Itoophiyaan Finfinnee buufata Barbaraan walqunnamsiisuuf waliigaltee mallatteessite

Itoophiyaan magaalaa Finfinnee buufata galaanaa Barbaraa waliin walqunnamsiisuuf hojii hojjetamu si'eessuuf, jaarmiyaa misooma buufata galaanaa guddicha addunyaa kan qabeenya biyya UAE ta'e 'DP World' jedhamu waliin waliigaltee doolaara biiliyoona tokkoo mallatteessite.

Buufata Barabaraa Itoophiyaa fi Somaaliilaand walitti hidhu misoomsuun karoora biyyoota lamaanii yoo ta'u, Itoophiyaan waan gamasheetiin jiru eegalteetti jedhan Ministirri Geejjibaa Itoophiyaa Daagmaawwit Mogas.

Buufati kun misoomuun ulaa diinagdee naannawa kana jiru, kan carraan itti cufamee ture, waan banuuf Itoophiyaa fi Somaaliyaarra darbee addunyaaf faayidaa guddaa ta'a jedha jaarmiyaan DP World jedhamu.

Daandii buufata Barbaraa irraa hanga magaalaa daangaa Somaaliilaandi fi Itoophiyaarra jirtu, Waacaaleetti, jiru ijaaruunis qaamuma pirojektii kanaati.

Pirojektiin misooma buufata Barbaraa kun bajata jaarmiyaalee gurguddoo addunyaa lama: ''Abu Dhabi Fund for Development fi UK Department for International Development'' ramadaniin hojjetama.

Pirojetiin kun xumura bara kanaatti hojii eegala jedhameera.

DP World buufata galaanaa Barbaraa irratti dabalataan buufataalee biroo, mankuusaawwan, gamoowwan fi mankuusaawwan meeshaalee daldalaa qorrisiisanii tursiisan biroo ijaarsisuuf maallaqa doolaara biiliyoona tokko ramaduu ibseera.

Garee investimentii kanarratti bobba'ee jiru kan dursanii fi Hoogganaa DP World kan ta'an Aab Sulxaan Ahmad Bin Sulaymaan, ''Hojiin investimentii kun carraa hojii guddaa kan uumu, hojiiwwan investimentii biroof bu'uura kan ta'uu fi naannawa kana ulaa misoomaa guddaa kan godhuudha.

Akkasumas carraa daldalaa idil-addunyaa gosa hedduu biyyoota kunneeniif kan uumuudha,'' jedhan.

Buufata galaanaa Barbaraa yeroo dhiyoo as carraa misoomuu guddaa argatee jira.

Bara 2016 DP World buufaticha akka misoomsuu fi babal'isu akkasumas waggoota 30n itti aananiif waliin ta'uun buufaticha hoogganu mootummaan Somaaliilaand waliigaltee mallatteessee ture.

Akkaataa waliigaltee kanaan biyyi handaara galaanaa hin taanee fi dachee qofaan marfamtee jirtu Itoophiyaan faayidaa buufatichaa keessaa dhibbeentaa 19 akka qooddattu murtaa'eera.

Somaaliilaand dhibbeentaa 30 kan qooddattu yoo ta'u, kan buufaticha abbummaan gaggeessu ammoo dhibbeentaa 51 qooddata akkaataa waliigaltee bara 2016'tiin.

DP World doolaaraa miiliyoona 442 ramaduun, buufati kun hanga inni waggaatti konteenaroota faana 20 ta'an miiliyoona lama keessummeessutti hojjechuu himeera.

Yeroo dhiyoo as Itoophiyaan biyyoota ollaashee hunda waliin hariiroo daldalaa cimsuuf ulaawwan daldalaa heddummeeffataa jirti.

Sirna waliigaltee mallatteessuu DP World waliin taasifamerratti kan dubbatan Ministirri Daldalaa Itoophiyaa Daagmaawit Mogas, ''Itoophiyaan buufataalee itti fayyadamtu heddummeessuun ulaawwan daldalaa hedduu uummachuufi daldala ishee fooyyeffachuuf ni hojjetti,'' jedhan.

Qondaalli kun twitter isaaniirratti akka barreessanitti ulaan daldalaa Barbaraa misoomnaan Itoophiyaan meeshaa alaa galchuu qofa osoo hin taane, kan biyyashees haala salphaan addunyaaf dhiyeessiti.

Yeroo ammaa daldalli Itoophiyaan gara keessaa fi alaatti taasistu dhibbeentaan 95 karaa buufata Jibuutii raawwata.

Itoophiyaan bara 2018 geejjiba baaburaa saffisaa elektirikiidhaan hojjetu kiilomeetira 750 eegaltee turte, kunis daldala karaa buufata Jibuutii taasistu si'eessuuf.

Biyyattiin daandii karaa Jibuutii kanarratti xiyyeeffachuun maallaqa hanga doolaara Ameerikaa biiliyoona 4.5 ta'u ramaduun geejjiba baabura si'ataa diriirsiteetti.

Ulaan daldalaa Finfinnee gara Barbaraa wayita mijatu garuu sochiin daldalaa gara Jibuutii harka 50 qofa ta'a.