Indiyaatti namoonni Covid-19n dhukkubsatan dhibee agartuu balleessuun hubamaa jiru

Dhukkubni yeroo meeshaa guuddisee mullisuun

Madda suuraa, Getty Images

Weerarri lammataa koronaavaayirasii Indiyaa hedduu miidheera. Namootni hedduun guyya guyyaan du’aa, kumaatamaan kan lakkaa’aman lubbuun isaanii darbaa jira.

Ammammoo oggeessoti fayyaa dhibamtoota Covid-19 bayyaanachaa jiranii fi bayyaannatan irratti dhibee ‘Bilaak Fangas’ jedhamu argaa jiru.

Afaan meedikaalaan dhibeen mukoormaaykoosis jedhamu kun nama addaan baasee kan hubudha.

Yeroo hedduu dhibeen kun biyyoo, biqiltoota, bobbaa’aa loonii ykn fuduraa tortore irraa kan dhufudha.

Dhibeen kun qawwaaa qilleensi gara qaama keenyaatti seenuu fi somba hubuun keessummaa namoota dhibee dabalataa qaban ajjeessuu danda’a.

Akka barameetti namootni dhibee shukkaaraa qaban, kanneen qaamni isaanii dhibee damdamachuu hin dandeenye, kanneen HIV- AIDS fi kaansarii qaban dhibee kanaan carraan du’uu isaanii bal’aadha.

Carraan ajjeesuu isaa %50 kan ta’e dhibeen kun kan tatamsa’e namootni Covid-19 guddaa dhibaman erga qoricha humna kennuuf fudhachuu eegalaniin booda jedhu ogeessoti fayyaa.

Qorichi isteerooyidii ykn hormonii namtolchee sombi akka hin dheekkamne kan godhuufi dandeetti dhibee damdamachuu qaamaa dabaluun kan beekamudha.

Ta’us garuu namoota dhibee shukkaraa qabanii fi hin qabneef dandeetti dhibee ittisuu qaamaa isaanii hir’isuu danda’a.

Yeroo kanattidha dhibeen mukoormaaykoosis kun nama hubu jechuun ogeessonni fayyaa ni ibsu.

Indiyaa weerara koronaavayirasii lammaffaan midhamtee keessaatti hospitaalaa sadii keessaa kan hojjatu Dookatar Naayir ji’a darbee eegalee yoo xiqqaatee namootni 40 dhibee kanaan akka hubaman arguu isaa hima.

Muddee darbee hanga Bitootessaatti yeroo jiru keessatti magaaloota gurguddoo shan keessatti namootni 58 dhibee kanaan hubaman argamaniiru.

Namootni hedduun dhibee kanaan kan hubaman Covid-19 irrraa erga bayyaannatanii guyyoota 12-15 booda gidduuttidha.

Mumbaayitti hospitaalli Saayon, ji’oota darban lama keessatti namootni 24 dhibee namoota addaan qoode hubu kanaan qabamuu isaani gabaaseera.

Namoota kunneen keessaa kudha tokko agartuu isaanii tokko kan dhaban yoo ta’u, ja’a ammo lubbuun isaani darbeera.

Magaalaa Beengaaluruutti oggeessa wal’aansa ija baqaqsanii hodhuu kan ta’an Dr Raanguraaj torban lamaan darban keessatti namoota dhibee mukoormaaykoosisiin hubaman 19 arguu isaaniifi hedduun isaani dargaggoota ta’uu himaniiru.

Oggeessonni fayyaa dhibeen fangasii irraa dhufu kun weerara lammataa koronaavayirasiin akkas aritiin tatamsa’uun isaa akka isaan naasise himu.

Dr Naayir yeroo wagga tokko hin gunnee darbe keessatti namoota dhibee kanaan hubaman 10 argachuu isaa hima. Ta’us garuu wagga kana hedduu aritiin tatamsa’uu isaa dubbata.

Namootni dhibee kanaan qabaman funyaan isaanii ni duuda, ni funuuna akkasumas nannoo ija isaanitti dhukkubbii fi dhiita’uun itti dhaga’ama, Takka turuun ammo dandeettiin arguu isaanii dadhabaa deemuun dhuma irratti gutummaatti qaroo dhabbeeyyi ta’u.

Dhibee kana ittisuuf qorichi gargaaru tokkoon isaa doolara 48 ykn gara birria 2000’n kan gurguramu yoo ta’u, qorichichaa walitti aansuun torbanoota hedduuf fudhachuun barbaachisaadha.