.
Namootni dhageettii qaban yeroo weerarri Covid-19 diinagdee isaanii miidhe kana keessa, infiluweensaroonni daldaloota kanniin gargaaruu qabuu?
Anaa Silva O'Reilly duula namootni dhageettii qaban damee turizimii gargaaruu qabu jedhu eegalte.
Duulli #PayOurWay jedhamu, infiluweensarootni amma dura damee kanarraa bilisaan waa argachaa fayyadamaa turan, ammammoo damee kana haa gargaaran jedha.
Jarri kun ofumaa baasii baasuun imala taasisuun waahee damee kanaa akka maxxansan jajjabeessa.
Kana malees duulli falmisiisaa tahe #EatOutToHelpOut jedhus, biloogaroota nyaataa fi jiruufi jireenyaan deeggaramuun, manneen nyaataa, bunaafi dhugaatii jajjabeesuuf kan kaayyeffatedha.
Infiluweensaroonni damee beeksisaa keessatti hirmaachuuf yaalii caalmaa godhuu qabuu?
Ashaantii Akubusii kun waanuma tahuu qabudha jetti: ''Namootni damee kanaan caalanii argaman kanneen ogummaa isaaniin beekumsa qabanidha. Akkasumas hordoftoota isaanii waliin fudhatamummaa gaarii qabanidha.''
Infiluweensaroonni keekii bilisaa gaafachuu akka dhaaban kan barbaaddu keekii tolchuun kan beekamtu Reshmii Benet hoo? ''Warra keekii tolchan kaaniif cimsee waanin himu, kan hin godhinaadha. Namuu bilisaan hin kennu taanaan, jarri keekii isaaniif kaffaluu eegalu jechuudha.
''Infilweensaroota ni jaalanna... akka maamilaatti.''














