Suuraalee gaddisiisoo Indiyaatti reeffa namoota Covid-19'n du'anii gubatu mul'isan
Suuraaleen nama gaddisiisan Indiyaa keessatti tibba kana argamaa jiran biyyattiin weerara koronaavaayirasii marroo lammaffaan akkamiin akka miidhamteefi wal'aansoorra akka jirtu mul'isu. Haga ammaattis namoonni 200,000 ol sababa kanaan lubbuu dhabaniiru.
Akeekkachiisa: Odeessi kun suuraalee qalbii isin jeequu malan ofkeessaa qaba.

Madda suuraa, Danish Siddiqui / Reuters
Indiyaan biyyoota addunyaa kamuu caalaa guyyoota torba dabran keessa, lakkoofsa namoota Covidn qabamanii olaanaa galmeessiteetti.
Namoonni siree hospitaalaa eeggachaa lubbuu dhabu - hanqinni Oksijinii hamaan biyyattii mudate hospitaalota muddaa jira.
Kana hordofees iddoowwan reeffi itti gubatu bakka dhabuun rakkachaa jiru. Kaan walitti fufinsaan hojjetu, hojjettoonnis boqonnaa malee hojjechaa akka jiran himu.
Amantaa Hinduuyizim keessatti, reeffa gubuun sirna awwaalchaa keessaa isa olaanaa dha. Hinduuwwan qaamni namaa fi lubbuun gargar akka bahuuf reeffi gubachuu qaba jedhanii amanu.
Magaalaa guddittii Deelhii keessa qoraan bobeessan dhabamee, aanga'oonni paarkiiwwan keessaa muka muraa jiraachuun gabaafameera.
Hanqina iddoo gubuurraa kan ka'es maatiin namni jalaa du'ee, sirnicha raawwachuuf sa'aatiiwwan dheeraa eeguuf dirqamaniiru. Kaan reeffa nama kaanii gubuufillee qoraan akka tuulaniifi sirna gaggeessuun akka qarqaaran gaafatamaa jiru.
Suuraaleen armaan gadii Delhii keessatti hojjettootaafi maatiin yeroo sirna gubuu reeffaa irratti hirmaatan agarsiisa.

Madda suuraa, Naveen Sharma/SOPA Images/Shutterstock

Madda suuraa, Adnan Abidi / Reuters

Madda suuraa, Adnan Abidi / Reuters

Madda suuraa, Adnan Abidi / Reuters

Madda suuraa, Amarjeet Kumar Singh / Shutterstock

Madda suuraa, Danish Siddiqui / Reuters

Madda suuraa, Danish Siddiqui / Reuters

Madda suuraa, Adnan Abidi / Reuters

Madda suuraa, Adnan Abidi / Reuters

Madda suuraa, Danish Siddiqui / Reuters

Madda suuraa, Adnan Abidi / Reuters

Madda suuraa, Adnan Abidi / Reuters

Madda suuraa, Adnan Abidi / Reuters

Madda suuraa, Adnan Abidi / Reuters
Suuraaleen hundi mirgi abbummaa isaanii kan eegamedha.












