Viidiyoo sakandii shanii Indiyaafi Paakistaaniin walitti fidde

Madda suuraa, Dananeerr
Fayyadamtoota miidiyaa hawaasummaa biyyoota Indiyaafi Paakistaan walitti fiduudhaan viidiyoon sakandii shanii waan hin danda'amne hojjette.
Shamarreen viidiyoo hojjettu maqaanshee Danaaniir Mobiin jedhamtu gaafa Guraandhala 6, 2021 yeroo viidiyooshee Instagram irratti baastu, biyyoota lamaan keessatti halkan tokkotti akka kana nan beekama jettee hin yaadne ture.
Viidiyoo shamarreen kun maxxansite maal ta'inna jettanii gaafachuu dandeessu. Osoo isinitti hin himiin dura viidiyoo kana isinumtiyyu daawwachuu qabdu:
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Instagramimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa Instagram

Irra isaa wanti adda ta'e hin jiru. Akkas jette shamarreen kun: "Kun konkolaataa keenya, kun nu'idha, kun akka itti gammadnudha."
Viidiyoon kun gurmuu shamarranii waliin gammachuurra jiran agarsiisa.
Viidiyoon sun maal agarsiisa? Shamarran kun ammoo maaliif waliin ta'anii gammachuu isaanii ibsatan? Akkamitti ammoo qalbii namoota biyyoota lamaanii hawwate? Deebiin isaa kunuuti.
Yeroo oduun waa'ee hariiroo biyyoota lamaanii du'aafi ajjeechaa, akkasumas abdii kutannaan dhaga'amutti, fuulli ifaafi gammachuu viidiyoo sana keessa jiru namoota biyyoota lamaan keessa jiran hedduu gammachiise.
Biyyoonni kunneen lamaan ammoo sababa diinummaa gidduusaaniitti baroota lakkoofsiseen yeroo baayyee dhimmoota hedduurratti waliif hin galan.
"Yeroo addunyaa keessa rakkoon hamaafi wal-qooduun hamaan akkasii jiru kanatti gammachuu daangaa ce'u waliif qooduu caalaa wanti nama gammachiisu hin jiru," jechuun BBCtti himte.
"Sababa viidiyookoorraan kan ka'e aniifi ollaankoo amma waliin gammadaa jirra," jette warri isheen waliin gammadaa jirtu kun warra Indiyaa ta'uu akeekaa.
Xiqqoo waa'ee viidiyoo sanaa ibsuudhaaf...
Danaaniir Mobiin shamarree umuriin ishee ganna 19 taatedha. Maqaan fuula Instagram ishee, "call me Geena" jedha.
Shamarreen kun magaalaa Kaaba Paakistaanitti argamtu Peshawaar jedhamtu keessatti miidiyaa hawaasummaarratti nama dhiibbaa uumtudha.
Waan isheen maxxansitu yeroo baayyee fashiiniifi miidhaginarratti kan fulleeffatu ture.
Viidiyoo akka malee qoodame kana keessatti afaan dhalootaashee Urdu tiin "Yeh humari car hai, Yeh hum hain, aur yeh humari pawri ho rahi hai" (hiika isaa ni beektu!), jechuun kaameraa naannooshee waan jiru agarsiisaa.
Jecha afaan Ingliffaa "party" jedhu fayyadamti garuu akka kanatti jechicha dubbaatti "pawrty".
Barreeffama viidiyoo jala keesseen 'gara Kaaba Paakistaan kan gaarreeniin marfamte dhuftanii yeroo boqonnaa keessan dabarsaa' ergaa jedhu dabarsiteetti.
Namoonni bebbeekamoo Paakistaan ta'an biroos viidiyoo kana irra deebiyanii hojjechuun waanta nama kofalchiisan itti dabaluun, akkasumas gara miidiyaa hawaasummaa birootti akka tiwiitaraatti dabarsuun caalaa akka beekamtu taasisaniiru.
Namoonni fiilmii hojjetaniifi barreessan bebbeekamoonis yerosum walharkaa fuudhuu jalqaban.
Itti aansuun ammoo DJn beekamaa Indiya tokko viidiyicha fayyadamee muuziqaa inni hojjete shamarree umuriin waggaa 19 Danaaniir Mobiiniin Paakistaanirra dabartee Indiyaa keessattis akka beekamtuu taatu godheera.












