Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
UN: Loltoonni Itoophiyaa miseensa nagaa eegdota UN turan kolu-galtummaa gaafatan
Loltoonni Itoophiyaa miseensa nagaa eegdoota Mootummoota Gamtoomanii (UN) turan 120 ergama isaanii Sudaan xumuran biyyatti hin gallu jechuun kolu-galtummaa gaaffachuusaanii dhaabbatichi beeksiise.
Loltoonni 120 ta'an kan amma eegumsi idil-addunyaa akka taasifamuuf kolu-galtummaa gafatan kunneen qaama ergama Mootummoota Gamtoomanii Daarfur keessaa dhiheenya kana cufameeti jedhameera.
Gaaffiin loltoota meeseensa naga eegsistootaa dhalattoota saba Tigiree naannoo lolli keessatti gaggeeffamee irraa ta'an kuunneen ni ajjeeffamna sodaa jedhuun gara Itoophiyaatti deebi'udhaaf didaniin booda jedhame.
Erga lolli baatiiwwan jahaan dura naannoo Tigraayiitti eegalamee as himannaawwan sarbama hedduun raawwatamaa jira jedhu yaaddoo dabalaa jira.
Mootummaan Gamatoomanii akka jedheetti, loltoonni Itoophiyaa 120 ta'an erga ergamasaanii kan Daarfuur keessaa xumuraniin booda gara biyyasaanitti deebii'urra Sudaan keessatti kolu-galtummaaf iyyatan.
Taateen kun sababii wal dhabdee mootummaafi humnootii naannoo Tigraay jidduutti umammeen hidhata kan qabu fakkaataa.
Kana malees, baatii Guraandhalaa keessa loltoonni Itoophiyaa miseensa gareen nagaa eegdootaa kanneen Tigraay irraa ta'an miidhaan nurra gaha sodaa jedhuun Sudaan Kibbaa keessatti gara biyya deebii'uu didanii ture.
Baatiiwwan jaha darban keessa yeroo lolli naannoo Tigraayiitti gaggeefameetti sarbamni mirgoota namoomaa hedduu raawwatamuu gabaafamaa ture.
Sanbata darbees Paatiriyaarkiin Mana Amantaa Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa kan ta'an Abune Maatiyaas, lolli naannoo Tigraay keessatti gaggeefamu ''gocha garajabinaati'' jechuun balaaleffachunsaanii ni yaadatama.
Sababii lola naannoo Tigraay Sadaasa 4, 2020 egaleetiin namoonni hedduun ajjeefamanii kuma 60 ol kan ta'an ammoo daangaa qaxxaamuruun gara biyya ollaa Sudaaniitti baqachusaanii maddeen ni mul'isu.
Kana malees, sarbamni mirga namoomaa kan akka dubartoota dirqiin gudeeduu naannicha keessatti irra deddeebiin mudataa jiraachuu maddeen hospitaalaafi dhaabbileen gargaarsa namoomaa yeroo adda addaatti himanii jiru.