Sikkim: Daangaa Chaayinaafi Indiyaa irratti ammas walitti bu'insa haaraan dhalate

Ibidda naanno daangaa Indiyaafi CHaayinaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ibidda naanno daangaa Indiyaafi CHaayinaa

Loltoonni Chaayinaafi Indiyaa ammas akka haaraatti daangaa falmisiisaa waliin qaban irratti walitti bu'uun gabaafame. Akka miidiyaan Indiaa jedhutti loltoonni gama lamaaniinuu madaa'aniiru.

Taateen kun Roobii darbe kaaba Sikkim jedhamtutti ture kan raawwatame. Loltuun Indiyaa walitti bu'insi "xiqqoon" "furamaa" turan jiru.

Daangaa waliin qaban akka addunyaatti dheeraadha jedhame kana irratti middamni guddaan ni jira. Gameen lamaan lafa bal'aa naaf ta'a jechuun himatu.

Waxabajji darbe walitti bu'insa Laadak jedhamutti tureen yoo xiqqaate loltoonni Indiyaa 20 du'aniiru.

Walitti bu'insa yeroo darbeerratti maaltu ta'e?

Akka gabaasaaleen miidiyaatti, Kaaba Sikkim bakka Naakuu Laa jedhamutti mudate. Sikkim isteetii Indiyaa Bhutaan fi Neeppaal gidduutti ukkaamamtee kan jirtudha. Bakki kun Ladaak bahaa irraa km 2,500 irratti argama.

Yeroo sanatti paatiroolii Chaayinaa tokkotu daangaa Indiyaa seenuuf yeroo yaalutti akka dirqamaan deebiyu taasifame jedhu aanga'oonni. Akka gabaasaaleen tokko tokko jedhanitti dhakaafi ulee fayyadamiiru garuu dhukaasni hin turre.

Ibsi humna Indiyaa taatee sana salphisee ilaaluun, "Gaafa Amajji 20, 2021 naannoo Naakuu Laa walitti bu'insi xiqqoon tre garuu pirootookooliidhuma jiruun komaandaroota naannichaatiin furameera," jedhe.

Maddi tokko akka Taayims oof Indiyaatti himetti, erga "sagaleen lolaa" dhagahamee gamni lamaanuu humna isaanii bobbaasanii haalli ture to'atameera jedha.

Dubbi himaan ministeera dhimma alaa Chaayinaa Zhao Lijian ibsa bal'aaa waa'ee walitti bu'insichaa kennaa baatanis loltoonni CHaayinaa "nagaa mirkaneessuuf qophaa'oodha" jechuun Indiyaan "gocha daangaa irratti dubbii hammeessu ykn walxaxaa taasisurraa akka of eeggattuuf" gaafateera.